Addunyaa sadii afraffaanshii galaanaan uwwifame keessaa biyyoonni balbala galaanaa hinqabne sadarkaa addunyaatti biyyoota 44 yoo ta’an, sadarkaa Afrikaattimmoo biyyoota kudha jaha.
Afrikaatti biyyoota balbala galaanaa hinqabne keessaa Itoophiyaan ishee tokko yoo taatu, balballi galaanaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu akkasumas dhimma walabummaa Itoophiyaa seeraan deebisiisuu ta’uu hayyoonni ni kaasu.
Kufaatii sirna Minilik booda aangoo kan qabatan Lij Iyyaasuun imaammata alaa guguddoo baafatan keessaa inni tokko marfama Itoophiyaarratti aggaame (koloneeffattootaa) diiguu, inni lammaffaammoo faayidaa seenaan Itoophiyaan galaana diimaarraa argachuu qabdu deebisuuf “Gaaf tokko fardikoo bishaan Galaana Diimaa ni dhuga” kan jedhu ture jedhu keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa.
Keessummaan keenya Kaadhimamaa Doktireetiifi Hayyuu Saayinsii Siyaasaa yoo ta’an, Itoophiyaan balbala galaanaa dur qabdurraa akkamiin adda baate? Yaaliin faayidaa argamaa ture ittifufsiisuuf taasifame maal fakkaata? Yaadni Ministirri Muummee Itoophiyaa tibbana dhimma kanarratti mataduree, “Copha bishaaniirraa hanga galaana bishaaniitti” jedhuun dhiyeessan akkamiin ilaalama, milkaa’uu danda’a isa jedhuuf deebii argachuuf keessummaa keenya wajjin gaafdeebii taasisneerraa dubbisa gaarii.
Bariisaa: Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis Hayiluu eenyu?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimmallis: Shimallis Hayiluun jedhama Naannoo Oromiyaa, Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Warra Jaarsoo, Ganda Dhaayituuttin dhaladhee guddadhe.
Bariisaa: Haalli barnoota keessanii sadarkaa 1ffaa hanga yunivarsitii jiru maal fakkaata? Eessa eessatti barattan?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Barnoota koo sadarkaa 1ffaa Mana Barumsaa Dhaayituu Goorgisii jedhamuttin baradhe. Sadarkaa 2ffaa ammoo Mana Barumsaa Tulluu Milkiitti, Qophaa’ina Mana Barumsaa Qarree Go’aattin xumure.
Bariisaa: Qophaa’ina xumurtanii Yunivarsitii eessatti maal barattan?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Akkuman kutaa kudha lama xumureen Yunivarsitii Wallaggaa seeneen Saayinsii Siyaasaafi Hariiroo Idilaaddunyaatiin digrii jalqabaanin eebbifame. Digrii koo 2ffaas Yunivarsitii Finfinneetti Hariiroo Idilaaddunyaatiin hojjedheera.
Bariisaa: Baruu barsiisuu eessatti eegaltan?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Ergan digrii koo lammaffaa hojjedhee Yunivarsiitii Walloo Dasseetti ramadamee waggoota shaniif barsiiseera. Kanamalees yunivarsitichatti hoggansa gara garaatiinin tajaajilaa ture. Yeroo ammaammoo Yunivarsitii Finfinneetti barsiisaafi kaadhimamaa doktireetii Saayinsii Siyaasaati.
Bariisaa: Hayyee, Addunyaa sadii afraffaanshii galaanaan uwwifame keessatti biyyoonni balbala galaanaa hinqabne hammami, sadarkaa Afrikaattoo?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Sadarkaa addunyaatti biyyoonni 44 balbala galaanaa hinqaban. Sadarkaa Afrikaattimmoo Itoophiyaa dabalatee biyyoonni 16 balbala galaanaa hinqaban.
Bariisaa: Sadarkaa addunyaatti daldalli galaanarraan gaggeeffamu hammami?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Daldalli addunyaa kanaa dhibbantaa 80 ol galaanarratti kan taasifamu yoo ta’u, biyyoonni balbala galaanaa hinqabne dhibbantaa 33-40 daldala galaanarraatiin duubatti hafoodha jechuudha.
Kunis hariiroon dinagdee, siyaaasaafi hawaasummaa biyyoota gidduu jiru akka walgatu taasisa. Kanamalees nageenya waaraa biyyaafis hudhaa hamaa waan ta’eef balbala galaanaa qabaachuun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti.
Bariisaa: Itoophiyaan balbala galaanaashee kan dhabde yoomi?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Sirna Minilik keessa keessumaa bara 1908 waliigaltee mallatteeffameen Itoophiyaan balbala galaanaashee dhabdeetti. Kunimmoo hariiroo hawaas dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa Itoophiyaarratti dhiibbaa guddaa uumeera jechuun danda’ama.
Bariisaa: Kufaatii sirna Minilik booda balbala galaanaa Itoophiyaaf deebisuuf carraaqqiin taasifame hinjiruu?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Akkuma Lij Iyyaasuun gara aangootti dhufaniin imaammata alaa baafatan keessa guguddoon marfama Itoophiyaa diiguun Afrikanota bilisa baasuufi faayidaa Itoophiyaan Galaana Diimaarraa argachuu qabdu deebisiisuuf bu’uura buusaniiru jechuun nidanda’ama.
Bariisaa: Lij Iyyaasuun imaammata alaa baasaniin fardikoo gaaf tokko galaana Diimaa nidhuga jedhaniiru jedhama ergaan kanaa maalinni?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Faayidaa murteessaa balbala galaana Diimaarraa Itoophiyaan argachuu qabduufi harkaa bahe deebisiisuu kan kaayyeffateedha.
Bariisaa: Lij Iyyaasuun imaammata alaatiin ilaalchaafi ejjennoo cimaa kan qabu jijjiiramaafis kan of kennaniidha jedhama. Aangootti dhufanii walabummaa biyyaa kabachiisuu keesstti maal hojjetan?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Akkuma gara aangootti dhufaniin biyya keessaafi alatti fudhatamummaa argachuuf hojii ciccimaa hojjetaniiru. Hojii gama siyaasaatiin, hawaas dinagdeen hojjetaniinis nama jabaa turan jechuun danda’ama.
Bariisaa: Biyya keessatti jijjiiramoota maal maal galmeessisan?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Walqixxummaan sabaafi sablammiilee, amantaa, ittigaafatamummaan seeraa seera qabeessa akka godhatu, gibiraafi asraatarratti jijjiiramni akka dhufu taasisaniiru.
Kana malees poolisiin ammayyaa (Turunbulleen) biyya keessatti ilmaan sabaafi sablammii keessaa babahanii leenji’uu akka qaban taasisuun hogganaa jabaa isaan jechisiisa.
Waliigala seerota badaa sistamii quraanyaa, leebashaayiifi ciqaa shuumii jedhaman seera qabsiisuun jaalala ummata bal’aa horataniiru.
Sirna Minilik keessa poolisiin kan leenji’u biyya Liibiyaatti ergamanii yoo ta’u, isaanuu Gojjaamirraa kan filataman waan ta’aniif komii guddaatu ture. Namoonni poolisii Turunbullee kana leenji’uuf gara Tiriipoolii deeman marti eessaa dhuftan jedhamanii leenjistootaan gaafa gaafataman hunduu Gojjaam jedhanii deebisu. Yeroo sana Raas Hayiluunimmoo yoom dhufu jedhanii itti qoosaa turan.
Kana jechuun Itoophiyaan biyya sabaafi sablammii hedduu taatus yeroo sanatti kan gara Faransaay deemee leenjii poolisummaa fudhatu ijoolluma naannawa tokkoo qofa waan turaniif mootii Goojjam, Raas Hayiluunimmoo yoom dhufanii leenjii fudhatu jedhanii adeemsicha qeeqaa turan.
Lij Iyyaasuunis dhimma kana waan beekaniif hojmaata badaa sana maqsanii leenjistoota alaa fidanii ijaarsi poolisii Turunbullee biyya keessatti ilmaan sabaafi sablammii akka hirmaachisu taasisaniiru.
Gama biraatiin dippilomaasiidhaanis hogganaa cimaa turuu seenaan ragaa bahaaf. Kanaafis koloneeffattootaan marfamuun Itoophiyaa diiguuf biyyoota faallaa koloneeffattootaa waliin hariiroo uumuunsaanii, walabummaa biyyaa ykn Itoophiyaa kabachiisuuf balbala galaana Diimaa 1908 harka baafame deebisiisuuf yaadasaanii, “Guyyaan fardikoo galaana diimaa ittidhugu nidhufa” jedhuun beekamu.
Bariisaa: Guyyaa fardikoo Galaana Diimaa ittidhugu ni dhufa jechuunsaanii maal jechuudha laata?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Balbala Galaanaa Itoophiyaan dhabde deebisiisuun dhimma dinagdee osoo hintaane dhimma walabummaa biyyaa kabachiisuu waan ta’eefi. Kanamalees dinagdeen walabummaa booda dhimma deebii argachuu qabu waan ta’eef xiyyeeffannoon balbala galaanaa deebisiisuuf kennamu olaanaa ta’uu kan agarsiisuudha.
Bariisaa: Lij Iyyaasuun erga gara aangootti dhufanii jaalalli isaan biyyasaaniif qabaniifi fudhatamummaansaanii daran olaanaa ture jedhamaatii isin maal jettu?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Dhugaa dubbachuuf Lij Iyyaasuun dippilomaasiinis ta’e jaalalaafi fudhatamummaan ummata biratti qaban daran olaanaa turuu seenaatu ragaa baha. Keessumaa saamicha qonnaan bultootarra ga’aa tureefi Gibira humnaa olii maqsuu keessattis nama jabaa turan.
Bariisaa: Lij Iyyaasuun tilmaama gibiraa midhaan oyruurratti taasifamaa ture haquusaaniitu himamaatii kanarratti hoo maal jettu?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Osoo Lij Iyyaasuun gara aangootti hindhufiin qonnaan bulaan midhaan facaasee midhaan sun bilchaatee “Ciqaa shuumiin (ogeessa hanga midhaanii oyruurratti tilmamu) tilmaama midhaanichaafi gibira hamma itti murutti haamsisuun hindanda’amu ture
Haalichi hojmaata badaa waan tureef seera, midhaan keessan haammadhaa; callaa argattanirraammoo gibira kaffalaa jedhu baasuun saamicha qonnaan bulaarratti raawwatamu maqsuun jaalala horataniiru.
Kunis yeroo tokko Lij Iyyaasuun gara Godina Qellem Wallaggaa deemanii midhaan gahee hinhaamamne arganii qonnaan bultootaan maaliif hinhaamtan jedhanii gaafannaan ciqaa shuumiin dhufee tilmaama gibiraa nutti hinmurre jedhanii deebisaniif.
Lij Iyyaasuunis midhaan keessan haammadhaa, callaa argattanirraa gibira kaffaltu malee hojmaanni badaa oyruurratti
gibira namatti muran hafeera yoo jedhan qonnaan bultoonni gammadanii akkas jedhanii weellisaniifiiru. “Iyyaasuu yaa donfoollookoo siinan nyaadhe boqqollookoo” jedhanii jaalala qabaniif agarsiisaniiru.
Bariisaa: Hojmaata badaa Leebaashaayiis kan balleessan isaan jedhama leebaashaayiin maalinni?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Leebaashaayii jechuun dur dur mala hattuu ittiin qaban jedhamee amanamuudha. Baala shaayii nama macheessu fuudhanii daa’imman obaasuun mandara keessa gadhiisu. Utuma daddarbamtuu balbala nama tokkootti yoo kufte namni sun hattuu ta’a jechuudha. Hojmaata badaa duubatti hafaa akkasii hambisaniiru. Kanamalees sistamii quraanyaallee hambisaniiru.
Bariisaa: Sistamiin quraanyaa hoo maalinni?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Yoo namoonni lama wallolan inni miidhes inni miidhames funcaan walitti hidhamee hanga dhugaan bahutti tura.
Tarii namoota walitti hidhaman sana keessaa tokko yoo du’e firrisaa qabamee bakka buufamee hidhama ture. Lij Iyyaasuun hojmaaata duubatti hafaa kana balleessuun kan miidhe qofa hidhamuu akka qabu seera baasaniiru. Kanarraa kan ka’e ummata biraa jaalatamummaa guddaa argataniiru.
Bariisaa: Poolisii ammayyaa ijaaruunis beekamtii guddaa akka qaban seenaan ragaa baha mee maalfaa hojjetan?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Lij Iyyaasuun poolisii ammayyaa Itoophiyaa keessatti ijaaruun beekamtii guddaa qabu. Kunis poolisii Turunbullee jedhamu ogeeyyota alaa fiduun biyya keessatti leenjisiisaa turan. Seenaa ijaarama poolisii ammayyaa Itoophiyaa keessatti Lij Iyyaasuun jijjiirama fiduun beekamu.
Kanamalees ilaalcha sabdaneessaa qabaniin sabaafi sabalammiilee Itoophiyaa biratti waan daran jaalatamaa dhufaniif shira irratti xaxuun fonqolchi irratti raawwatame malee bulchiinsisaanii gama dippilomaasiin, walabummaa biyyaa tiksuufi walqixxummaa sabootaa mirkaneessuu keessatti hogganaa cimaa turan.
Bariisaa: Gara balbala Galaanaattin isin deebisaatii imaammanni alaa Lij Iyyaasuun Galaana diimaa deebisiisuuf qabatan hinmilkoofne. Maaliif milkaa’uu dadhabe?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Lij Iyyaasuun aangoo qabatanii turtii waggaa sadii hanga afurii gidduutti hojiilee guguddaa biyya keessattis ta’e dippilomaasii alaatiin jijjiirama agarsiisaniiru.
Kanamalees dhimmi balbaba galaanaa dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu walabummaa biyyaa kabachiisuu waan ta’eef guyyaa fardikoo bishaan galaana diimaa dhugu ni dhufa jedhanii hojiitti seenanii turan. Ta’us fonqolcha irratti gaggeeffameen aangoorraa bu’anii Hayilasillaaseen aangoo qabatan.
Ta’us dhimmi Itoophiyaan balbala galaanaa qabaachuu aanga’oota duubarra dhufaniif hojmanaa ta’ee taa’eera jechuudha.
Bariisaa: Hayilasillaaseen hoo dhimma balbala galaanaarratti waan hojjetan hinqabanii?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Hayilasillaaseen bara 1940 waliigalteen dhimma galaana diimaa (sirna Minilik keessa Itoophiyaa balbala galaanaa ala taasisu) mallattaa’ee ture akka haqamu taasisaniiru.
Duubarra garuu dhufaatii ADWUI booda balballi galaanaa akka fedhii lammaffaatti ilaalamuun Itoophiyaa tarree biyyoota balbala galaanaa hinqabne (land locked) keessatti hiriirsiseera jechuudha.
Bariisaa: Sirna ADWUI keessa balbala galaanaa deebisiisuuf yaliin taasifama jiraa?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Sirna ADWUI keessa waa’ee balbala galaanaa Itoophiyaaf deebisiisuuf yaalii taasisuu mitiitii dhaaabbilee barnoota olaanaatti waa’een balbala galaanaa akka hinbarsiifamne taasifame. Dhimmi balbala galaanaa barbaachisaa miti akka filannoo lammaffaatti ilaalla yaada jedhuun akka hafu ta’e. Kanamalees namni barsiisee argame yakkamaa ta’a ture.
Bariisaa: Biyyi tokko akka biyyaatti hundaa’uuf dhimmi dursa argachuu qabu walabummaa biyyaa kabachiisuumoo dhimma dinagdeeti? Balballi galaanaa kam keessatti ramadama?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Biyyi tokko akka biyyaatti hundaa’uuf jalqaba walabummaanshee kabajamuu qaba. Dhimmi balbala galaanaa dhimma dinagdee osoo hintaane dhimma walabummaa biyya kabachiisuuti.
Bariisaa: Dhimmi balbala galaanaa qabaachuu dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu ta’uusaatiin mootummaan jijjiiramaa Doktar Abiyyi sochii jalqabeera sochii kana akkamiin ilaaltu?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Dhugaa dubbachuuf ejjennoon mootummaan amma balbala galaanaa qabaachuu qabna jedhee qabate kan jajjabeeffamuudha.
Sababnisaas akkuman dura sii kaase daldalli dhibbantaa 80 ol kan galaanarraati. Itoophiyaanimmoo kana keessaa yoo baatu gama dinagdeetiinis gama nageenyaatiinis waan balaa keessa seentuuf balbala galaanaa qabaachuun dirqama.
Sochii mootummaan eegale kan deeggaramuu qabuudha. Ani gamakoon dhimmi balbala galaanaa qabaachuu sirumayyuu waan tureef dhimma yeroon itti kennamu mitin jedha.
Bariisaa: Dhimmichi akkamiin furmaata argata?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Dhimmi balbala galaanaa waliigaltee biyyaalessaa hordofuun adeemsa dippilomasiitiin kennanii fudhachuun kan raawwatamuudha.
Bariisaa: Yaadonni, mootummaan Itoophiyaa Galaana Diimaa waraanaan duunfachuufi, jedhan miidiyaalee hawaasaarra deemaa turaniiruu kanarratti maal jettu?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Kun kijiba. Dhimmi balbala galaanaa qabaachuu qabna jedhu qeeqamuu hinqabu. Baay’inni ummata Itoophiyaa yeroorraa yerootti dabalaa jira. Dhaloota hiyyummaa keessaa baasuuf dhimmi balbala galaanaa qabaachuu qabna jedhu murteessaafi yaada deeggaramuu qabuudha.
Bariisaa: Itoophiyaan biyya guddinarra jirtu taatus walabummaashees ta’e faayidaashee kabachiifachuuf sadarkaa gama dippilomaasiin irra jirtu akkamiin ilaaltu?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Dhugaa dubbachuuf ga’umsi mootumman Itoophiyaa gama dippilomaasiitiin qabu kan jajamuudha. Mootummaan jijjiiramaa Doktar Abiyyiin durfamu guyyaa gara aangootti dhuferraa kaasee jijjiiramoonniifi milkaa’inoonni galmaa’aa jiran ga’umsiifi bilchinni dippilomaasii cimaa jiraachuusaatiif agarsiistuudha.
Itoophiyaan ‘BRICS’tti makamuuf hojiin dippilomaasii hojjette kan biyyoota akka Turki caalee fudhatama argachuun miseensa ta’uunshii gaanfa Afrikaaf fakkeenya gaariifi bilchina dippilomaasiishii kan agarsiiseedha.
Dhimmi balbala galaanaa qabaachuus haaluma walafakkaatuun kennanii fudhachuun innis dippilomaasiidhaan kan milkaa’u waan ta’eef yaaddoos ta’e sodaa uumu hinqabu.
Namoonni dhimma kanatti qoosuu barbaadan warraa isaaniif hingalledha malee balballi Galaana Diimaa qofa osoo hintaane balbaloota argamanitti fayyadamuullee kan hammatuudha.
Bariisaa: Qaamonni kaleessa Asab ykn du’a jedhanii kaasaa turan har’a gaafa ejjennoo mootummaan balbala galaanaarratti qabu agarsiisu qeeqaa jiruutii kanarratti maal jettu?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Dhugaadha. Yeroo mootummaan jijjiiramaa aangootti dhufe hedduun Asab ykn du’a jechaa turan. Har’a garuu faallessuuf yaaluun ija lamaan ilaalama.
Tokko, hubannoo laafaa waan hunda gabaabsanii ilaaluurraa kan ka’e, seenaa wallaaluufi waa’ee balbala galaanaa kaasuun birmadummaa biyyoota biroo tuquun walqabsiisanii waan ilaalaniifi. Inni lammaffaa, qaamolee ejjennoo siyaasaa mootummaarraa adda ta’e qaban ummataafi mootummaa walitti buusuuf yaadaniidha.
Isaan kunniin warra ololaan mootummaan waraana banuufi, ilaalcha jedhuun boohanii ummata boochisuuf kaatan waan ta’aniif hojiin hubannoo uumuu miidiyaaleefi hayyootaan hojjetamuu qaba.
Bariisaa: Itoophiyaan balbala galaanaa dhabuusheetiin dhiibbaan dinagdeesheerratti qaqqabu akkamiin ibsama?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Kaffaltii buufata dooniif oolu fudhannee yoo ilaalle Itoophiyaan waggaa waggaan qarshii biliyoona hedduun lakkaa’amu baasti.
Yeroo waraanaa tarkaanfii olaantummaa seeraa kabachiisuu fudhatamaa turetti dhiibbaa biyyoonni alaa qaqqabsiisaniin buufata dooniirratti gibirri dhibbantaa 25n Itoophiyaarratti dabalamee ture. Balbala galaanaa dhabuun siyaasaan qaamni barbaade harka nama micciiruu danda’a. Kunimmoo birmadummaa biyyaa rakkoo hamaa keessa kan seensiseedha.
Kanaafuu balbala galaanaa dhabuun dhimma akka filannoo lammataatti ilaalamu osoo hintaane birmadummaafi walabummaa biyyaatiin kan walqabatu waan ta’eef xiyyeeffannoo argachuu qaba.
Bariisaa: Biyyi tokko balbala galaanaa argachuuf galaanarraa fageenya hammamiirratti argamuu qabdi? Kan Itoophiyaa hoo hammami?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Biyyoonni tokko tokko fageenya kiiloo meetiraa 200 irratti balbala galaanaa qabu. Itoophiyaan giddugaleessaan kiiloomeetira 50rra teessee balbala galaanaa dhabuunshee waan ajaa’ibaati.
Dhimmi kun deebii kan argatu buufataalee Galaana Diimaatiin qofa osoo hintaane filmaatawwan buufata galaanaa jiran Jibuutii, Somaaliyaafi Eertiraafaa kan hammatuudha. Akkuma irranatti kaasne dhimmichi dippilomaasiifi faayidaa waloorratti hundaa’uun kan furamuudha.
Bariisaa: Qaamolee Itoophiyaan waraanatti seenuuf jirti jedhanii ololaniif deebiin keessan maali?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Deebiin qaamolee kanneeniif qabu marayyaa (manatsirii) waraanaafi ilaalcha siyaasaa biroo ofirraa baasuun ga’umsa dippilomaasii Itoophiyaan ‘BRICS’tti makamteen ilaaluu qabu.
Dhimmi balbala galaanaa qabaachuu dhimma dinagdee qofa osoo hintaane dhimma walabummaa biyyaa dippilomaasiidhaan ragga’uu qabuudha. Dhimma faayidaafi walabummaa biyyaatiin walqabaturratti qoosuunis ta’e ololatti jijjiiruuf yaaluun dogoggora guddaadha.
Bariisaa: Balballi galaanaa Itoophiyaaf maali?
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Balballi galaanaa Itoophiyaaf waa hunda. Dhimma walabummaashee kabachiisuuti. Lakkoofsa ummataa yeroorraa yerootti dabalaa deemuuf carraa hojii uumuuti. ‘GDP’ biyyaa guddisuudha. Dhimma turizmiifi invastimantii bal’inaan gaggeessuuti. Kanaaf dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu waan ta’eef gama dippilomaasiitiin xiyyeeffannoodhaan hojjetamuu qaban jedha.
Bariisaa: Damma osoo mi’aahuu qadaadu. Yeroo biraa walitti deebina. Ammaaf aarsaa yeroo keessaniif maqaa kutaa Qophaa Gaazexaa Bariisaatiin isin galateeffanna.
Gargaaraa Pirofeesaraa Shimallis: Isinis jabaadhaa dhimma biyyaarratti ogummaa qabnuun yoomiyyuu waliin hojjenna, horaa bulaa.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016
6 Comments to “ “Guyyaa tokko fardikoo bishaan galaana Diimaa nidhuga” – Lij Iyyaasuu”
Comments are closed.