Waadaa keenya ni haaromsina

– Waajjira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaa

Biyyi keenya Itoophiyaan otoo humna namaafi qabeenya uumamaa ga’aa ta’e qabduu badiifi hanqina sirnoonni darban uumaa turaniifi shira biyyoonni alaa kallattiilee adda addaatiin irratti raawwataniin qabeenya uumamaa qabdutti sirnaan fayyadamuu dadhabdee deegaafi gadaadoo keessa baroota dheeraaf jiraattetti.

Biyyi keenya dhiibbaa biyyoota gara garaatiin irratti geggeeff amaa ture qolachuun birmadummaashee tikfattee as geesseetti. Hiyyummaan diinashee isa hangafa ta’uu hubachuun furmaatni rakkoo kanaa inni duraa qabeenya uumamaa qabdu misoomsuun ittifayyadamuun dirqama waan ta’eef ijaarsa pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaa waggoota 12 dura jalqabuu dandeesseetti.

Hirmaannaa ummataafi mootummaan pirojektii guddicha Itoophiyaa kana ji’a Bitootessaa bara 2003 eegalamee waggoota shan keessaatti xumuruuf yaadamee waliigalteen dhaabbata ijaarsaa Saaliinii waliin kan taasifame yoo ta’u, humni jijjiramaan dura aangoo irra ture dhaabbanni mootummaa ‘METEC’ jedhamaa ture akka hojicha keessa galu gochuusaatiin hojmaati badaan diriiree ijaarsi pirojektichaa yeroo itti xumuramuu malurraa waggoota dheeraa duubatti akka harkifatu ta’eera. ‘METEC’ ijaarsa pirojektii ummataa kana keessa galee saamichaafi qisaasamni mallaqaafi yeroo akka irratti raawwatamu taasiseera.

Ji’a Bitootessaa bara 2010 gara aangootti kan dhufe mootummaan humna jijjiramaatiin hogganamu guyyuma muudama ministira muummee haasaa paarlamaaf taasifameen qisaasama pirojekticharra gaheef tarkaanfi i fudhachuun abdii kutannaa ummata keenya biratti uumameef fala akka kennu waadaa galuun hojiitti seene. Mootummaan jijjiramaa erga rakkoon jiru maal akka ta’e, akkamitti akka uumame, haala kamiin furamuu akka danda’u qoratee hubatee booda tarkaanfi i fudhateen waliigaltee ‘METEC’ Korporeeshinii Humna Elektirikii Itoophiyaa waliin mallatteessee ture addaan kutuun kaampaaniiwwan ijaarsaa biyyoota alaa sadarkaa idiladdunyaatti beekamanitti dabarfamee akka kennamu taasifameera. Pirojekticha abbummaan akka hogganu ‘METEC’f kan kennamee ture haqamee gara Korporeeshinii Humna Elektirikii Itoophiyaatti akka naanna’u taasifameera.

Kana malees murtii addaa kennameen humni muuxannoofi gahumsa qabu gara hoggansaatti dhufee pirojektichi saffi saan akka hojjetamu taasifameera. Hojmaata ijaarsa pirojektiichaa wajjin walqabatu fooyyessuuf hoggansi Paartii Badhaadhinaa sadarkaan jiru, Minstirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)fi mootummaan isaaniin hogganamu halkanii guyyaa nuffi i malee waan hojjetteef ijaarsi pirojektii hidha haaromsa guddichaa sadarkaa kuferraa ka’uun lubbuu horatee ittifufuu danda’eera.

Mootummaan paartii Badhaadhinaan hogganamu pirojektii qabeenya lammiilee biyyattii ta’e kana du’arraa kan baraare hojmaata bulchiinsaafi ijaarsasaa fooyyessuu qofaan hinturre. Ijaarsi pirojektichaa akka hinmilkoofneef dhiibbaa biyyoonni alaa gara garaa gochaa turan qolachuurratti hojii bal’aa hojjeteera. Mootummaan rakkoo walxaxaa ture furuun ijaarsa pirojektichaa %93 irraan gahuun bishaan marsaa 4ff aaf karaa milkaa’ina qabuun guutuun danda’amera.

Deggarsaafi liqii biyya alaa tokko malee humna, beekumsaafi qabeenya lammileetiin pirojektii guddicha sadarkaa addunyaatti beekamu ijaaruun keenya imala badhaadhina Itoophiyaa daran kan saffi siisuu ta’uu bira darbee mallattoo tokkummaafi injifannoo keenya Aduwaa 2ff aa gootummaan keenya ittiin ifuu ta’eera. Pirojektiin Hidha Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa tokkummaa saboota, sablammootaafi ummattoota Itoophiyaafi sirna federaaliiziimii sabdaneessaa kan walitti hidhu mallattoo tokkummaa keenyaa ta’uu qabatamaan agarsiiseera.

Ummanni naannoo Oromiyaa milkaa’ina ijaarsa pirojektii hidha haaromsaa guddichaa kanaaf yeroo eegalamee kaasee gama hundaan hirmaannaa guddaa hundagaleessa ta’e gumaacheera. Innis bittaa boondii, arjooma, ‘SMS 8100A’fi kunuunsa qabeenya misooma sululaa Hidha Haaromsa Guddichaa keessatti hirmaannaa guddaa gochaa tureera, gochaas jira. Bara 2015 ijaarsa pirojektii hidha haaromsaa kana milkeessuuf karoora sassabbii galii deggarsaa akka naannoo Oromiyaatti qabame milkeessuuf gurgurtaa boondii, arjoomaafi ‘SMS 8100A’dhaan qarshiin biliyoona 1,859,406,050 sassaabuun danda’ameera.

Gama biraatiin pirojektiin hidha haaromsaa guddichaa kun umurii dheeraa akka qabaatu, akka biyyoodhaan hinguutamneef, laggeewwan guguddoo Oromiyaa keessaa gara hidha haaromsaatti yaa’an akka hinhir’anne hojiin misooma sululaa hidha haaromsaa akka naannichaatti bara baraan hojjetamaa tureera. Hojiin kun ittuma fufuun bara 2015 lafa hektaara miliyoona 3 ,kuma 185fi 331 irratti akka hojjetamu ta’eera. Hojicha milkeessuuf ummanni naannoo keenyaa dhiiraafi dubartiin miliyoona 9, kuma 369fi 719 kan hirmaatan yoo ta’u, humni namaa kunis qarshiitti yeroo shallagamu biliyoona 8, miliyoona 885fi kuma 142,119 tilmaamameera.

Ummanni naannoo keenyaa ijaarsas ta’e birmadummaa biyyattii kabachiisuu keessatti akkuma kalleessa adda durummaan hirmaachaa ture ijaarsa pirojektichaa keessatti maallaqa, humna, beekumsaafi hooggansa kennuu irraa eegalee gumaachi inni bahachaa ture sadarkaa olaanaatti kan ilaalamudha. kutannoon mootummaan keenyaafi lammiileen biyya keessaafi alaa agarsiise walitti ida’amee injifannoo hanga ammaatti ijaarsa pirojektii kanaa irratti gonfanneef bu’uuraa ta’eera.

Milkaa’inoonni hanga ammaatti argaman biyya keenyaafi injifannoo olaanaa yoo ta’an, biyyoota Afrikaaf immoo muuxannoo guddaadha. Injifannoo hanga ammaatti arganne tikfachaa ijaarsa pirojektii kanaa xumursiisuun murteessaa ta’a. Uummanni naannoo keenyaas akkuma kanaan dura eegaletti waadaasaa haaressuun bittaa boondii, arjoomaa, ‘SMS’ 8100Afi kunuunsa qabeenya misooma sululaa Hidha Haaromsa Guddichaa keessatti ciminaan gaheesaa akka bahu waamicha keenya dhiheessina! Aadde Qonjiit Baqqalaa Daarektara Olaantuu Waajjira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaa

Kutaa Qophiitiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 17 Bara 2016

Recommended For You