Roobni si’anaa midhaan ga’ee mancaasuun ala weerara dhibee busaatiif haala mijataa uumuu danda’a

Finfinnee: Roobni yeroosaa hineegne tibbana roobaa jiru midhaan ga’e mancaasuun alatti weerara dhibee busaa waan hammeessuuf of eeggannoon taasifamuu akka qabu Inistitiyuutiin Meetiworolojii Itoophiyaa hubachiise.

Inistitiyuutichatti Daarektarri Damee Raaga Meetiworolojiifi Dursee Akeekkachiisaa Doktar Asaamminoo Tashoomaa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, roobni yeroosaa hineegne amma roobaa jiru midhaan ga’e mancaasuun ala walhormaata bookee busaatiif haala mijataa waan uumuuf of eeggannoo cimaan taasifamuu qaba.

Roobni kun midhaan ga’e mancaasuutti dabalataan qulqullinasaa haalaan waan gad buusuuf qonnaan bulaan midhaan bilchaatee oyiruurra jiru dafee walitti qabuutu irraa eegama. Naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Beenishaangul Gumuziifi Gaambeellaatti roobni waqtiisaa hineegne kun weerara dhibee busaa waan babal’isuuf bishaan bakkeewwan garaagaraatti kuufaman dhabamsiisuun barbaachisaadhas jedhaniiru.

Itoophiyaatti kanaan dura waqtiin bonaa haala qilleensa gogaan beekama kan jedhan Doktar Asaamminoon; yeroo ammaa giddugalli garba Paasifikiifi Kaabni garba Indii haalaan ho’aa waan jiruuf qilleensa jiidhaa seenaa jiruun Itoophiyaan haala hinbaratamneen rooba guddaa akka keessummeessituuf dirqisiisaa jiraachuu ibsaniiru.

Akka isaan jedhanitti, naannolee waqtii bonaa kanaan dura rooba hinqabne kanneen akka naannolee Tigraay, Affaar, Amaaraa, giddugala Oromiyaafi Beenishaangul Gumuz rooba argachaa jiru. Roobni amma roobaa jiru rooba salphaa hanga miliimeetira 60 hanga 106 yommuu ta’u, Goreefi Arbaa Mincitti roobni daran cimaan miliimeetira 106 galmaa’eera. Rooba yeroosaa hineegne amma mudataa jiru kana ilaalchisee inistitiyuutichi Adoolessa keessa beeksisuunsaa ni yaadatama.

Gama birootiin bakkeewwan kanaan dura rooba dhabuun hongeen dararamaa turan yeroo ammaa rooba gahaa argachaa waan jiraniif barana Itoophiyaatti mallattoon hongee akka hinjirres eeraniiru.

Bakkewwan rooba idilee waqtiilee birraafi bonaan argataniif haalli rooba baranaa kun daran mijataadha jedhanii; bakkeewwan waqtiin alatti roobni roobaa jirutti bishaan qixa sirriin cim’isuun misooma jallisiif fayyadamuun barbaachisaa ta’uu dhaamaniiru.

Haa ta’u malee, bakkeewwan bonaa rooba argatanittuu roobni cimaan idilee sigiga lafaafi garmalee guutuu lageeniif sababa ta’an mul’achaa waan jiraniif of eeggannoo barbaachisaan taasifamuu qabas jedhaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Roobni si’anaa midhaan ga’ee mancaasuun ala weerara dhibee busaatiif haala mijataa uumuu danda’a”

  1. Pingback: anti stress

Comments are closed.