Gareen Biyyaalessa Dubartootaa Itoophiyaa umurii 20 gadii tapha deebiif qophaa’aa jira

Gareen Biyyaalessaa Dubartootaa Itoophiyaa umurii 20 gadii tapha gulaallii Waancaa Addunyaa jalqabaa Ikuwaatooriyaal Giinii wajjin taphachuuf gara Maalaabootti imaluun qixaan qabxii qooddatee gara biyyaatti deebi’uunsaa ni yaadatama.

Gareen leenjisaa Firewu Hayilagabreeliin durfamu kun Kibxata darberraa eegalee boqonnaa guyyaa tokkoo gochuun tapha marsaa lammaffaaf qophaa’aa jira. Taphattoota 25 duraan waamaman keessaa sadii hir’isuun lakkoofsa gareesaa gara 22tti kan gadi buuse yoo ta’u, goolii eegduu duraanii Mihirat Tasammaa garicha keessaa hir’isee Roomaan Ambaayee bakka buuseera.

Roobii darbemmoo dirree Akkaadaamii Ispoortii Itoophiyaatti sa’aatii 4:00 irraa eegalee shaakala sa’aatii lamaa kan taasise garichi, sochiiwwan tapha deebii keessatti isa gargaaru, keessumaa sarara duraarratti xiyyeeffannoo guddaadhaan hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Shaakalicharratti miseensi raawwachiiftuu hojii federeeshinichaa Aadde Haayizaa Rashiid argamuun taphattoota jajjabeessaniiru.

Gareen Biyyaalessa Dubartootaa Itoophiyaa umrii 20 gadii Dilbata boruu Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti tapha deebiisaa kan taphatu ta’a.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “ Gareen Biyyaalessa Dubartootaa Itoophiyaa umurii 20 gadii tapha deebiif qophaa’aa jira”

  1. Pingback: DevOps solutions
  2. Pingback: diyala SERCH
  3. Pingback: fuck

Comments are closed.