Finfinnee: Irreecha Hora Harsadee bor Bishooftuutti kabajamurratti namootni miliyoona shanii ol ni hirmaatu jedhamee akka eegamu Bulchiinsi Magaalichaa beeksise. Kabaja ayyaanichaafis qophii barbaachisu taasisuus ibseera.
Kantiibaa Ittaanaan Bulchiinsa magaalichaa Obbo Gazzahaanyi Dajanee ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf dheengadda kennaniin, Irreechaa Hora Harsadee Fulbaana 27 magaalaa Bishooftuutti kabajamuuf keessummoota ayyaanichaa simachuuf bulchiinsi magaalaa Bishooftuu qophii tajaajila hoteelotaafi iddoo bultii barbaachisu taasisuu ibsaniiru.
Akka isaan jedhanitti, bakka irreeffaannaa qulqulleessuu, tajaajila hoteelaa, nyaataafi dhugaatii dabalatee guutuummaadhaan dhiyeessuuf qophiin taasifameera. Nageenya ayyaanichaa mirkaneessuuf qaamolee nageenya kabachiisan sadarkaa naannoofi federaalaa, jiraattota magaalaa Bishooftuufi Foollee waliin qindoominaan hojjetamaa jira.
Dabalataanis, jiraattoota magaalaa waliin marii bal’aan geggeeffamuu himanii, daandiiwwan guguddoo bakka irreeffannaatti geessan meeshaalee teknolojii nageenya to’ataniifi kaameeraan garagaraa giddugala magaalaa irraa eegalee hordoffiifi to’annoon akka geggeeffamu ibsaniiru.
Bakki irreeffannaa abbootii Gadaa, Haadholii Siinqeefi Foollee waliin ta’uun qulqulleeffamuu himanii, hoteeloti magaalichatti tajaajila kennan gatii dabaluun rakkoon tajaajilaa akka hinuumamneef abbootii qabeenyaa waliin marii bal’aan taasifamuu eeru.
Bakkeewwan tajaajilli nayaataafi dhugaatii ittikennamu akka hinhanqanneefis bulchiinsi magaalichaa jiraattota magaalichaa walitti qindeessuun bakkeewwan tajaajilli itti kennamu 11 qophaa’uu himu. Irreechi cimee hawaasa addunyaatti akka mul’atuuf duudhaaleesaa eeganii, tokkummaafi obbolummaan kabajuu akka barbaachisus ni dhaamu.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
6 Comments to “ Irreecha Hora Harsadee boriirratti namoonni miliyoona shanii ol ni hirmaatu jedhamee eegama”
Comments are closed.