Hojii jalqabuu manneen maree lamaanii ilaalchisee haasaa Pirezdaanti Saahilawarqi Zawudee keessaa

Sirni baniinsa yaa’ii waloo Manneen Marii Bakka bu’oota Ummataafi Federeshinii 6ffaa bara hojii 3ffaa Wiixata darbe adeemsifameera. Kanarrattis Pirezidaantiin RFDI Saahilawarqi Zawudee haasaa baniinsa taasisaniiru. Nutis haasaasaanii keessaa dameewwan addaddaatiin qooduun maxxansaaf akka tolutti dhiheessineerra.

Gama Siyaasaatiin

Seenaa biyyi teenya waggoota dheeraa keessatti dabarsitee as geesse boodatti deebinee yommuu ilaallu, haalota garagaraa hubachuu dandeenya. Kanneen keessaa immoo tokkummaadhaan rakkoolee hedduu waliin ceenee birmadummaa keenya mirkaneessuu danda’uun, wal kabajuufi wal danda’uudhaan waggoota dheeraaf waliin jiraachuun, miira sabdaneessummaatiin dhaabbachuudhaan diina biyya weeraruufi jilbeenfachiisuuf dhufe qaaneessanii deebisuuniifi qaroomina addunyaa durii keessatti maqaa kan argatan falaasamaafi ibsituuwwan eenyummaa hedduus horachuu danda’uun seenaa waggoota dheeraa keessatti imala waliin jireenyaa keenya agarsiisan keessaa isaan muraasaadha.

Fakkeenyaaf diinaaf jilbeenffachuu diduutiin addunyaarratti fakkeenya ta’uun qabsoofi fincila mirga walqixxummaa gonfachuu ummata gurraachaa hundaaf daandii saaqnee jirra.

Itoophiyaa keessatti yeroo ammaa kana jijjiiramni badhaadhinaa haaraa eegalamuu qofaa osoo hintaane, daandiin badhaadhinaa haaraas banamee jira. Boqonnaan jijjiiramaa yeroo ammaa akka biyyaatti eegalame kun immoo garee muraasaa qofaaf, yookiin immoo naannawa murtaa’e tokko qofaaf osoo hintaane, boqonnaa jijjiirama hunda keenyaati.

Ilaalchaan dhimmoota hedduu irratti waliigaluus galuu dhiisuus dandeenya. Haa ta’uu malee carraan dhufe kun kan biyyaati. Kan dhaloota boodaa dhufuutis. Kana waan ta’eefis dhimmoota irratti waliif galuu dadhabne bulfannee, isa har’a harka keenya jiru tikfannee imala jijjiirama biyyattii kana dhugoomsuu qabna.

Biyyoota addunyaa guddatan yommuu ilaallus daandiin isaan irra adeemanii iddoo amma jiran ittiin qaqqabuu danda’an isuma nutu har’a irra tirachaa jirru kana akka ta’es dagachuu hinqabnu. Biyyootni kunneen sadarkaa guddinaa kanarra kan gahan garaa gartee ilaachaa waan hinqabneef miti. Garaagarummaasaanii waliif kabajuudhaaniifi garaagartee siyaasaa jiru immoo bifa walitti bu’iinsarraa bilisa ta’eeniifi mariidhaan furachuu aadaa waan taasifataniif qofaadha.

Dhalli namaa garaagarummaa aadaa, ilaalcha siyaasaa, koorniyaa, bifaafi amantii akka qabu hubatanii, garaagarummaa walii kana waliif kabajuudhaan dhimmoota waliif nu galchan irratti ejjannoo tokko horachuun imala guddina badhaadhinaa eegalame fiixaan baasuun ga’ee tokko tokkoo Itoophiyaanotaa ta’uu qaba.

Kaleessi keenya borii keenyaaf gufuu ta’uu hinqabu. Kaleessi keenya kan dogongoroota turan irraa barannee fooyyeessinuufi milkiiwwan keenya immoo cimsinee itti fufsiifnu ta’uu qabu malee kan har’a boodatti deebinee irratti walitti buunu ta’uun isarra hinjiraatu. Kana waan ta’eefis, waliin mari’achaa, walii keenya dhaggeeffachaafi yaadaaf iddoo kennaa deemuu qabna.

Waraanni hamaa kaaba Itoophiyaatti waggoota lamaaf gaggeeffama ture walii galtee araaraatiin akka furamu taasifameera. Rakkoo waraanaa kana bifa mariifi nageenyaatiin furuu kana keessatti immoo bifa kanaan dura barameen qaamota alaa affeeruun osoo hintaane “rakkoo Afrikaatiif furmaata Afrikaa” yaadama jedhu hojirra oolchuudhaan bu’aa qabatamaasaas baruun danda’ameera. Yeroo ammaa kana immoo waliigalteewwan araaraa sun yeroo gara hojiitti itti geeddaramaa jiraniifi akka biyyaattis barnootni guddaan kan irraa fudhatamuudha.

Waraana kaaba biyyattiitti waggoota lamaaf adeemsifamaa ture bifa naga qabeessaafi mariitiin furuun keenya immoo, dararaafi du’a lammiilee kan dhaabsise qofaa osoo hintaane, ummata naannawa waraanaa sana keessa jiraachaa tureef abdii gaarii kan kennu ture.

Gama biraatiin barnootni cimaan kanarraa fudhatamuu qabu yoo jiraate, kanaan boodas garaagarteen siyaasaa jiraannaan filannoo gara waraanaatti galuu osoo hintaane, filannoon garaagartee uumame bifa mariifi karaa nageenyaatiin furuu dursa argachuu akka qabuudha.

Kanaanis mootummaan jijjiiramaa kun garaagarteewwan siyaasaa uumamaniin gara waraanatti galuu osoo hintaane, qaama kamiyyuu waliin taa’ee mariidhaan garaagarummaa jiru kamiyyuu furuudhaaf kutannoo guddaa akka qabu qabatamaan agarsiisaa kan jiruufi.

Yeroo kamiyyuu taanaan yeroon mariifi nageenyaaf darbu jiraachuu hinqabu. Mari’annee dhimmoota garagaraa irratti waliif galuu yoo dadhabneyyuu waraanni akka furmaataatti fudhatamuun isarra hinjiraatu. Sababnisaas; garaagartee mariin furuun dadhabamee gara waraanaatti yoo galle kan injifatu qaama tokko qofaa yemmuu ta’u, dhimmicha mariin furuun garuu qaamota gama lamaanuu mo’ataa kan taasisuudha.

Waldhabdeewwan kamiyyuu bifa mariifi araaraatiin yemmuu furaman kan injifatu hunda keenya ta’uusaafi bu’aan achirraa argamus kan hunduma keenyaa ta’uu dagachuun hin barbaachisu. Kanaaf waldhabdeewwaniifi komiiwwan iddoowwan garagaraatti uumaman hundaaf wal waraansa osoo hintaane, karaa nagaafi mariitiin furuu caalaa malli gaariin akka hinjirre hubachuun dirqama.

Garaagarummaa yaadaafi ilaalchaa waggoota dheeraadhaaf akka biyyatti turan walitti araarsuufi dadhabamnaanis walitti dhiheessuuf komishiiniin maree biyyaaleessaa hundaa’ee sochii keessa galeera. Kun immoo garaagarteewwan tanaan dura turan walitti dhiheessuun, dogoggoroota turan sirreessuun carraan biyyattii gara fuula duraa harka keenyarra akka jiraatu taasisa.

Seenaa keenya isa darbe keessatti carraawwan nu darbaa turan sun ammas dabalamuu hinqaban. Aadaan gadheen nuti horanne garuu, carroota harka keenya keessa turanitti fayyadamuu dhabuudhaan erga isaan nu darbaniin booda quba of nyaachuun ykn gaabbuun dhaabbachuu qaba.

Mariin biyyaaleessaa kun kan badiiwwan tanaan dura dabarsine irratti sirreeffannu, kan irratti walii galuu dadhabnerratti walii galu yoo dadhabame immoo walitti dhihaannu, ilaalchota bitaafi mirgatti hiixatanii turan gara gidduutti akka dhufan kan itti taasifamu, biyya hunda keenyaaf taatu hundeessuudhaaf bu’uura kan itti keenyuufi walii galuudhaaniifi walamantaadhaan yeroo biyya bu’uura cimaa irratti ijaaramte dhugoomsinu, yeroo murteessaafi seena qabeessa keessa jirra.

Komishiniin marii biyyaaleessaa kun yeroo ammaa boqonnaa qophii xumuruudhaan bara kana gara boqonnaa mariitti kan ce’u yemmuu ta’u, mariin kun immoo garaagarteewwan keenya dhiphisuudhaaf carraa guddaa kan uumu, waliin jiireenya keenya cimsinee rakkoowwan ijaarsa biyyaa keessatti uumaman furruufi biyya tasgabboofteefi tokkummaa cimaa qabdu ijaaruudhaaf carraa gaarii kan uumuudha.

Itoophiyaan hunda keenya fakkaatuufi hundi keenya immoo qixa keessatti hirmaannuufi irraayyis fayyadamnu uumuudhaaf irratti walii gallee waliin hojjannu taasisuudhaafis carraa gaarii kan uumuudha. Kana waan ta’eef, komishiinichi kaayyoo qabameef kana akka galmaan gahatuufi abdii irratti gatames akka dhugoomsuuf deeggarsa hunda keenyaattu barbaachisa.

Wanti biraa immoo marii biyyaaleessaa kanaan walqabatee wanti beekamuu qabu, waltajjii marii biyyooleessaa kanarraa qaamni kamuu hir’achuu hinqabu. Qaamni Itoophiyaa irraa gahee qabu kamiyyuu achirratti hirmaachutu isarra jiraata. Maaliif yoo jedhame immoo dhimmi haasa’aa jirru dhimma biyyaati, dhimma biyya tattaaffii hunda keenyaan ijaaramteefi hunda keenya fakkaatu ijaaruu waan ta’eef, waa’ee mana hunda keenyaaf taatu ijaarachuu, hanqinoota kaleessaa guuttannee har’a dhiifamaan ceenee boriif mana hunda keenyaaf taatu ijaarachuudhaaf bu’uura buusuuti waan ta’eef.

Hojmaata ijaarsa mootummaa hammayyaa ta’e diriirsuudhaaf wantoota barbaachisan keessaa inni ijoon marii biyyaaleessaa kana. Kana waan ta’eefis eenyullee marii kanarraa osoo hinhir’anne waa’ee biyya keenyaa irratti haa mari’annu, wal haa amannu, dhumarrattis hundi keenyaa waliin haa moonu. Itoophiyaanis haa mootu, yeroo sana qofaadha ijoollee keenyaaf seenaa dabarsuu qabnu kan horannu. Dhaloota yaadasaa afaan qawweetiin osoo hintaane, mariidhaan amansiisee hojirra oolfatu uumuu dandeenya.

Gama Hawaasummaatiin

Damee barnootaa irratti jijjiiramootni waggoottan sadan darban mul’ataniifi bu’aawwan achirraayyis galmaa’uu eegalan baranas cimanii kan itti fufan yemmuu ta’u, bu’aan damee kanarratti galmaa’aa jiru kun immoo dhaloota egeree biyyattii murteessan beekumsaafi gahumsaan horachuuf kan nama gargaaru waan ta’eef jijjiiramootni damicha keessatti eegalamanis cimanii kan itti fufaniidha

Gama Dinagdeetiin

Mootummaan jijjiiramaa kun badhaadhina waloo mirkaneessuudhaaf waggoota sadiin dura karoora misoomaa waggoota kudhanii baafatee hojii keessa kan jiru yemmuu ta’u, waggoottan sadeen jalqabaa karoorichaatti (bara 2013 hanga 2015) tti damee hundaan bu’aan abdachiisaa ta’e mul’achaa jira.

Raawwii hojii bara darbee qofaa yemmuu ilaalluttis bifa walii galaatiin bu’aan abdachiisaa ta’e galmaa’eera. Haalota qormaanni itti baay’ateefi dhiibbaawwan garagaraa keessatti ciminaan hojjatamuusaatiin gufuuwwan turaniif osoo harka hinkenniin injifannee bira darbuu dandeenyee jirra.

Gara fuula duraatti kana caalaa cimnee hojjannaan immoo bu’aa kana caalu galmeessuun akka danda’amus barnootni irraa fudhatamee jira. Gama tokkoon qormaattota akka biyyatti nu qunnaman dandamachaa, gama biraatiin immoo qormaattota akka biyyatti nu qunnaman kanniin gara carraatti geeddara jijjiirama hangana gahu galmeessuun bu’aa guddaadha

Guddinni dinagdee waliigalaa waggoota sadeen darban keessatti galmeessaa turre baranas guddina dhibbanta 7.9 ta’e galmeessisuudhaaf dameewwan dinagdee hundarratti xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jira. Omishtummaa damee qonnaa baroota darban ture baranaafis itti fufsiisuudhaan lafti hektaara miliyoona 22.1 ol ta’u ni qotama.

Lafa qotamu kanarraa immoo omisha kuntaala miliyoona 810 ta’u argachuudhaaf karoorfamee hojitti galameera. Hawaasa galii gadaanaa qabu qoraa kan jiru qaala’iinsa jireenyaa kana hir’isuudhaaf immoo tarsiimoon fiisikaalaafi maallaqaa cimaa ta’e ni diriirfama.

Dabalataanis omishaafi omishtummaa dabaluudhaan qaala’iinsa jireenyaa sababa hanqina omishaatiin dhufu furuuf ni hojjatama.

Daldala alaa galu biyya keessatti bakka buusuudhaan saaxilamummaa hanqina sharafa alaa hir’isuuf ni hojjatama. Sassaabbii galii mootummaa guddisuudhaaf, bara kana galii taaksii irraa biliyoona 441 sassaabuudhaaf karoorfamee jira. Dabalataanis maddoota qabeenya alaa irraa bara bajataa kanatti qarshii biiliyoona 4.3 ta’u argachuuf karoorfameera.

Waggoota sadeen dhufan keessatti namoota miliyoona 9.15 ta’aniif carraan hojii kan uumamu yemmuu ta’u, bara bajataa keessa jirrutti lammiilee biyyattii miliyoona sadii ol ta’aniif carraa hojii uumuudhaaf karoorfamee gara hojiitti galameera.

Dabalataanis bara bajataa keessa jirrutti lammiileen biyyattii kuma 500 ta’an karaa seera qabeessa ta’een bobbaa hojii biyyoota alaa akka argataniif kan karoorfame yemmuu ta’u, kunis biyyoota baha giddu galeessaa shan keessatti kan raawwatamu ta’a.

Walumaagalatti, qormaattota waggoottan darbanitti nu mudatanirra barnoota fudhachaa, ciminoota turan cimsachaafi cimina keessoo keenyaa eeggachaa rakkoowwan akka biyyatti nu mudachuu malan hunda karaa mariifi araaraa qofaan furachaa biyya tasgabboofteefi tokkummaa cimaa ta’e qabdu horachuun ga’ee hunda keenyaati.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016

Recommended For You

8 Comments to “Hojii jalqabuu manneen maree lamaanii ilaalchisee haasaa Pirezdaanti Saahilawarqi Zawudee keessaa”

  1. Pingback: ECs
  2. Pingback: Saphir Thailand
  3. Pingback: free chat
  4. Pingback: Ricco888
  5. Pingback: pigspin

Comments are closed.