- Pirojektichi dhuma ji’a kanaatti eebbifama jedhamee eegama
Finfinnee: Qaama pirojektii “Maaddii Biyyaaf” keessaa tokko kan ta’e, ijaarsi marsaa jalqabaa pirojektii Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii dhuma baatii Onkoloolessaa bara 2016tti xumuramee akka eebbifamu qindeessaan pirojektichaa ibsan.
Qindeessaan pirojektichaa Obbo Dhaabaa Jinfeessaa gaafdeebii dheengadda Gaazexaa Bariisaa wajjin taasisaniin akka jedhanitti, pirojektiin meegaa Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii marsaa tokkoffaa waggaa lamaafi ji’a ja’a keessatti baasii qarshii biliyoona afuriin xumuruuf karoorfamee, bu’uuruma qabameen xumuramee dhuma ji’a kanaa eebbisiisuuf qophii guutuun taasifamuu himu.
Pirojektichi daandii kiiloo meetira 42 hanga Haroo Dandiitti fagaatu, piikinikiiwwan guguddaa (bakkeewwan qubata bashannanaa) afur, bakka meeshaa daaw’itiirraa hojjetamerra dhaabatanii gadi daaw’atan, balbala seensaa duudhaa Oromoo mul’isu, suuqiiwwan, baankii, manneen nyaataa, mana bunaa, loojiiwwaniifi ijaarsawwan garagaraa daran ammayyaa’oo kan of keessaa qabu ta’uu himanii, xumuramuun pirojektichaa aanaalee Wanciifi Dandii qofaaf osoo hintaane godina, naannoofi biyyaafillee faayidaa olaanaa akka qabuufi turizimii biyyattiirratti sadarkaa tokko kan dabalu ta’uu ibsu.
Pirojektii ikkoo turizimii Wancii-Dandii adda kan taasisu haala taa’umsa lafaafi uumama naannawichaa osoo hinjijjiiriin sona itti dabaluun hojjetamuusaa ta’uu kan himan Obbo Dhaabaan, haala seenaa jireenya hawaasa naannawichaa jijjiiruufi fayyadamaa taasisuun hojjetamuu kaasu. Hordooffiifi deeggarsi mootummaas olaanaa ta’uufi qaamni pirojekticha gaggeessullee halkanii guyyaa hojjechuun dandeettiin pirojektota dafanii xumuruu kan ittimul’ate ta’uu dubbatu.
Eebba pirojektichaatiif koreen dhaabatee taateewwan guguddoon qophaa’aa jiraachuu himanii, kunis yoo xiqqaate torbee lamaa hanga sadii akka turuufi utuu eebbi hinga’iin qophiileen adeemsifaman jiraachuu ibsu. Lafti Wancii baddaa waan ta’eef atileetotaaf daran mijataa ta’uusaatiin dorgommiin maaraatoonii dheerinawwan addaddaatiin akka gaggeeffamuufi kanaafis Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa waliin qophiin eegalamuu dubbatu.
“Kana malees Wanciifi Dandiin fardaan beekama. Kanaaf waldorgommiin fardaa ni jira. Darbees agarsiisni fardaa daran miidhagaa ta’e ni adeemsifama. Wancitti namni hundi yabaloo manaa qaba. Yoo xiqqaate yabaloowwan 200 ni jiru. Kanaaf agarsiisni yabaloo Haroo Wanciirratti ni adeemsifama” jedhu.
Eebbaan boodas taateewwan kunneen ittifufanii yeroo murtaa’eef kan adeemsifaman ta’uu kan himan Obbo Dhaabaan, yoo xiqqaate waggaatti dorgommiin fiigichaa si’a lamaa sadii akka gaggeeffamuufi kunis sadarkaa addunyaatti akka baramuuf yaadamuu eeru.
Akka waliigalaatti taateewwan Wancii-Dandii ibsan sagantaa eebbaatiin walqabachuun ni adeemsifamu. Hojiin ijaarsa Haroo Dandiifi magaalaa turizimii marsaadhaan ittifufu.
Pirojeektichi guutummaatti hirmaannaa ummataatiin waan ijaarameef hawaasni hundi qooda keessaa qabaachuu kaasanii, kunuunsuufi eeguunis kan mootummaafi hawaasa naannawaa qofa akka hintaane hubatamee hunduu qoodasaa akka bahatu darbees aadaa daawwachuusaa gabbifachuun dhaloota biyya barsiisuu akka qabu dhaamu.
Ijaarsa pirojektichaatiin namoonni kuma lamaa ol carraa hojii argachuusaanii kaasanii, yommuu tajaajilatti seenamummoo namoonni 700 ta’an carraa hojii dhaabbii marsaa jalqabaaf akka argatan eeru.
Guutummaa gaafdeebiisaanii fuula Mijuurraa argattu
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016
7 Comments to “Pirojektii Ikkoo Turizimii Wancii-Dandii: Kennaa ji’a Onkoloolessaa ummanni ofii kennu”
Comments are closed.