Luusiiwwan tapha gulaallii dorgommii Olompikiif qophii eegalan

Finfinnee: Tapha Olompikii ALA bara 2024 Faransaay, Paariisitti gaggeeffamuuf gareewwan kubbaa miilaa dubartootaa Afrikaa keessaa dorgommicha irratti hirmaatan murteessuuf dorgommiin gaggeeffamaa jiru marsaa lammaffaarra gaheera.

Gareen Itoophiyaa Luusiiwwan tapha gulaallii jalqabaatiin Chaad wajjin taphachuun qabxii bal’aa 10-0n injifachuun gara marsaa ittaanutti darbuunsaa ni yaadatama.

Tapha gulaallii marsaa lammaffaa torbee dhufu Naayijeeriyaa wajjin kan taphatan Luusiiwwan, roobii darberraa eegaluun shaakalasaanii jalqabaa dirree Akkaadaamii Ispoortii Dargaggootaatti taasisaniiru.

Taphattoota 25 waamaman keessaa shaakala jalqabaarratti tapattoonni 22 kan hirmaatan yoo ta’u, taphattuun sarara gidduu Nibony Yen sababa dhukkubaatiin akkasumas taphattoonni sarara duraa Loozaa Abarraafi Seenaaf Waaqumaa sababa dhuunfaatiin shaakala kan hinjalqabne ta’uufi dheengaddarraa kaasee garuu bu’uura sagantaa ba’eefiin shaakalarra jiraachuun ibsameera.

Kamisa darberraa eegalee guyyaatti al tokko shaakala kan taasisan Luusiiwwan tapha jalqabaasaanii Onkoloolessa 14 Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti kan taphatan yoo ta’u, tapha xumuraa ammoo Onkoloolessa 20 Abujaatti ni taphatu.

Dajanee Bulchaatiin

Recommended For You

2 Comments to “Luusiiwwan tapha gulaallii dorgommii Olompikiif qophii eegalan”

  1. Pingback: Ford Everest
  2. Pingback: ultrabot overwatch

Comments are closed.