-Gadab Asaasaatti sassaabbiin midhaanii eegalame
Godina Shawaa Kibba Lixaatti kan argamu lagni Awaash ganna ganna guutuun nama buqqisuufi nyaachuun lammiilee gidirsaa tureera.
Amma garuu laga nama nyaatu kana gararraa nyaachuutti geeddaruuf qorannaan gaggeeffamaa jiraachuu pirezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.
Kamisa dheengaddaa sagantaa facaasaa qamadii bonee bara 2016 Godina Shawaa Kibba Lixaa, Aanaa Sabbataa Hawaas, Ganda Awaash Bal’ootti kan jalqabsiisan pirezidaantichi Awaash nama nyaachuurraa gara irraa nyaachuutti geeddaruuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.
Bishaan balbala ofii ciisu tajaajila jallisiif oolchuu dhabuun dinagdee lammiilee hubaa turuu kaasaniiru.
Amma garuu toorri xiyyeeffannoo taa’ee qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu dubbatu.
Qorannichi laga Awaash gara misoomaatti deebisanii hawaasni naannawichaa fayyadamaa akka ta’u gochuuf kan akeeke ta’uu ibsaniiru.
Misoomni jallisii qamadii bonee babal’achuun waggaatti yeroo lama oomishuun dinagdeen of cimsuun akka dabalu kan godhu waan ta’eef deeggarsi barbaachisaa akka taasifamu dubbatanii jiru.
Bara kana lafa hektaara miliyoona 2.6 ol qamadiin uwwisuun galii callaa kuntaala miliyoona 105 argamsiisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Karoora misoomni qamadii bonee barana qabame milkeessuuf ittifayyadamni aadaa jallisii gabbachuu akka qabu himanii, lagni Awaashis tajaajla jallisii bonee kanaaf shoora guddaa akka taphatu hubachiisaniiru.
Omishaafi omishtummaa dabaluuf toorri xiyyeeffannoo aadaa jallisiifi kilaastaraan qotuu cimuu akka qabu kan dhaamanimmoo Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuuti.
Guutuu Oromiyaatti warraaqsi dinagdee misooma qonnaarratti gaggeeffamaa jiru Itoophiyaaf wabii kan ta’udha jedhanii, tattaaffii qamadii alaa galu hambisuun ala erguu eegalame Oromiyaatti xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Haaluma walfakkaatuun sassaabbiin qamadii kilaastaraan misoomee Godina Arsii Lixaa, Aanaa Gadab Asaasaatti kaleessa Pirezidaantii Shimallis Abdiisaatiin jalqabsiifame yoo ta’u, barana kuntaala miliyoona 5.8 ol argamsiisuuf karoorfamuu hogganaan waajjirichaa beeksisaniiru.
Hoggantichi, Doktar Abdullaahii Beekaa ibsa addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, lafti hektaarri kuma 170 ol qamadiidhaan kan misoome yoo ta’u, galiin kuntaala miliyoona 8.5 akka eegamus ibsaniiru.
Yeroo ammaattis hojiin qamadii gahe sassaabuu Aanaa Gadab Asaasaa, Ganda Dabaaraa Buuraatti kan eegalchiifame yoo ta’u, qisaasa’inni callaa akka hinmudanneefis kombaaynaroonni hedduun bobbaafamee si’aayinaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
WaasihunTakileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 24 Bara 2016
7 Comments to “Awaash kan nama nyaatu osoo hintaane kan irraa nyaatamu gochuuf hojjetamaa jira”
Comments are closed.