Oggaa seenaa biyya keenyaa duubatti deebinee mil’annu haalota adda addaa hubanna. Tokkummaadhaan rakkoolee danuu ceenee eenyummaa keenya eegsifanneerra.
Walkabajneefi walii yaadaa walummaan baroota ceeneerra. Gamtaadhaan dhaabannee waltaanee diinota biyya keenya weeraranii jilbeeffachiisuuf socho’an qaanessineerra. Fedhii ibsamawwan qaroominaa guguddoo cimsineerra.
Ummata addunyaatiif ogummaa, falaasama, seera, sanyiiwwan midhaaniifi jaarmiyaaleefaa arjoomneerra. “Lakki hinbitamuuf” fakkeenya ta’uun ummatoonni gurraachi daangaa hanga daangaatti bilisummaasaaniif akka socho’aniif hafuura gootummaa uumneerra.
Gama kaaniin ammoo fedhii biyyaalessaa hunda keenya waliigalchiisuu danda’u uumuu hindandeenye. Seenessa hunda keenya walittiqabuu danda’u ijaaruu dadhabneerra. Sirna mootummaa hunda keenya biratti fudhatama qabu cimsuurrattis danqamneerra.
Qoqqoodamnee, adda addummaa waldandeessisuu dadhabnee walittibu’iinsa waliiniifi waraanatti seenuun akka biyyaatti gatii maaliinuu bakka hinbuufamne kaffalleerra; ammas kaffalaa jirra.
Qabeenya akka biyyaatti qabnutti fayyadamuu dadhabnee hiyyummaadhaan gidiraa argaa jirra. Sababuma kanaan warra bifoota lamaa taaneerra. Bifi tokko, seenaa, uumama, aadaafi teessuma lafaa waa hundaaf mijataa ta’e qabaachuu keenya.
Bifti biraan qabeenyawwan kanneenitti fayyadamuurra walitti bu’uun, walqooduufi ofumaan of barbadeessuu keenya kan agarsiisuudha. Kanaafuu, waantota ciminaafi haalota gaarii keenya balleessan; qabeenya qabnutti sirnaan akka hinfayyadamne nu taasisan, dhaloota maseensaniifi gochoota haalota gaarii keenya balleessan sirreessuu qabna.
Pirezidaantiin Mootummaa RFDI, Saahilawarqi Zawudee haasaa sirna baniinsaa yaa’ii waloo Manneen Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshiniirratti Wixata darbe taasisaniin akka dubbatanitti, cabiinsawwaniifi adda addummaa keenya suphuufi dhiphisuudhaan biyya keenya bu’uura cimaarra dhaabuuf jabaannee hojjechuu qabna.
Kanaafis dhaabannee karaa irra dhufne qorachuu qabna. Maal akka buufanneefi hir’isne shallaguutu nurra jiraata. Isa irraa buufanne cimsinee qabachuudhaan isa bu’aa irraa dhabne ammoo dhiisnee yaadamaafi onnee jijjiirameen ka’uu qabna.
Har’a Itoophiyaa keessatti dhaloota kanaan gucni jijjiiramaa haaraan qabsiifameera. Boqonnaa haaraan badhaadhina hunda ammataa banameera. Boqonnaan jijjiiramaa kun kan matayyootaa, gareewwan muraasaa ykn naannawa ta’e tokkoo otoo hintaane boqonnaa lammiilee Itoophiyaa hundaati.
Yaadawwanirratti waliigaluus dhiisuus ni dandeenya. Garuu, carrichi kan biyyaafi dhalootaa waan ta’eef waan hir’ate ittiguutaa waan irratti waliihingalle tursiisaa, isa irratti waliigallerratti hojjechaa adda addummaa keenyarra dhaabannee otoo walitti hinbuune isa irratti waliigallerratti walfaana imalaa, oggaa dhimmi murteessaan biyyaalessaa irratti waliihingalle mudatu ummanni bal’aan bilisummaan irratti mari’atee akka murteessufi sagalee ummataa kabajaa deemuudhaan dhaloota ittaanuuf biyya fooyyofte dabarsuu qabna.
Biyyoonni guddatan har’a sadarkaa kanarra kan gahaniif waan adda addummaa hinqabneef miti; waan garaagarummaasaanii mariidhaan furuu danda’aniifi.
Kanaaf, adda addummaa gama afaanii, aadaa, amantii sabummaafi kkfn qabnu walii kabajuun duudhaalee tokkummaan waliin jiraachuu, biyya waliin qabnu walumafaana ijaaruu keenya caalaatti cimsaa rakkoolee adeemsa keessa mudatan ammoo mariifi marii qofaaf dursa kennuudhaan furaa tokkummaa daneessummaa keenya haa jabeessinu.
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016
4 Comments to “ Mariif dursa kennuudhaan tokkummaa daneessummaa cimsuu”
Comments are closed.