Duudhaalee Sirna Gadaa keessaa tokko kan ta’e Irreechi, uummanni Oromoo Waaqa kadhachuufi galatasaa galchuuf jecha tulluufi malkaatti ba’uun kan irreeffatuudha.
Oromoon Arfaasaa tulluutti ba’uun roobaafi nagaa kadhata, birraa ammoo malkaa bu’uun galata galcha.
Tulluun waa malee lafa diriiraa hincaalle, darbees waaqatti kaluudha. Kanaaf yoo itti ba’anii kadhatan irruma caalaayyuu dhageettii waaqaa qaba jedha dhugeeffannaan Oromoo.
Malkaanis yeroo birraa ni taliila. Kanaaf mallattoo qulqullinaati, bishaan yoo dhugan lubbuu namaaf ta’a, yoo dhiqatan nama qulqulleessa, yoo dadhaban hafuurrisaa hamilee namaaf ta’a kan jedhus dhugeeffannaa ganamaa Oromooti.
Egaa saayinsiinis qaamni dhala namaa bishaan harka guddaa of keessaa qaba jedhama mitiiree?
Malkaafi tulluu- Irreecha Birraafi Irreecha Arfaasaa
Akka guutuu Oromiyaatti Irreechi waggaatti yeroo lama, arfaasaafi birraa kabajamuun kan beekamu ta’us, irreeffannaan garuu jiruufi jireenya Oromoon adda ba’ee akka hinbeeknetu himama.
Yeroo rafan, yeroo ka’an, yeroo manaa ba’an, yeroo galan, bakka qotiisaatti, bakka lolaatti, yeroo fuudhaafi heerumaafi taateewwan hundarratti irreeffannaan ni jira.
Irreechi akaakuuwwan afur kan qabu yemmuu ta’u, hunduu walitti fufee waliin marsaa akka adeemus kitaabilleen sirna Gadaarratti barreeffaman hedduun ni agarsiisu.
“Kan jalqabaa Irreecha manaati. Osoo Irreecha hindeemiin sirna manatti raawwatamuudha. Ittaansee Irreecha malkaa, kan birraa ji’a Fulbaanaa keessa malkaatti irreeffatamuudha.
Inni sadaffaan Irreecha dirree jedhama. Kunimmoo Irreecha birraatti aansuun kabajama. Kan ittaanu (afraffaan) Irreecha arfaasaa kabajamu, Irreecha Tulluuti. Kunimmoo kan uummanni Oromoo tulluutti ba’uun waaqasaa rooba kadhatuudha” jedhan.
Hayyuun seenaa Obbo Dirribii Damisee, ummanni Oromoo arfaasaa yeroo caamsaan hammaatu tulluutti ba’uun waaqasaa rooba kadhata jedhan.
Ganni roobee, kan faca’e margee dagaagee lalisee asheetee, lagni boora’ee guutee wayita birraa taliilu ammoo Malkaatti ba’ee galata galcha jedhan.
Haala Kanaan sirni irreeffannaa lameen walitti hidhatanii raawwatu jedhan hayyoonni kunneen.
Irreechi yoom irreeffatama
Irreechi Tulluu, arfaasaan fuula deeffatee torbee jalqabaarratti irreeffatama, kan malkaa ammoo birraan bari’ee torbee dhumaa ji’a Fulbaanaatti irreeffatama.
Irreechi waan waggaa eegee yeroo lama yookiin sadi irreeffatamu qofa miti jedhu Obbo Dirribiin.
Adda addummaansaa inni waggaatti yeroo lama irreeffatamu sirni guddaan qophaa’ee kan Oromoon iddoo mararraa walitti dhufuudha malee Oromoon waan raawwachuuf jedhu hundarratti waaqa ni kadhata, ni galateeffatas, ni irreeffata jechuudha jedhan.
Fakkeenyaaf namni yeroo qonnaaf lafa haaraa baafatu achitti dhibaafatee irreeffata. Kun Jaarrii jedhamee beekama. Yaa waaqayyo dachee qonnaa kana naaf milkeessi jedhee kadhata. Yeroo sanyii baasu, yeroo fuudhaafi heerumaa, yeroo karaa deemus ni irreeffata, milkii kadhata.
Dubartiin yeroo ateetee borootti ni irreeffatti. Osoo karaa deemtuu akka carraa malkaa yookiin tulluutti wayita baatus irreeffattee dabarti. Kanaafuu irreessi jiruufi jireenya Oromoo keessatti guyyuu kan raawwatamuudha jechuun ni danda’ama.
Akaakuuwwan irreechaa keessaa kan ummatni Oromoo bal’aan irratti hirmaatuufi waggoota dhihoo as sabaafi sablammootni biyyattii heddumminaan irratti hirmaachaa jiran Irreechi birraa hora Finfinneefi Harsadee, tokkummaa biyyaa hundee cimaa ta’erratti dhaabuufis shoora olaanaa bahachaa jira.
Kabaja ayyaana Irreechaarratti ummanni biyyattii garri caalu hubannoo gaarii qabaachuu qofa osoo hintaane, Oromoo waliin bahee irreeffachuu jalqabuun akkuma jirutti ta’ee, haa xiqqaatanis malee kanneen ammas ija shakkiifi jibbaan ilaalan waan jiraniif humnaan osoo hintaane, jaalalaan isaanis hubachiisuun barbaachisaa ta’a.
Walumaagalatti, Irreechi abbummaadhaan aadaa Oromoo haa ta’umalee irratti hojjanaan biyya tokkoomteefi ummattootnishees waljaalalaan waliin jiraatan ijaaruu keessatti gaheensaa guddaa ta’uun hubatamee caalaatti irratti hojjachuun murteessaadha.
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
3 Comments to “ Ayyaanota akka Irreechaa biyya hundee cimaarratti ijaaruu keessatti”
Comments are closed.