Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) torban kana dhimma galaana diimaa ilaalchisuun ilaalchi namootaa maal fakkaata? Yaadni jiruwoo sirriimoo sirrii miti, ta’uu qabamoo hinqabu? Lammiileen Itoophiyaa hundi dhimma kanarratti mari’atanii ijoolleessaaniif waan gaarii dabarsuu qabamoo hinqaban? Dhimmoota jedhaniifi kanneen biroorratti Miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsanii turan.
Akka isaan jedhanitti dhimmi kun dhimma paartii osoo hintaane fedhii biyyaalessaa ummataa waan ta’eef iccitii, maalummaafi amala bishaanii sirnaan hubatee qaamni guutummaatti hiika kennuufi danda’u addunyaarra hinjiru. Saayintistoonni addunyaarra jiranis bishaan beekuuf kan tattaafatan malee kan beekanii fixan miti. Hiika kennameef irra darbanii hiika itti kennuuf bal’inaan ilaaluu barbaachisa. Qabxiilee isaan kaasanis akka maxxansaaf tolutti qindeessineerra.
Dhimma Galaana Diimaa
Waanti ka’uu qabu waa’ee galaana diimaati. Yeroo baay’ee madda walitti bu’iinsaa ta’a jechuun kaasnee waa’eesaa hindubbannu. Inni lammataa Abbayyaa yoo ta’u sadaffaan ammoo waa’ee Afrikaa waliigalaati. Dhugaan bishaaniifi haalli biyya keenyaa akkamiin ilaalama? Bishaaniifi Itoophiyaanoo akkamitti ilaalamu?
Bishaaniifi Itoophiyaa
Itoophiyaa jechuun odola bishaaniin marfamteedha. Garuu biyya bishaan dheebottuudha. Akkasumas biyya bokkaan haalaan itti roobuufi laftishii jallillee bishaaniin guutameedha. Galaanni Indiyaafi Diimaan gubbaafi gajjallaadhaan biyya ishee marsaniidha. Kun maaliif ta’e jedhanii gaafachuu barbaachisa. Kana malees balballi galaanaa maaliif akka barbaachisullee ilaaluun gaariidha.
Itoophiyaan biyya gidduu galaana Diimaafi laga Abbayyaatti argamtuudha. Kanaaf bishaan inni kun si ilaallata, kunimmoo sin ilaallatu yoo jedhame hintahu. Itoophiyaa waliin ammoo Ertiraa, Sudaan, Misiris karaa lamaaniinuu isaan ilaallata. Kanaafi, yommuu waa’een Laga Abbayyaa ka’u, nuti bishaan keenya jennee yoo dubbannellee keessan qofa miti kan jedhamnuuf. Waa’ee Galaana Diimaa garuu miseensota paarlaamaa birattillee dubbachuun akka dhorkaatti ilaalama.
Waa’ee laga Abbayyaa qabeenya bishaan biyyaa ta’ee, maallaqa biyyaatiin hojjetamu ajandaa kamirratti namni irratti dubbachaa, nuti garuu waan guddaa hamma Galaana Diimaarratti dubbachuu maaliif sodaanna? Fudhachuun yoo hafe barbaachisummaafi faayidaasaarratti dubbachuun rakkoo maalii qaba?
Galaanni Diimaafi Abbayyaan Itoophiyaa kan murteessan, hidhata olaanaa kan qabaniif guddinaafi badiinsa biyyattiif bu’uura olaanaadha. Sababoota ji’oograafii, seenaa, eenyummaafi dinagdeetiin Itoophiyaan gaaffii seeraqabeessa qabdi waliigalteen jedhu tureera. Kanaaf waliigaltee kana sakkatta’uun barbaachisaadha. Kanarratti namoonni tokko tokko dhimmi kana dhiisnee osoo hinkaasiin teenyeerra, ammas utuu nutti hafeewoo? Biyyoota ollaa waliin yoo walitti nu buusewoo? sodaa jedhu qabu.
Ummanni biyyattii miliyoona 50 ture, ALA bara 2030tti miliyoona 150 akka qaqqabu tilmaamni ni jira. Ummanni hangas mara baay’atu ji’oograafiidhaan hidhamee taa’uu hindanda’u.
Sababnisaa akkuma beekamu hiyyummaan waan jiruuf bakka ta’etti dho’uunsaa hinoolu. Kanaaf ammoo ummanni waliin dubbachuufi mari’achuun bifa qabsiisuu qaba. Sababnisaas waa tokko baatanii turuutu nama naaffisa malee yeroo gabaabaaf baachuun rakkoo miti.
Dhimma Galaana Diimaarratti hinmari’annu taanaan dhimmoota qamadii, ashaaraa magariisaa, maaddii guutuufi kkf rrattis mari’achuun hiika hinqabu. Sababnisaas gaafa hojjennee, qarshii sassaabnee bakka manii keenyaa, badhaadhinarra geenyu sababa Galaana Diimaatiin kan dhabnu taanaan bu’aa hinqabu.
Jalqabarratti haa mari’annu. Isa booda yeroosaa miti, faayidaansaas hangas mara miti yoo jenne itti dhiisuu dandeenya. Eenyuyyuu waa’ee dhimma Abbayyaarratti nu sodaatee hinbeeku; nuti maaliif waa’ee Galaana Diimaa dubbachuu sodaanna isa jedhu dhaabannee ilaaluu qabna.
Takkazeen Eertiraa, Xaanaan Sudaaniifi Misir, Baaroon Sudaan Kibbaa, Oomoon Keeniyaa, Gannaalee Dawwaafi Waabii Shabaleen Somaaliyaa deemu. Olloota Itoophiyaa keessaa kan biyyattiirraa bishaan hinfudhanne Jibuutiidha. Isheenis fudhachuu qabdi jennee ujummoo diriirsinee, elektirikii kanfallee bishaan kennineerraaf. Bishaan nuti kenninuuf ammoo bishaan qulqulluudha. Itoophiyaaf garuu biyyi bishaan qulqulluu liitira tokkollee kennuuf hinjiru.
Garuu kan keessan hirmaannaa keenya hingaafatiinaa jechuun sirrii miti. Waliin jiraachuufi nageenya yaadnaan nutis isaanirraa, isaanis nurraa haala madaalliisaa eeggateen walii qoodaa jiraachuu qabna malee, gaafa nurraa fudhatamu sirrii, gamaa fudhachuun kan hingaafatamne taanaan haqaqabeessummaan hinjiraatu. Yoo haqni hin jiraannemmoo dhimma yerooti malee walnama lolchiisa.
Seenaa Galaana Diimaafi Itoophiyaa
Raas Aluulaa Abbaa Naggaa, “Galaanni Diimaa mataasaatiin daangaa uumamaa Itoophiyaa ta’ee jiraateera; ni jiraatas” jedhu. Kun ogummaadha. Kanarratti seenaa kaasan. Seenaammoo kennuunis fudhachuunis hindanda’amu. Utuu teenyee ilaallee ogummaa hiikamu baay’ee qaba. Waan Galaanni Diimaa nutti dhihoo ta’eef nuu mala hinjenne. Daangaa uumaamaati jedhan malee.
Seenaa keessatti daangaa Galaana Diimaa dheeraa eegaa kan turan mootummoota Aksum (Aksumaayit Kingdam) turan. Kitaaba Idaa’amuu keessatti “Yeroo Galaana Diimaaf dhihaannuufi fagaannu” jedhee kan eerames kanarratti bu’uureeffachuuni. Yeroo itti dhihaannu Mootota Aksum jedhamnee mootummoota addunyaa keessaa tokko turre. Yeroo irraa fagaannu ammoo akkasuma dhiifama jechuudha.
Kanaaf rakkoo guddaa kan ture “Akkamiin ittidhihaanna?” isa jedhuudha. Waanin ummata miliyoona 120, raayyaa cimaafi humna qabuuf nama loleen dhihaadha? Yoo jettan, akkana gochuun nurra hinjiru. Waraanaafi ajjeechaadhaan ta’uu hinqabu. Akka akkas ta’uuf ammoo dhugaa haaluunis sirrii miti. Maalis ta’u maal waa’ee Galaana Diimaa yeroo Aluulaas ta’e yeroo Jaanhoyitti seenaan waan nutti himu qaba jechuudha. Waan ammuma sammuun namaa uume osoo hintaane dhugaawwan seenaadhaan walqabataniifi irratti waliigallu ni jiru.
Qubata ummata Itoophiyaafi Galaana Diimaa
Qubata ummata (dimoogiraafii) Itoophiyaa yoo ilaalle daangaarratti bakki rogsadee Affaar (Afar triangle) jedhu ni jira. Affaaronni Itoophiyaas, Jibuutiis, Eertiraas ni jiru. Dimoogiraafiidhaan yoo ilaaltan Affaaronni miliyoona 1.5 sararaan Galaana Diimaa akka ilaalan taasifamanii jiraatu. Kanaaf seenaadhaanis, dimoogiraafidhaanis hinhojjetu jechuudha.
Affaar qofa miti Somaaleedhaanis ilaaluu dandeenya. Somaalonni Itoophiyaa, Jibuutii, Keeniyaafi Somaaliyaa keessa jiru. Somaaleen Jibuutii jiru Galaana Diimaa ni argata. Inni Somaalee jirummoo Galaana Diimaas, kan Indiyaas ni argata. Inni Keeniyaa jirummoo Galaana Indiyaa argata. Inni Itoophiyaa jiru qofaasaa waan maal maqeef dhabe isa jedhu ilaaluun barbaachisaadha.
Addunyaarra biyyoonni balbala galaanaa hinqabne (land locked) ta’an 44tu jiru. Akka Afrikaatti ammoo biyyoonni 17 balbala galaanaa hinqaban. Biyyoota kanneen keessaa garuu hamma baay’ina ummata Itoophiyaa kan qabu hinjiru. Ummanni biyyoota 17n Afrikaa yoo walitti ida’ame tokko sadaffaan Itoophiyaanota.
Yommuu balbala galaanaa fayyadamuuf gaafannu akkanumaan miti. Fakkeenyaaf hidhi guddichi Itoophiyaa dhumaa jira. Kanaaf dhibbantaa 20s ta’e 30 fayyadamaatii, nuti ammoo Asab ykn bakka biraarratti invasti goona, ykn daandii qilleensa guddicha Afrikaa kan ta’e Daandii Qilleensa Itoophiyaarraa dhibbantaa muraasa qooda bitadhaa, nuuf ammoo balbala galaanaa eeyyama jenne. Nuti ni fudhanna qofa hinjenne. Dhimma Abbayyaafi Takkazeerratti mari’achaa Galaana Diimaarratti hinmari’annu jechuun garuu hinta’u.
Akka ragaan mootummoota gamtoomanii eerutti omisha waliigalaa biyyaa (‘GDP’) keessaa % 20-30 kan qabatu balbala galaanaati. Fakkeenyaaf Itoophiyaan kanaan biliyoona 100 argatti taanaan utuma beektuu biliyoona 25 dhabdeetti jechuudha. Akka Itoophiyaatti balbala galaanaatti dhihoo ta’ee balbala galaanaa kan dhabe hinjiru. Kanaaf dhimma kanarratti dubbachuun dirqama.
Itoophiyaan balbala galaanaa qabaachuunshee dhimma dinagdeetisi. Beektonni dinagdee hidhamaa ji’oograafii ta’uun hiyyummaa tole jedhanii fudhachuu akka ta’e barreessaniiru. Utuu iji keenya arguu waan guddinaafi nageenya ittifufiinsa qabu fidu callisnee ilaaluu hindandeenyu.
Afrikaa keessatti waan hundaan biyya cimtuu ta’uuf Itoophiyaan dandeettii qabdi. Baay’ina ummataa, qabeenya uumamaafi humna nama baratee qabdi. Waa’een balbala galaanaa dhabuu garuu bakka qabachuu qabdu akka hinqabanne dhorka.
Kanaaf nuti amma filmaata kaminuu haa ta’u balbala galaanaa qabaachuu barbaanna. Sababnisaas amma baay’inni keenya dabalaa jira. Guddachuu barbaanna. Kanaaf waan callisnee dhiisuu qabnu miti. Yoo xiqqaate amma marii jalqabnee ijoolleen keenya fuulduratti itti haa fayyadaman. Kanfaltii nuti buufata galaanaaf waggaa lama sadiif kanfallu hidha guddicha ykn warshaa xaa’oo ykn pirojektii guddaa tokko hojjechuu waan danda’uuf ittiyaaduun dirqama.
Kutaa Qophiitiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 10 / 2016
8 Comments to “ Coba bishaaniirraa hanga balbala galaanaatti…”
Comments are closed.