Finfinnee: Mootummaan ce’umsa dinagdee qonnaarraa gara indastiriitti taasifamu akka deeggaruuf waggoota shanan kana misooma paarkiiwwan indastiriirratti xiyyeeffannaadhaan hojjetaa jiraatus hirmaannaan abbootii qabeenyaa biyya keessaa gadaanaa ta’uu Korporeeshiniin Misooma Paarkiiwwan Indastirii Oromiyaa ibse.
Gaggeessituun Hojii Korporeeshinichaa Aadde Sannaayit Mabree gaafdeebii Gaazexaa Bariisaa wajjin Kibxata darbe waajjirasaaniitti taasisaniin akka jedhanitti, korporeshinichi paarkiiwwan indastirii mootummaafi abbootii qabeenyaatiin misoomsuun gara omishaatti akka seenaniif hojjetaa kan jiru yoo ta’u, wayita ammaa Paarkii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa xumuruun abbootii qabeenyaaf dabarsee guutummaatti tajaajila eegaluuf qophiitti jira. Magaalaa Naqamteettis ijaarsii paarkii qonna qindaa’aa kan eegalame yoo ta’u, waggoota lama keessatti hojiitti seena jedhamee eegama.
Kanneen malees, magaalota ja’a keessatti jechuunis Maqii, Shaashamannee, Dodolaa, Itayyaa, Baalee Roobeefi Oolancitiitti paarkiiwwan sadarkaa giddugala ce’umsa baadiyyaatiin misooman jiraachuu eeranii, kunneenis bal’inni lafasaanii kanneen guguddoorra haa xiqqaatu malee waan paarkiin tokko guuttachuu qabu akka qabaniifi kanneen keessaa kan Maqiifi Shaashamannee waa hundi xumuramee abbootiin qabeenyaa itti seenaa jiraachuu ibsu.
Akka ibsasaaniitti, misoomni paarkiiwwanii faayidaa hedduu kan qabu yoo ta’u, carraa hojii uumuu, alergii guddisuun sharafa alaa argamsiisuu, meeshaalee alaa galan omisha biyya keessaatiin bakka buusuun baasii bahu hambisuu, hariiroowwan dinagdee addaddaa uumuufi keessattuu indastiriin agroo ykn indastirii qonna qindaa’aa amma hojjetamaa jiru qonna biyyattii gara indastiriitti ceessisuu keessatti shoora olaanaa qaba. Akkasumas korporeeshinichi dhaabbata biznasii waan ta’eef mootummaaf galii dabalataa ta’uun dinagdee biyyaa ni utuba.
“Misoomni paarkiiwwanii erga eegalamee yeroo gabaabaa waan ta’eef bakka yaadamerra ga’eera jechuu hindandeenyu. Fakkeenyaaf Paarkiin Qonna Qindaa’aa Bulbulaa misoomfamaa ture waggaa tokko dura hojiitti seenuu qaba ture. Garuu sababoota kanneen akka, harkifannaan abbootii qabeenyaa, indastiriin paarkii mootummaa kan barame ta’uu dhabuun, nyaata qindeessuurratti hojjetamaa kan hinturre ta’uun, liqiin baankii akka barbaadametti argamuu dhabuun, bu’uuraaleen misoomaa akka barbaadameetti guutamuu dhabuufi kkftiin akka yaadame hojiitti hinseenne” jedhu.
Paarkicha keessa invastaroonni 29 (%30) lafa fudhatanii pirojektiiwwan 34n hojiitti seenuuf qophii xumuraa jiraachuu himanii, baay’inni abbootii qabeenyaa biyya keessaa gara indastirii kanaatti seenanii hojjetanii garuu gadaanaa ta’uufi rakkoon kun akka naannootti qofa osoo hintaane akkuma biyyaattuu rakkoo mudate ta’uu paarkii indastirii Boolee Lammii akka fakkeenyaatti fudhachuun ibsu.
Akka Aadde Sannaayit jedhanitti, invastimantiin biyya tokkoo biyyarratti yoo xiyyeeffate waan filatamuuf mootummaan abbootii qabeenyaa biyya keessaaf %60-80 dursa kenneefi haalota mijatoo uumee hojjetaa jira. Ta’us hirmaannaan isaanii hanga barbaadame waan hintaaneef abbootii qabeenyaa biyya alaa hirmaachisaa jira. Kanneen faayidaasaa hubatanii dhufanii misoomsuu barbaadaniif garuu ammayyuu karri banaadha.
Paarkii Qonna qindaa’aa Bulbulaatti abbootiin qabeenyaa hanga lafa fudhatan guutummaatti hojiitti osoo seenanii namoota kuma sagal oliif carraan hojii banamuu akka danda’u kaasanii, gaafa guutumaatti hojiitti seenummoo kallattiidhaan namoota kuma 30 oliif carraa akka banu ibsu. Paarkichi heektaara 271 akka bal’atuufi heektaarri 135 zoonii omishaa ta’uu akka agarsiisaatti kaasu.
Korporeeshinichi paarkii misoomsuu maddiitti qulqullina omishaa eegsisuufi to’achuurratti, invastarri biyya keessaafi alaa dhufee akka nama barate mindeessuu hinrakkanneef namoota leenjisuun, rakkoon gabaa akka hinmudanneefis seektara dhimmichi ilaallatu waliin hojjechuuf dirqama akka qabu eeru.
- Guutummaa gaafdeebii isaan wajjin taasifame fuula Mijuurraa argattu!
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016
7 Comments to “Paarkiiwwan indastirii keessatti hirmaannaan abbootii qabeenyaa biyya keessaa gadaanaadha”
Comments are closed.