Naannoo Somaaleetti omisha qamadii bonaarraa callaa kuntaala kuma 240 eegama

Finfinnee: Omisha qamadii bonaarraa callaa kuntaala kuma 240 argachuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu Biiroon Qannaa Naannoo Somaalee beeksise.

Hogganaan biirichaa Doktar Abdulqaadir Imaan Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, naannichi omisha qamadii bonaaf mijataa ta’uusaan bara darbe omisha qamadii gannaafi bonaarraa callaan kuntaala kuma 377 ol argameera. Baranas omisha qamadii bonaaf lafa hektaara kuma sagalii ol qotamaa jirurraa callaan kuntaalli kuma 240 ni eegama.

Akka isaan jedhanitti, naannichatti lafa omisha qamadiif oolu keessaa baay’ee daran xiqqaatu hojiirra oolaa jira. Keessumattuu qarqarri Laga Waabee Shabalee omisha qamadiifi kanneen biroof daran mijataadha. Yeroo ammaa kanas omisha qamadii bonaa karoorfame keessaa sanyiin qamadii omishtummaansaa olaanaa kennuu, kan omishamuuf yaadame qarqara laga kanaati.

Qaraqarri Laga Waabee Shabalee qamadii qofa osoo hintaane omisha ruuziif daran mijataa ta’uun qorannoon waan mirkanaa’eef deeggarsa Ministeerota Qonnaa, Jallisiifi Naannawa Gammoojjiitiin taasifameefiin misoomsuuf fedhiifi kutannoo olaanaan jiraachuu ibsaniiru.

Dhiyeessa guddistuu callaa ilaalchisee, naannoonsaanii buufata Jibuutii karaa xaa’oon biyya alaarraa galutti dhiyoo ta’ee osoo jiruu, xaa’oo isaan bira darbee giddugala biyyaa seenu Adaamaa yookiin Finfinneerraa baasii guddaan galfachuun dhimma furamuu qabu ta’uu eeranii, hanqina xaa’oo akka biyyaatti mudate ilaalcha keessa galchuun xaa’oo uumamaa (kompoostii) Jijjigaafi Dagahabuur fa’itti omishaa jiraachuu ibsaniiru.

Waliigalaan, innisheetiviin misooma qamadii bonaa gama tokkoon wabii midhaan nyaataa mirkaneessuuf gama kaaniin alergii yaadame milkeessuuf lafti naannichaa mijataa waan ta’eef carraa jiru daguuganii fayyadamuurratti hanqinni ni mul’ata jedhan. Barana qonna qamadii gannaafi bonaatiin callaan kuntaalli miliyoona afurii ol akka eegamus hogganaan kun himaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016

Recommended For You

7 Comments to “ Naannoo Somaaleetti omisha qamadii bonaarraa callaa kuntaala kuma 240 eegama”

  1. Pingback: situstoto
  2. Pingback: BIPOC
  3. Pingback: Stapelstein
  4. Pingback: Read Full Article

Comments are closed.