Eenyummaa sabdaneessaan kan faayamte Finfinneetti fooramii Irreechaa 5ffaa gaggeessinee jirra.
Irreechi, ummanni Oromoo uumaa uumama miidhaqsee uume kan ittigalateeffatuufi itti kabaju, kan waldhabe waldhibdee isaa kan araaraan itti hiiku, ibsituu nagayaa, waloomaafi tokkummaati.
Jiraattoonni magaalaa keenyaa keessummoota karra shananiin gara Finfinnee galan waan of harkaa qabaniin jaalalaan simachaa obbolummaa sabadaneessummaa gochaan agarsiisuun Finfinnee fakkeenya Itoophiyaa ta’uushee raggaasisaniiru.
Irreechi haawwata turizimiifi gama galii guddisuutiin gahee guddaa qaba. Bulchiinsi magaalaa keenyaatis keessummoota hedduu ayyaanicharratti hirmaachuuf biyya alaatirraa dhufan kabajaan keessummeessaa jira.
Gochaawwan duudhaafi sona Irreechaa hintaaneefi agarsiifamuu hin qabaanne taasisuurraa of qusannee ayyaanicha jaalalaan, tokkummaafi bifa ho’aa ta’een akka kabajnun waamichakoo dabarsa.
Abbootiin gadaa, haawwan siinqee, foolleewwan, hoggansi keenya hundi, qaamoliin nageenyaa, miseensoonni raayyaa nageenya keenyaafi jiraattoonni magaalaa keenyaa hundi waan taasistan hundaaf isin galateeffachuun barbaada.
Waaqni Itoophiyaafi ummata ishee yaa eebbisu!
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
4 Comments to “Baga ayyaana Irreechaa nagaan geessan!!”
Comments are closed.