Har’i guyyaa ayyaana Irreecha Hora Finfinnee yoo ta’u, boru ammoo kan Hora Harsadee waan ta’eef ummanni Oromoofi saboonni biyyattii marti baga ittiin isin ga’e.
Oromoon ummata aadaafi duudhaa gabbataa, sirna bulchiinsaa Gadaa kalaqatee ittiin bulaafi walbulchaa ture, ummata falaasama hundagaleessa, madaala uumaafi uumamaa eegu diriirsee jiruufi jireenyasaa geggeessaa tureefi jiruudha.
Oromoon uumama kabaja. Oggaa ganni darbee birraan bari’u uumama qabatee malkaa bu’ee Uumaa galateeffata, irreeffata, bonni bahee arfaasaan seenu ammoo Tulluutti kadhata. Maree Hoo! Maree Hoo! jechuun Uumaaf galata galcha! Kennaa Uumaan kenneef deebisee kennuun dinqisiifata. Barri maree dhufe maree akka naanna’u abdiifi hawwii badhaadhinaaf qabus weedduudhaan ibsata.
Irreechi Malkaa waqtii birraa kabajama. Kunis dukkanarraa gara ifaatti cehuu agarsiisa. Birraan waqtii midhaan daraaree asheetu, lagni guutee ture ittihir’atu, firriifi lammiin walirraa fagaatee ture ittiwalarguufi yeroo wantootni abdii dhala namaa haaressan baay’inaan ittimul’ataniidha. Yeroo birraan bari’u lafti jiidhaafi magariisa.
Oromoon kanaaf coqorsa jiidhaafi daraaraa qabatee malkaatti irreeffata. Coqorsi hiika guddaa qaba. Akaakuu margaa keessaa kan akka coqorsaa rakkoo dandamatuufi jabina qabu hinjiru. Kana malees, coqorsi akka mallattoo jireenyaatti ilaalama. Walumaagalatti Irreechi birraa marga jiidhaan madda jiidhaatti irreeffatama jechuudha.
Karaa biraatiin Irreechi ayyaana galataa, araaraa, obbolummaa, jaalalaafi tokkummaati. Ayyaana Waaqaaf galata galchuutisi. Araarri dhala namaafi Uumaa akkasumas dhala namaa gidduutti akka bu’utu kadhatama. Gaafa Irreechaa Oromoon afaan galataafi araaraa malee waan hamaa hindubbatu.
Irreechi akkuma Sirna Gadaa, gaaddisa waloo, Oromoon marti garaagarummaa tokko malee jalatti walgahuudha. Ibsituu caayaa tokkummaa Oromummaati, darbees asxaa obbolummaati. Irreechi guyyaa walargii qofa otoo hintaane kan eegumsa nagaa waloo itticimsaniidha.
Nagaan waloo tokkummaan cima. ‘Maree Hoo! Maree Hoo!’ jechuun weeddisuun afaan tokko dubbachuudha! Coqorsa jiidhaa qabachuun abdii tokko qabaachuu mul’isa! Malkaa tokkotti tokkummaan irreeffachuun mallattoo kaayyoo walfakkaatuufi egeree tokko qabaachuu agarsiisa. Kanaafuu, Oromoon miliyoonaan lakkaa’amu faayasaatiin miidhagee mul’ata; aadaafi duudhaasaa bareedaa addunyaatti beeksisuuf.
Biyya keenyatti ayyaanota guguddoo namoonni baay’inaan bahanii kabajan keessaa inni guddaan Irreecha. Irreechi ayyaana hawwattummaansaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeedha. Sadarkuma biyyaattuu yoo ilaalle Irreechi ayyaana sabaafi sablammoonni baay’inaan irratti argamaniifi hirmaatan, ayyaana hammattummaafi guddummaa ummata Oromoo agarsiisu ta’eera.
Irreechi ayyaana nagaafi araaraa, galataafi obbolummaa, tokkummaa Oromoo ijaaree itichaa jiru, aadaafi duudhaasaa addunyaatti beeksiseedha. Kun qabeenya hawaasummaa dilbii guddaadha. Madda turizimii guddaadhasi. Qabeenya kana qixa sirriin ittigargaaramnee naannoofi biyya keenya ittiin beeksisuu qabna.
Irreechi Hora Finfinneefi Hora Harsadee har’aafi boru (Fulbaana 26fi 27 bara 2016) mataduree, “Irreecha: Asxaa tokkummaafi obbolummaa” jedhuun kabajamu kan nagaa, araaraafi dhiifamaa akkasumas kan tokkummaafi obbolummaan daran ittidagaagu, akkasumas kan milkii haa ta’u.
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
6 Comments to “ Irreechi Irreecha milkii haa ta’u!”
Comments are closed.