Fiigichi Guddaan Itoophiyaa keessummaasaa kabajaa beeksise

Sofii Maalt Fiigicha Guddaa Itoophiyaa Biyyoolessaa kan bara 2016 km 10 akkuma barame hirmaattota biyya alaa hedduu gara Itoophiyaatti fiduuf hojjechaa jira.

Bara 2016tti hirmaattota biyyoota kudhanii ol irraa dhufan galmeesaanii xumuraniiru.

Isaan keessaas Hindi, Biraazil, Keeniyaa, Yugaandaa, Afrikaa Kibbaa, Siwiizarlaandi, Ostiriyaa, Siwiidin, Noorweey, Jarman, Ayerlaandi, Ingiliziifi Ameerikaa ni argamu. Fiigicha fageenya dheeraatiin kan beekamtu lammii Afrikaa Kibbaa kan taate Eelaanaa Maayer, Sofii Maalti Fiigicha Guddaa Itoophiyaa bara 2016 Itoophiyaatti gaggeeffamurratti keessummaa kabajaa akka taatu beekameera.

Olompikii bara 1992 ALA Baarseloonaatti gaggeeffameen, falmii Atileet Daraartuu Tulluu waliin taasisaniin addatti kan yaadatamtu Maayer, dorgommicharratti sadarkaa lammaffaa bahuun meedaaliyaa meetii argachuunshee kan yaadatamuudha.

Sofii Maalti Fiigichi Guddaan Itoophiyaa bara 2016 kiiloo meetira 10 Sadaasa 9, bara 2016 mataduree, “Talaalliin daa’imman hundaaf” qajeelfama jedhu bu’uura godhachuun gaggeeffama.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “ Fiigichi Guddaan Itoophiyaa keessummaasaa kabajaa beeksise”

Comments are closed.