Finfinnee: Irreechi riqicha sabafi sablammoota walitti fidu akka ta’e bakka buutotni sabafi sablammoota garaagaraa ibsan.
Bakka buutotni sabootafi sablammoota garagaraa kaleessa Fooramii Irreechaarratti hirmaatan ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, irreechi amalumasaatiin jaalala, dhiifama, araaraafi tokkummaa waan leellisuuf sabaafi sablammoota biyyattii walitti hidhuu keessatti shoora olaanaa tapha.
Hogganaan Biiroo Aadaafi Tuurizimii Naannoo Tigraay Doktar Atsibahaa Gabraziabeer akka jedhanitti, ayyaanotni aadaafi aartiin uumamaan sabootaafi sablammoota gidduutti hariiroo gaarii uumuuf humna guddaa qabu.
Ayyaanotni sabootaafi sablammoota biyya kanaa maddisaanii garagara ta’anis akka biyyaatti qabeenya biyyattiiti kan jedhan Doktar Atsibahaan; ayyaanota kanneen yoo qixa sirriin itti fayyadamne akka biyyatti faayidaan isaan qaban olaanaadha jedhaniiru.
Torbee muraasa dura Ayyaana Ashandaa Tigraayitti kabajamerratti jilli Aadaa Naannoo Oromiyaa gara Maqaleetti imalee akka ture yaadachiisanii; haaluma walfakkaatuun jilli naannoo Tigiraayis irreecharratti hirmaachuuf gara Finfinnee dhufuusaa ibsaniiru.
Biiroon Aadaafi Tuurizimii Naannoo Tigraay, Biiroo Aadaafi Tuurizimii Oromiyaafi Komishinii Tuurizimii Oromiyaa waliin hariiroo gadi fagoo uumaa jira kan jedhan Doktar Atsibahaan; ummata Tigraay waraanan miidhame deebisnee dhaabuuf, fuula gaarii biyyattii ol qabuufi naannoleen lachuu seektara tuurizimiirraa galii argachuu qaban akka argatan gochuuf hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Hogganaa Ittaanaa Biiroo Aadaafi Tuurizimii Naannoo Sidaamaa Obbo Daawwit Dangisoo gamasaanitiin akka jedhanitti, uummatni Oromoofi uummatni Sidaamaa tokkoodha. Kabajafi jaalala uummata Oromoof qabu ibsuuf jilla aadaa Sidaama kan miseensota 60 qabu ayyaanicharratti hirmaatera.
Sabni Sidaamafi Oromoo daangaa bal’aa waliin qooddata kan jedhan obbo Daawwit; Saboota lameen kana gama aadaa, afaaniifi misoomatiin walitti hidhuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiras jedhaniiru.
Hogganaan Waajjira Qajeelcha Aadaa Godina Gamoo Obbo Munaayyee Osolee gamasaanitiin, irreechi jaalalafi tokkummaadha jechuun hariiroo gaarii uummata Gaamoofi Oromoo gidduu ture kan sababa walitti bu’iinsa uumameen laalaafaa dhufe cimsuuf ayyaanicharratti Sabni Gaamoo akka hirmaachuun saboota lameen gidduutti jaalala barootaf ture deebisuuf kan gargaare ta’uu dubbataniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
7 Comments to “ Irreechi riqicha sabaafi sablammoota biyyattii walitti fiduudha”
Comments are closed.