Finfinnee: Baatiin Nageenya Saayibarii biyyaalessaa 4ffaan Onkoloolessa jalqabarraa kaasee mataduree, “Humna Saayibarii Haleellaa Qolachuusaa Mirkanaa’e Birmadummaa Biyyaaf” jedhuun sagantaalee gara garaatiin kabajamaa jira.
Haleellaan saaybarii namoota dhuunfaa, dhaabbileefi akka biyyaatti miidhaa guddaa qaqqabsiisa. Haleellaan saayibarii keessumaa seektara faayinaansiifi miidiyaarratti daran kan hammaatu ta’uufi haleellaan kun yeroo rakkoo nageenyaa ykn waraanaa kan hammaatu ta’uu odeeffannoon Bulchiinsa Nageenya Marsariitii Odeeffannoo Itoophiyaarraa arganne ni mul’isa.
Qorannoo Bulchiinsi Nageenya Marsariitii Odeeffannoo adeemsiseen, hubannoo hawaasni nageenya saayibariirratti qabu gadaanaadha. Hawaasni %65 nageenya saayibariirratti hubannoo hinqabu; namoonni %73 ammoo ‘Password’ cimaa hinfayyadaman.
Yeroo Itoophiyaan gara dijitaalaatti seenaa jirtu kanatti ofii keenya, dhaabbataafi biyya keenya halleellaa saayibariirraa baraaruuf miidiyaan haleellicha qolachaa hubannoo hawaasni nageenya saaybariirratti qabu gabbisuurratti xiyyeeffatee hojjechuu akka qabu yaadachiiseera.
Qorannoon taasifame akka ibsutti, baay’ina ummata Itoophiyaa keessaa kan intarneetiifi miidiyaa hawaasummaa fayyadaman miliyoona 33 ol ta’u. Kana keessaa hubannoo nageenya saaybarii beekanii kan ittifayyadaman %35 ta’u. Hubannoo hawaasni nageenya saaybariirratti qabu gabbisuuf barumsi ittifufiinsaan kennamuu akka qabus ibsameera.
Hundeessaa ‘OICT Solutions’fi Hogganaa Olaanaan ‘Afan Africa Association – 3A’ Abdiisaa Baancaa Jaarraa gaafdeebii dheengadda dhimma haleellaa saayibariirratti Gaazexaa Bariisaa waliin taasiseen akka jedhutti, haleellaan saayibarii yeroo ammaa haala ulfaataafi rakkisaa keessa jira.
Haleellichaan ALA bara 2023tti akka addunyaatti hanni doolaara tiriiliyoona 23 raawwatameera. Maallaqni kun waajjiraalee mootummaa, dhuunfaa, daldalaa biyyoota gara garaatti argamanirraa hatame. Hanni kun maallaqa akkasiitu sii ergame ykn sii ergama ykn maallaqa hammanaa ergi jechuun kan raawwatame ta’uu eereera.
Maallaqni hatamu tiriiliyoona seeneera kan jedhu Abdiisaan, of eeggannoo jabaa qofa utuu hintaane humna haleellaa saayibarii qolachuu danda’u ijaaruun barbaachisaa ta’uu eeree, keessumaa sektaroonni faayinaansii, daldalaafi miidiyaa haleellicha qolachuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban dubbata. Akkaawuntiin namoota dhuunfaas hatamaa jiraachuu dubbata.
Yeroo ammaa maallaqa akkasii argachuuf linkii kana cuqaasuun unka kana guutaa jechuun akkaawuntiin namoota baay’ee hatamaa jiraachuu kan himu ogeessichi, namoonni liinkota amanamoo hintaane cuqaasuufi unkicha guutuurraa akka of qusatan gorseera. Bulchiinsi Nageenya Marsariitii Odeeffannoo Itoophiyaa hubannoo hawaasni nageenya saayibariirratti gabbisuuf afaanota gara garaatiin miidiyaa fayyadamuun barsiisuu akka qabus yaadachiiseera.
Yeroo ammaa teknolojii wajjin tarkaanfachuun dirqama waan ta’eef teknolojiirratti dandeettii bu’uuraa qabaachuu qabna kan jedhu Abdiisaan, dandeettiin bu’uuraa kun kompiyuutara fayyadamuu, akkaawuntii miidiyaa hawaasummaa kan ittiin ergaa waliif dabarsinu kana of eeggannoon ittifayyadamuu danda’uu qabna. Paaswoordiin akkaawuntii keenyaas cimaa, kan dijitii ja’aa oliifi hinirraanfanne ta’uu qaba jedha.
“Paaswoordii keenya lakkoofsa bilbila keenyaa gochuun sirrii miti. Kun akkaawuntiin keenya akka hatamuuf waan karaa banuuf ‘paaswoordii’ jabaa kan namoonni salphaatti tilmaamuu hindandeenyeefi nutis irraanfachuu hindandeenye fayyadamuu qabna. Kanaafis qubee, lakkoofsaafi mallattoolee gara garaa walkeessa maknee ittihaafayyadamnu jedha.
Dandeettii bu’uuraa kana ‘Google’fi ‘Youtube’ irraa barachuu dandeenya. Yeroo ammaa ‘Youtube’n Afaan Oromootiin tajaajila kennu ykn sagalee Ingiliffaan jiru jalatti Afaan Oromootiin barreessuu jalqabuus eereera.
Haleellaan saayibarii gocha burjaajessitoonni kompiyuutara, netwoorkii kompiyuutaraafi sirnootasaarratti miidhaa geessisuun odeeffannoofi maallaqa hatuuf raawwataniidha. Haleellichi tooftaawwaniifi teknikiiwwan gara garaa fayyadamuudhaan bakkaafi yeroon utuu hindaangeffamin interneetiidhaan raawwachuu danda’a. Haleellicha qolachuufis ‘Password’ cimaa fayyadamuu, sooftiweerii farra vaayrasii fayyadamuu, yeroo ‘Email’ bannu liinkota hinbeekamne nutti ergaman cuqaasuurraa of eeggachuu qabna.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016
3 Comments to “ “ALA bara 2023tti haleellaa saayibariitiin hanni doolaara tiriiliyoona 23 ta’u raawwatameera” -Abdiisaa Baancaa (Ogeessa ‘ICT’)”
Comments are closed.