Finfinnee: Barattoota qormaata kutaa 12ffaa bara 2015 fudhatan keessaa qabxii darbiinsaa kan galmeessisan dhibbantaa 3.2 qofa ta’uun hawaasa biratti rifaatuu guddaa uumeera.
Waantota kufaatii barattootaatiif sababa ta’aniifi kallattii furmaataa ilaalchisee Dhaabbatni Pireesii Itoophiyaa Pirezidaantii Yunivarsitii Barnootaa Kotobee Doktar Birhaanamasqal Xannaa waliin turtii taasiseera.
Akka ibsasaaniitti, manneen barnootaa bara darbe barattoota kutaa 12ffaa qoran keessaa kumni tokkoofi 161 barataa tokkollee hindabarsine. Otoo kufaatii kana fooyyessuuf hojjetamuun maluu baranas inumaayyuu manneen barnootaa kuma tokkoofi 329 qabxii gadaanaa galmeessaniiru. Yeroo dhibbantaadhaan ibsamu barattoonni qabxii darbiinsaa argatan dhibbanta 3.2 yoo ta’an, dhibbantaa 96.8 qabxii 50 gadi galmeessisuun rifaatii uumeera.
Firiin waggoota lamaan darbanitti galmaa’es qooda fudhattoonni barnootaa (maatii barataa, manneen barnootaa, waajjiraaleefi biirolee barnootaa, ministeera barnootaa) ga’eesaanii akka hinbaane mul’isa jedhaniiru.
Rakkoo kana keessaa ba’uuf qooda fudhattoonni barnootaa ga’eesaanii sirnaan bahachuu qabu. Keessumaa, maatiin barattootaa ijoolleesaaniif waan barbaachisu guutuufiidhaan beekumsatti akka madaqaniif hordoffii gochuu qabu.
Hooggansi manneen barnootaa gama isaatiin barsiisaa wayitii barnootaa osoo hingubin kuatannoodhaan jijjiirama barattoota irratti fiduuf tattaafatu yerootti adda baasuun qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjechuu qabu jedhaniiru.
Waajjiraafi biiroon barnootaa supparviishinii gaggeessuun bakka hanqinni jirutti leenjii barbaachisaa kennuu akka qaban himanii; minsiteerri barnootaa tarsiimoo kufaatii qulqullina barnootaa hir’isu bocuun paakeejiiwwan qulqullina barnootaa ja’an madaalaa deemuu akka qabu ibsaniiru.
Dabalataanis, qorannoon manneen barnootaafi sirna qormaataa gaggeeffamuu qaba. Keessumaa manneen barnootaa barattoota dabarsan akkamitti akka dabarsan kanneen kufaatii galmeessan akkamitti kufaatii akka galmeessisan qorannoodhaan adda ba’uu akka qabu ibsaniiru.
Qorannoo manneen barnootaa barataa dabarsaniifi kufaatii galmeessan gaggeessuuf manni barnootaa saayinsii Ardee Kotobee kan Yuunivarsitii Kotobeen deeggaramu bara darbe gutummaan dabarsuufi barana barataa sadii qofti qabxii gadaanaa fiduu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Akka ibsa isaaniitti, “Kotobeen maal hojjetee sadarkaa kanaan ga’e. Manneen barnootaa kufaatii qaqqabsiisan maal osoo hin hojjetin hafanii kufaatii galmeessan” gaaffiin jedhu qorannoon deebi’uu qaba jedhaniiru. Kana malees, qormaatni dhiyaate sunis sirriifi sirrii ta’uu dhabuunsaa ilaalamuu qabas jedhaniiru.
Milkaa’ina Kotobee keessaatti qooda fudhattootni barnootaa maal hojjetan kan jedhu sirriitti adda ba’ee kufaatii sirna barnootaa amma jiru cabsuun garafuulduraatti tarkaanfachuun akka danda’amu ibsaniiru.
Kufaatiin qulqullina barnootaa hawaasa mufachiise hir’isuuf qorannoo manneen barnootaafi sirna qormaataarratti xiyyeeffate akkasumas, mariifi hirmaannaan qaamolee qooda fudhattootaafi hayyootaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016
5 Comments to “ “Dhimma qulqullina barnootaarratti mariin qooda fudhattootaafi hayyootaa murteessaadha” -Doktar Birhaanamasqal Xannaa”
Comments are closed.