Waancaan addunyaa bara 2030 ardiilee sadiitti akka gaggeeffamu ‘FIFA’n beeksise

Finfinnee: Taphootni waancaa addunyaa ALA bara 2030 gaggeeffaman ardiilee sadii, biyyoota jahatti akka gaggeeffamu ‘FIFA’n beeksise.

Ardiilee taphicha keessummeessuuf filataman keessaa tokko Afrikaa yoo ta’u, waancaan addunyaa bara 2030 biyyoota jahatti qophaa’a jechuudha.

Waancaan Addunyaa yeroo jalqabaatiif biyyoota ardiilee sadii jechuunis Afrikaa, Awurooppaafi Ameerikaa Kibbaa keessatti biyyoota jaha keessatti akka gaggeeffamuudha kan ibsame.

Akka ‘BBC’n gabaasetti, taphoonni baniinsaa waancaa addunyaa bara 2030, kan waggaa 100ffaa waancaa addunyaa kabaju, Arjentiinaa, Uraagaayiifi Paaraaguweetti gaggeeffamu.

Taphoota baniinsaa booda taphoonni hafan hundi keessummeessitoota ijoo dorgommii kanaa, Morookoo, Ispeeniifi Poorchugaal keessatti taphatamu.

Taphoota baniinsaa Arjentiinaa, Uraagaayiifi Paaraaguweetti waggaa 100ffaa dorgommichaa kabajuuf kan gaggeeffamu ta’a.

Seenaasaa keessatti yeroo jalqabaatiif waancaa addunyaa ardiilee sadiitti kan gaggeeffamu yoo ta’u, biyyoonni keessummeessan ja’an hundi kallattiin dorgommii kanaaf akka darban yaadni dhiyaateera.

Haa ta’u malee, yaadni waancaa addunyaa biyyoota jaha ardiilee sadii keessatti argamanitti qopheessuuf jedhu konfiraansii ‘FIFA’ bara dhufuurratti ni ragga’a jedhamee eegama.

‘FIFA’n waancaa addunyaa bara 2034 keessummeessuuf caalbaasii federeeshiniiwwan kubbaa miilaa Eeshiyaafi Ooseeniyaarraa akka ilaalus beeksiseera.

Murtee ‘FIFA’ hordofuun Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Sa’ud Arabiyaa Waancaa Addunyaa bara 2034 akka keessummeessuuf gaaffii ‘FIFA’f dhiyeessuu beeksise.

Federeeshinich gaaffii kana yommuu dhiyeessu, Mootiin Sa’ud Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaan guutummaatti akka deeggaran ibsameera.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Waancaan addunyaa bara 2030 ardiilee sadiitti akka gaggeeffamu ‘FIFA’n beeksise”

  1. Pingback: ks quik

Comments are closed.