Finfinnee: Hoteelotni Finfinneetti argaman keessummoota alaafi keessaa simachuurratti kan argaman ta’uu Waldaan Abbootii Hoteelaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee beeksise.
Ittigaafatamtuun waajjira waldichaa Aadde Efraataa Abaataa ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf Roobii darbe kennaniin akka jedhanitti, ayyaana irreecha sababeeffachuun namoota miliyoonotaan lakkaa’amantu biyya keessaafi alaa gara Finfinnee waan dhufaniif ayyaanichi galii hoteelotaa dabaluuf shoora olaanaa taphata.
Hoteelotni Finfinnee keessa jiranis hirmaattotni ayyaanichaaf mana bahaniii tajaajila argachuuf yoommuu hoteelota seenan akkuma qe’eesaaniitti akka fudhataniif fuula ifaadhaan simachuu eeraniiru.
Waldichi Irreechas ta’e ayyaanota guguddoo miidhagsuuf humna guddaa qaba kan jedhan Aadde Efraataan; hoteelota abbaa urjii tokko hanga abbaa urjii shanii kan ta’an hoteelota 178fi waliigalatti hojjettoota kuma 20 ol of jalatti hammatee jira jedhaniiru.
Waldichi irreechi yoommuu kabajamu hoteelotni qixa isaanirraa eegamuun qophii barbaachisaa taasisuun hirmaattota ayyaanichaaf tajaajila barbaachisaa guutuu kennuuf qooda fudhattoota irreechaa waliin hojjechuuf fedhii guddaa qabaatus, qooda fudhattotni karaa qindaa’en hojiin isaan hoteelota waliin hojjechaa jiran gahaa miti jedhan.
Akka ibsa Aadde Efraataatti hoteelotni magaalicha keessa jiran nyaataafi dhugaatii ayyaanicha waliin deeman hirmaattotaaf dhiyeessuun ayyaanicha bareechuuf humnas fedhiis qabaachuu eeraniiru.
Qooda fudhattootni waldicha waliin akka barbaachisutti kan hojjetan yoo ta’e, hirmaattota ayyaanichaaf gatii madaalawaan tajaajilawwan barbaachisoo kennuun kan danda’amu ta’uuse ibsaniiru.
Waldichi yaa’insa turizimii biyya keessaa dabaluuf hoteelotni gahee irraa eegamu akka bahaniif deeggarsa bal’aa taasisaa jira.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
3 Comments to “ Irreechi galii Hoteelotaa dabaluu keessatti shoora olaanaa qaba”
Comments are closed.