“Garaagarummaa yaadaatiif waraanni filannoo ta’uu hinqabu”-Pirezidaanti Sahaalawarq Zawudee

Finfinnee: Garaagarummaan yaadaa akka biyyaatti jiru yoo mariinuu furmaata argachuu baate waraanaa filannoo taasifachuun balaa guddaa ta’uu Pirezidaantiin Itoophiyaa Sahaalawarqi Zawudee hubachiisan.

Pirezidaanti Sahaalawarq kana kan hubachiisan Wiixata darbe wayita yaa’ii idilee 6ffaa bara hojii 3ffaa yaa’ii waloo Manneen Marii Bakka Bu’oota Ummataafi Federeeshinii haasawaan bananitti.

Dhimmi isaan irradeddeebiin haasaasaanii keessatti kaasan waa’ee nageenyaafi tokkummaa ummattota biyyaattiiti. Garaagarummaa yaadaa mariin furuu dadhabuurraa kan ka’e waraana waliiniitti seenuun wareegama qaalii kaffaluuf garaa jabaachuu dubbataniiru.

Waraanni daran hamaan bara darbe Itoophiyaa kaabaatti mudate badii labbuu hedduufi mancaatii qabeenyaan godaannisa fokkisaa kaa’ee darbuu yaadachiisanii; gaaga’ama caalu maqsuuf  qajeelfama “Rakkoo Afrikaa Afrikaadhaan” jedhuun waldhabdee ture furuun yeroo ammaa boqonnaa deebisanii dhaabuurratti argamuun injifannoo olaanaadha jedhan.

Itoophiyaa ammayyoomteef kan barbaachisu marii qofa. Qorqalbiin gootummaa waraanaa diina alaa biyyatti dhufe qolachuun birmadummaa itichuuf gargaarus sirna bulchiinsaa qaroome ijaaruurratti garuu hanqinni jiraachuu dubbatanii; ammaan booda Itoophiyaaf lammii falmii yaadaafi mariitti amanu qofa akka ta’e jala sararaniiru.

Waraanaan qaama tokko qofatu injifata, mariidhaan garuu qaama hundatu injifata kan jedhan Pirezidaanti Sahaalawarqi; dhaloota fedhiisaa mariifi marabbaan galmaan ga’uuf carraaqu horachuuf addunyaaf fakkeenya ta’uun dhimma hunda ilaallatu ta’uu hubachiisaniiru.

Amma biyyi boqonnaa cabiinsi mudate itti suphamu, garaagarummaan fiixee ba’e itti sirraturratti argamti jedhanii; waraanaan qaamni kamuu injifataa akka hintaane daandii irra dhufne duuba deebi’anii ilaaluun barbaachisaadhas jedhaniiru.

“Dhimma walii nu galchurratti walii galaa, dhimmoota murteessaarratti waliigaluun dadhabamerratti ammoo ummatni akka murteessu taasisaa addunyaa waliin tarkaanfachuun hojii manaa nama hundaa ta’uu qaba” jedhanii; murtee ummataaf bitamaa biyya fooyyofte dhaloota ittaanutti dabarsuuf miira ittigaafatamummaa qabuun hojjeechuun hundarraa akka eegamu ibsaniiru.

Biyyootni guddatan tokkummaarratti garaagarummaa yaadaa caalaa tokkummaarratti hojjechuun bakka har’a jiran ga’uu kaasanii; garaagarummaan yaadaa akkuma tokkummaa taatee uumamaa ta’uun hubatamee garaagarummaa akka faayaatti fayyadamuun murteessaa ta’uu eeraniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

 BARIISAA SANBATAA Onkoloolessa 3 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to ““Garaagarummaa yaadaatiif waraanni filannoo ta’uu hinqabu”-Pirezidaanti Sahaalawarq Zawudee”

  1. Pingback: Webb Schools
  2. Pingback: คอริ่ง

Comments are closed.