Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Yunivarsitii Diillaatti barsiisaa seeraa, Yunivarsitii Bulee Horaatti ammoo barataa doktareetii Gadaafi Bulchiinsaa, Obbo Geetaachoo Taaddasaati. Gaafdeebii Gaazexaan Bariisaa Wiixata darbe duudhaaleefi jaarmiyaalee Sirna Gadaarratti xiyyeeffachuun turtii Qorataa Sirna Gadaa kana waliin Wiixata darbe taasise akka armaan gadiitti dhiyaateera.
Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessan gabaabaatti utuu nuuf ibsitanii?
Obbo Geetaachoo: Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa, Aanaa Warra Jaarsoo, Ganda Aabbuu Keekkuuttin dhaladhe. Barnoota koo sadarkaa tokkoffaa kutaa 1ffaa hanga 6ffaatti bakkuma dhaloota koo, Mana Barnootaa Maammeetti, kutaa 7ffaafi 8ffaa Mana Barnootaa Tulluu Milkii, kan Magaalaa Tulluu Milkiitti aragamuttin baradhe. Kutaa 9ffaa ammoo Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Qarree Guwaa kan Aanaa Warra Jaarsoo, Magaalaa Qarree Guwaattin baradhe.
Kutaa 10ffaa hanga 12ffaatti ammoo Finfinneetti Mana Barnootaa sadarkaa 2ffaa Daagimaawwii Minilikittin baradhe. Waanin baadiyyaatti dhaladheef akkuma ilma qonnaan bulaa kamuu jabbiilee, hoolotaafi loowwan tiksee, qotee, aramee haameen maatii koo gargaaraa guddadhe.
Digrii koo tokkoffaa barnoota Seeraatiin Yunivarsitii Diillaarraa, digriikoo lammaffaas barnootuma Seeraatiin Yunivarsitii Haramayyaarraa kanan fudhadhe yoo ta’u, yeroo ammaa ammoo Yunivarsitii Bulee Horaatti Gadaafi Bulchiinsaan barataa digrii doktareetii waggaa sadaffaati. Sirna Gadaatiin sadarkaa kanatti barataa jalqabaati jechuudha.
Yunivarsitii Bulee Horaatti barattoota digrii lammaffaa barataniif koorsiiwwan gara garaa kennaan jira. Yunivarsitii dhuunfaattis nan barsiisa. Akkasumas gorsaa seeraa ta’ee, hojii pirojektii, dhimmoota seeraa, dubartootaa, nageenyaarratti dhaabbilee adda addaa waliin hojjechaan jira. Yoo Waaqayyo jedhe waggaa tokkoofi ji’oota muraasa booda barumsa koo digrii sadaffaa nan xumura.
Bariisaa: Waraqaan qorannoo digrii sadaffaa keessan dhimma maaliirratti xiyyeeffata?
Obbo Geetaachoo: Waraqaan qorannoo digirii koo sadaffaa dhimma ‘Seera Aadaafi Seera Ammayyaa’ irratti Xiyyeeffata. Oromoon karaa seera aadaafi seera ammayyaatiin (Paarlaamaafi Caffeen Oromiyaa baasuun) lafasaafi qabeenyasaa akkamitti bulcha? Oromoon akkamitti nageenyasaa tikfata ykn kunuunsa? Nageenyi karaa seera aadaafi seera ammayyaa akkamitti ilaalama? Nageenya jechuun maaliidha? Akkamitti nageenya ijaaruun danda’ama? Seerri aadaafi seerri ammayyaa walitti bu’a moo waliin deema? Yoo walitti bu’a ta’e akkamitti fooyyessuun danda’ama? dhimmoota jedhanirratti xiyyeeffata. Qorannoo kana seerota aadaa, seerota ammayyaafi Sirna Gadaa walbira qabeen adeemsisaa jira.
Sabni tokko seera aadaafi seera ammayyaa mootummaan baaseen bula, qabeenyasaas bulcha. Sabni tokko akka aadaattis seera mataasaa qaba. Seerri ittifayyadama lafaa mootummaan baaseefi seerri bulchiinsa lafaa kan aadaa akkamitti waliin deema?
Nageenya ijaaruun walqabatee dhimma namoota walitti bu’anii karaa seera ammayyaa (Mana Murtii Idilee) ilaaluurra karaa seera aadaa (Mana Murtii Aadaa) ilaaluutu faayidaa qaba kan jedhu walbira qabnee ilaaluu qabna.
Waraanni hinjiru jechuun nageenyi jira jechu miti. Oromoon yoo hongeen mudate, dhukubni dhufe, bineensi bosonaa bahee nama miidhe nageenyi hinjiru jedhee fudhata. Oromoon ‘Nageenya yeroo nagaa jiru tikfatu’ jedhee amana. Waraqaan qorannoo koos dhimmoota kanneenirratti xiyyeeffata.
Bariisaa: Mariin biyyaalessaa adeemsifamuuf jedhu gama rakkoo nageenyaa karaa nagaan furuufi nageenya biyyaa haala amansiisaatiin ijaaruutiin akkamitti ilaalama?
Obbo Geetaachoo: Nageenyi kan bu’uufi kan argamu karaa nagaa qofaani. Waraanaan nageenya argachuun hindanda’amu. Oromoon ‘Nagaa yeroo nagaa tiksu’ jedha. Waraana keessa taa’anii nagaa fiduun ni ulfaata.
Nageenyi kan dhufu walitti dhufanii waliin mari’achuun, waldhaggeeffachuufi dhimmoota irratti waldhaban ilaafi ilaameen furuudhaani. Rakkoon nageenyaa mariifi ilaafi ilaameedhaan hinfuramne hinjiru. Qaamni dhimma nageenyaarratti mari’achuuf dhufu kamuu garaa qulqulluun ta’uu qaba. Gaafuma walitti dhufu araarri ni ta’a, nageenyi ni dhufa jedhee amanuu qaba.
Addunyaarratti sabaafi saba gidduutti, biyyaafi biyya gidduutti waraanonniifi lolli gara garaa raawwatamaniiru. Erga lubbuun namoota hedduu waraanichaan darbeefi qabeenyi guddaan barbadaa’ee booda garuu gara nageenyaatti dhufama. Fakkeenyaaf Ruwaandaatti walitti bu’iinsa Huttuufi Tutisii gidduutti uumameen lubbuun lammiilee hedduu erga darbeeyyii sirna araaraa ‘Gachaachaa’ jedhamuun araara kan buusan.
Nageenyi waraanaan utuu hintaane mariifi araaraan dhufa. Sirni Gadaa Oromoos nageenyi marii, araaraafi obbolummaa cimsuudhaan kan dhufu ta’uu barsiisa. Mariif taa’uu dura qaamoleen hundi nageenyaafi araaratti amanuu qabu. Mariin biyyaalessaa biyya keenyatti adeemsifamuuf jedhu rakkoo nageenyaa akka furu dursee ittiamanamuu qaba.
Bariisaa: Sirni Gadaa Oromoodhaaf maali?
Obbo Geetaachoo: Oromoon waa’ee addunyaa Sirna Gadaa keessatti ilaala. Sirni Gadaa ibsituu eenyummaa Oromooti. Sirni Gadaa waan tokko ta’ee duudhaaleefi jaarmiyaalee hedduu of keessaa qaba. Wantoota Oromoon waliin qabu keessaa tokko Sirna Gadaati. Oromoon Afaan, seenaafi Sirna Gadaa waliin qaba.
Gadaan sirna bulchiinsaa, siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa, amantiifi waraanaa waan hammatuuf Oromoof waa hunda. Waa’een sirnichaa waan yeroo gabaabaa keessatti ibsamee xumuramu miti. Sirni Gadaa duudhaaleefi jaarmiyaalee gara garaa of keessaa qaba. Jaarmiyaalee sirnaa keessaa tokko ammoo Irreecha. Araarri, dhiifamni, naannawa eeguufi kunuunsuun, waljaalachuun, waldanda’uun ammoo duudhaalee Sirna Gadaa keessaa isaan muraasa.
Akka Sirna Gadaatti daa’imni tokko dhalatee abbaafi haadha dhabuu hindanda’u. Daa’imni tokko sababoota gara garaatiin yoo maatiisaa dhabe Oromoon daa’ima sana fuudhee akka ijoolleesaatti eegee kunuunsee guddisa. Daa’ima haala kanaan guddises gosasaatti dabala. Daa’imni guddifachaan guddates kan Oromoon jaalatu jaalatee kan Oromoon jibbu jibbee waliin jiraata. Guddifachaanis jaarmiyaalee Sirna Gadaa keessaa tokko yoo ta’u, daa’imni tokko haadhaafi abbaa akka hindhabne kan taasisuudha.
Sirni Gadaa Oromoon Uumaafi uumama, ollaa, hawaasa naannawaafi gosa biraa waliin nagaan akka jiraatu kan taasisu duudhaalee gara garaa of keessaa qaba. Oromoon nagaatti amana, nagaa jaalata, nagaa kunuunsa.
Oromoon nagaaf iddoo guddaa kenna. Oromoon bunaafi nagaa hindhabinaa jedha. Bunni qabeenya bakka bu’a. Qabeenya hanga fedhe qabaatanii nageenyi hinjiru taanaan qabeenyichi akka gatii hinqabne waan hubateef “Bunaafi Nagaa Hindhabinaa!” jedhee waliisaas ta’e warra kaan eebbisa. Bunaafi nagaa hindhabinaa kan jedhu falaasama guddaa of keessaa qaba. Waa’een nageenyaa isa har’a addunyaan nutti himu utuu hintaane durirraa eegalee Oromoo biratti iddoo olaanaa qaba.
Oromoon dhiifama beeka, dhiifama qofa miti araara beeka, tokkummaa beeka, jaalala beeka, nagaan waliin jiraachhuu beeka. Oromoon dhala namaa mitii bineensa bosonaa waliinuu nagaan jiraachuu beeka. Sirna Gadaa keessatti namni bineensa seeraan ala ajjeesseefi muka seeraan ala mure ni adabama.
Akka Sirna Gadaatti mukti muramuufi hinmuramne jira. Mukni akka hinmuramne dhorkamu “Muka kana muruun safuudha” jedhamee lallaba. Lafti wayyu (ulfoodha), lagi wayyuu, tulluun wayyu jedhamee lallaba. Kun Oromoon jalqabumaa kaasee naannawasaa eeguufi kunuunsuutti kan beeku ta’uu agarsiisa.
Sirni Gadaa kun akka barbaadametti deemaa jiraa kan jedhu garuu gaaffii kaasuu mala. Kanaafuu dhaloonni ammaa qabeenya naannawaasaa kana eeguufi kunuunsuun dhaloota ittaanutti dabarsuuf ittigaafatamummaa guddaa qaba. Erga Gadaan waa hunda Oromooti jennee waa hunda Gadaa keessatti ilaalta jechuudha.
Oromoon falaasama ollaasaa, saboota naannawaasaa, Uumaa, uumamaafi ummata waliin nagaan jiraatu gabbataa qaba. Uumaan Waaqa waa hunda uumeedha. Umamni ammoo kan lafarra jiraatu, kan bishaan keessa jiraatuufi samiirra balali’u, kan lafee qabuufi kan hinqabneefi kan hafuura baafatu hunda of keessatti hammata.
Ummanni ammoo dhala namaa hunda of keessatti qabata. Oromoon Uumaasaa ni galateeffata, ni kadhata. Umama ammoo eegee kunuunsee nagaan waliin jiraata. Irreechi sirna Oromoon ittiin Uumaasaa galateeffatuufi kadhatu akkasumas waliisaafi uumama eebbisu keessaa isa guddaadha. Sirni Gadaa ‘UNESCO’tti akka galmaa’u kan taasises duudhaaleefi jaarmiyaalee sirnicha keessa jiraniidha.
Bariisaa: Sirni Gadaa jidduutti laafuusaatiin miidhaan akka sabaattis ta’e biyyaatti qaqqabe yoo jiraate?
Obbo Geetaachoo: Oromoon yoom Gadaadhaan buluu jalqabe yoo jenne jaarraawwan hedduu duubatti deebinee ilaaluu nu gaafata. Sirni Gadaa wadaroo Oromoo hunda hammatee bakka tokkotti qabee hanga har’aatti akka jiraatu taasiseedha.
Sirni Gadaa tokkummaa Oromoo jabeessaa, eenyummaasaa beeksisaafi jaalalasaa cimsaa waan dhufeef sirnoota darbaniin dhiibamaafi cunqurfamaa tureera. Sirni irreechaa bakkawwan adda addaatti laafus utuu adda hincitin turee har’a gaheera.
Sirnoota darban keessa seeronniifi labsiiwwan Sirna Gadaafi isaan walqabatan akka laafan taasisan bahaa turaniiru. Sabichi garuu sirna Gadaafi duudhasaatiin qabamee, waljabeessee, walutubee eegee har’aan gaheera.
Sirni Gadaa bara 1983 as deebi’ee lubbuu horachuu jalqabe. Heera biyyattii keessattis namni kamuu aadaa, afaaniifi seenaasaa guddisuu, kunuunsuufi barsiisuu akka danda’u taasifame. Kun Sirni Gadaa ‘UNESCO’tti akka galmaa’uuf ka’umsa ta’eera.
Sirnichi bara 2009 hambaa kiliyaa ta’ee “UNESCO’tti erga galmaa’ee booda qabeenya Oromoo qofa utuu hintaane addunyaas ta’eera. Kanaafuu sirnicha tiksuun, guddisuun, beeksisuun, ittiin barachuufi dagaagsuuf hundi keenya ittigaafatamummaa qabna. Keessumaa mootummaafi dhaabbileen barnootaa sirnicha guddisuufi dagaagsuurratti gahee irraa eegamu bahachuu qabu.
Oromiyaatti barnoonni Sirna Gadaa kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti kennamaa jira. Yunivarsitiin Naannoo Oromiyaa, Yunivarsitiin Bulee Horaa, Yunivarsitii Haramayaafi Yunivarsitiin Jimmaa Sirna Gadaarratti hojjechaa, qo’annoofi qorannoo adeemsisaa jiru.
Kana booda sirnichi duubatti hindeebi’u. Garuu ammoo akkas jennee taa’uu hinqabnu. Sirnicha caalaatti eeguu, kunuunsuu, qorachuufi beeksisuutu nurraa eegama. Gadaan sirna eenyummaa, tokkummaafi jaalala keenya keessatti arginuudha. Sirna Gadaa kanaan hariiroo hawaasummaa, tokkummaa, aadaafi haala bulchiinsa keenyaa cimsachaa deemuu qabna.
Bariisaa: Sirni Gadaa erga “UNESCO’tti galmaa’ee as jijjiirama akkamii argamsiise?
Obbo Geetaachoo: Sirni Gadaa erga hambaa kiliyaa ta’ee ‘UNESCO’tti galmaa’ee as sirni bulchiinsaa kamuu yoo dhufe baduu hindanda’u. Sirnicha addunyaanuu ni tiksa waan ta’eef. Sirni Gadaa hambaa kiliyaa ta’ee erga galmaa’ee as naannoo Oromiyaatti sirna barnootaa keessa galee kutaa 1ffaa hanga 8ffaatti akaakuu barnootaa tokko ta’ee barsiifamaa jira.
Sirnichi yunivarsitiiwwan gara garaa keessattis sadarkaa digrii tokkoffaa, digrii lammaffaafi sadaffaatti kennamaa jira. Barattoota Sirna Gadaatiin digrii sadaffaa barachaa jiran keessaa tokko ana. Erga Sirni Gadaa hambaa addunyaa ta’ee galmaa’ee as qorannoofi qo’annoon bal’inaan irratti adeemsifamaa jira.
Ergasii as Buusaa Gonofaan akka hundaa’u ta’eera. Buusaa Gonofaan aadaa yeroo rakkinaatti walbira dhaabachuu Sirna Gadaa keessa jiru caalaatti cimsuuf jecha hundeeffame. Dhaabbatichi bara darbe yeroo ummanni Booranaa hongeef saaxilametti gargaaruun akka lammiileen balicha dandamatan taasiseera. Buusaan Gonofaa jaarmiyaa Sirna Gadaa keessaa tokko.
Manni Murtii Aadaas hundaa’eera (maqaansaa utuu ‘Gaaddisa Aaraaraa’ ta’ee gaariidhan jedha). Kaayyoon mana murtichaa murteessuu utuu hintaane araarsuu waan ta’eef Mana Murtii Aadaa keessatti namni tokko waan ragaa dhabeef haqa hindhabu.
Manni Murtii idilee haqa kee utuu hintaane ragaa kee ilaalee sii murteessa. Manni Murtii Aadaa garuu ragaa utuu hintaane haqa jiru ilaalee warra walitti mufate araarsee obbolummaansaanii kan duraaniirra akka cimu taasisa.
Sirni Gadaa kariikulamii barnoota biyyattii keessa galee dhaabbilee barnootaa gadaanaarraa hanga olaanaatti akka irraa baratamuuf ammayyuu qorannoofi qo’annoo irratti adeemifamuu qaba. Waa’ee sirna Gadaa ofii amannee warra kaan amansiisuufi hojii dippilomaasii bal’inaan irratti hojjechuun barbaachisaadha. Namni biraan sirnicha amanee akka fudhatuuf dura sirnichaan jiraachuu qabna.
Faayidaasaa sirriitti hubannee warra kaaniif sirnaan ibsuutu nurra jiraata. Qorannoofi qo’annoowwan sirnicharratti adeemsifamanis sabootaafi sablammoota hubachiisuu qabna. Ayyaanni Irreechaas sabootaafi sablammoota biratti jaalatamaafi fudhatamummaa gaarii argachaa kan dhufe erga hawaasni waa’ee Irreechaarratti hubannoo gadifagoo akka qabaatu taasifamee booda.
Saboonniifi sablammoonni biyyattii waa’ee Irreechaarratti hubannoo gahaa akka qabaataniif barumsi karaa miidiyaa hawaasummaafi miidiyaa idilee bal’inaan kennamaa tureera. Erga waa’ee Irreechaarratti hubannoo gahaan argamee booda bal’inaan ayyaanicha Oromoo waliin kabajaafi kan ofii godhatanii kabajaa jiru.
Faayidaa sirnichi warra baratuuf qabus sirriitti baafnee barsiisuufi amansiisuu qabna. Eenyuyyuu faayidaa sirnichi qabu yoo hubate ofitti fudhachuuf hinrakkatu. Sirni Gadaa waa’ee jaalala, tokkummaa, obbolummaa, araaraa, dhiifamaa, waldanda’uu, naannawa eeguufi kunuunsuu, moggaasaa, guddifachaa labsa.
Namni duudhaalee Sirna Gadaa keessa jiran kunneen hinbarbaanne ammoo hinjiru. Erga saboonniifi sablammoonni waa’ee dudhaaleefi jaarmiyaalee Sirna Gadaa keessa jiran hubatanii booda sirna barnootaa biyyattii keessa akka galu gochuun nidanda’ama. Sirni Gadaa hambaa kiliyaa ta’ee galmaa’ee qabeenya Oromoofi biyyaa ta’uurra darbee kan addunyaa ta’eera.
Bariisaa: Ayyaanni Irreechaa Oromoodhaaf maaliidha? Saboonniifi sablammoonni biroonis ayyaanicha akkamitti hubachuu qabu?
Obbo Geetaachoo: Ani Irreecha bifa lamaanan (amantiifi aadaatiinan) ilaala; qorattoonni biroonis akkasuma. Irreecha gama amantiitiin yoo ilaalle, guyyaa itti Oromoon Waaqa samiifi dachee uume, rooba roobseefii midhaaniifi marga magarse, Waaqa bacaqii gannaa keessaa gara booqaa birraatti isa ceesise ittigalateeffatuufi kadhatu akkasumas guyyaa itti waleebbisuudha.
Irreecha gama aadaatiin yoo ilaalle ammoo Oromoon guyyaa Irreechaa uffannaafi faayaawwan aadaatiin miidhagee tokkummaan ayyaanicharratti hirmaata. Ayyaanicharratti ni sirbita, ni ragadda, jaalala waliif ibsita, qeerroofi qarreen ayyaanicharatti walilaallatu. Isaan kunneen Irreechi aadaas of keessaa kan qabu ta’uu agarsiisu. Irreechi irree keenya, tokkummaa keenya. Oromoon Irreecha keessatti jaalala, dhiifama, araaraafi nagaa, ilaala. Irreechi calaqqee ykn ibsituu eenyummaa Oromooti.
Akkuma Sirni Gadaa ‘UNESCO’ irratti galmaa’e Ayyaana Ireechaas ‘UNESCO’tti galmeessisuuf sochiin taasifamaa jira. Ayyaanichi hambaa kiliyaa ta’ee akka galmaa’uuf duudhaalee ayyaanicha keessa jiran sabootaafi sablammoota biyyaattiifi ummata addunyaaf ibsuun barbaachisaadha.
Irreechi nagaa, jaalala, tokkummaa, dhiifama, araaraafi obbolummaa ta’uusaa ibsuufii qabna. Duudhaalee irreecha keessa jiranirratti qorannoofi qo’annoo gara garaa adeemsisuudhaan waltajjiiwwan gara garaarratti ummata addunyaaf ibsuu qabna. Ummanni addunyaa ragaa qabatamaarratti hundaa’uun duudhaalee Irreecha keessa jiran erga hubatee booda amanee fudhachuu danda’a.
Sirna Gadaa keessatti Irreechi jaarmiyaa mataasaa danda’eefi duudhaalee hedduu of keessaa qabu kun hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee akka galmaa’uuf hayyoonni qorannoofi qo’annoo walirraa hincinne adeemsisuufi ummataaf ibsuu qabu. Ummanni Oromoo ammoo duudhaalee Irreecha keessa jiran sirriitti eeguu, kabajuufi ittiin jiraachuu qaba.
Guyyaa Ayyaana Irreechaa ammoo nagaafi jaalala labsuu, wajjin nyaachuufi wajjin dhuguun obbolummaa calaqqisiisuu qabna. Guyyaa Ayyaana Irreechaa qorattoota baay’eetu dhufee haala ayyaanichi ittiin kabajamu ilaalu, waa’ee Irreechaa kan afaaniin itti himameefi barreeffamoota adda addaarraa dubbisan qabatamaan ayyaanicharratti kan mul’atu ta’uufi dhiisuusaas ni qoratu. Kanaafuu Ayyaana Irreechaa of eeggannaafi duudhaasaa eegnee kabajuu qabna.
Bariisaa:Irreecha ayyaanota addababa’iitti kabajaman kaanirraa maaltu adda taasisa?
Obbo Geetaachoo: Irreechi ayyaana guddaa ummanni miliyoona afurii ol waltajjii tokkorratti walargee waliin kabajuudha. Namni hangana baay’atu ayyaanicha bakka tokkotti kabajuun ajaa’iba, ayyaanicha nagaan kabajee mana manasaatti deebi’uun ammoo ajaa’iba biraati.
Kunis Irreechi ayyaana nagaa, jaalalaa, tokkummaafi obbolummaa ta’uu kan agarsiiuudha. Miidiyaan biyya keessaafi alaa hedduun sirna kabaja Irreechaarratti argamanii waan gabaasaniif ummanni addunyaan ayyaanicharraa waan guddaa barachuu danda’a. Irreechi jaalalli, obbolummaafi tokkummaan keenya cimuu, aadaa keenya guddisuufi beeksisuu keessattis qooda olaanaa qaba.
Irreechi guyyaa cidha Oromoo isa guddicha. Oromoon guyyaa cidhasaa kanatti gammachuusaa guutamaa taasisuuf nageenya ayyaanichaa waliin eeguu qaba. Kan walitti bu’e yoo jiraate utuu gara Irreechaa hindhaqin dura walitti araaramee ayyaanicha waliin yoo kabaje Waaqnis laftis ni jaalata; duudhaan ayyaanichaas kanuma barsiisa. Ayyaanni Irreechaa ayyaana addababa’ii guddaa Oromoo boonsuufi tokkummaa, aadaafi obbolummaasaa cimsuufi beeksisuudha.
Bariisaa: Jijjiiramni haala kabaja ayyaana Irreechaarratti mul’achaa jiru akkamitti ibsama?
Obbo Geetaachoo: Jijjiiramniifi fooyya’iinsi kabaja Ayyaana Irreechaarratti mul’achuu kan jalqabe erga Sirni mootummaa ADWUI aangoo qabatee (bara 1983) booda. Yeroo eeramee as waa’een Irreechaa kan sirnoota darbaniirra wayya jechuudha malee Oromoon ayyaanicha akka barbaadetti bahee kabajaa ture jechuu miti.
Mootummaa jijjiiramaa kana dura Irreechaarratti lubbuun namoota hedduu darbuunis ni yaadanna. Sirnoota darban Irreechi Hora Finfinnees kabajamaa hinturre. Irreechi Hora Finfinnee kabajamuu kan jalqabe mootummaa jijjiiramaa kana keessa. Kun jijjiirama guddaadha.
Ummanni Oromoo mootummaa jijjiiramaa booda Ayyaana Irreechaa akka barbaadetti kabajaa jira. Irreechaarratti jijjiiramniifi fooyya’iinsi guddaan mul’achaa jira; kun caalaatti cimee akka ittifufuuf ammoo sirriitti irratti hojjechuu qabna. Duudhaaleesaa eegnee kabajuun Oromoof kabajaa guddaa kenna.
Bariisaa: Faayidaa Ayyaanni Irreechaa gama dinagdeetiin qabu hoo akkamitti ibsama?
Obbo Geetaachoo: Namoonni miliyoona afurii ol Irreechaa kabajuuf bakka tokkotti yoo argamu, waan nyaatuufi dhugu baatee hindhufu; biteeti kan fayyadamu. Geejjiba, uffannaafi faayawwan aadaas ayyaanicharratti bal’inaan bitatee fayyadama. Turistoonni biyyoota gara garaatii dhufanii ayyaanicharratti hirmaatanis maallaqa guddaa dhangalaasu.
Ayyaanni Irreechaa madda galii guddaa ta’ee kana caalaatti dinagdee biyyaa akka utubuuf namoonni bizinasii bal’inaan irratti hojjechuu qabu. Ayyaanicha sabababeeffachuun geejiba, nyaataafi dhugaatii akkasumas wantoota hirmaattonni ayyaanichaa fayyadamaniifi barbaadanirratti gatii dabaluun garuu sirrii miti. Sirumayyuu kan ta’uu qabu baay’inarraa waan argataniif gatii duraaniirraa gadi buusuudha. Gatii duraaniirratti dabaluun aadmaleedha.
Wantoonni gara garaa Irreecharratti dhiyaachuufi gurguramuu qaban ammayyuu ni hafu. Wantoonni aadaa keenya ittiin calaqqisiifnu hedduun ayyaanicharratti bal’inaan dhiyaachuu qabu. Meeshaaleen aadaa godinaaleerraa jiran utuu dhiyaatanii gaariidha.
Turistoonni biyya alaas ta’e namoonni biyya keessaa ayyaanicharratti hirmaatan yaadannoof jecha wantoota dhiyaatan ni bitu turan. Kun meeshaalee aadaa Oromoo beeksisuufi madda galii Ayyaana Irreechaarraa argamu guddisuu keessattis gahee guddaa qabaata.
Ayyaana Irreechaa caalaatti madda galii gochuuf gara fuulduraatti konsartoota guguddaa qopheessuufi waan haaraa kalaqanii dhiyeessuun barbaachisaadha. Dizaayiniin uffannaa aadaas utuu sona aadaasaa gad hinlakkisin fooyya’ee ykn ammayyaa’ee dhiyaachuu qaba. Namoonni hojii bizinasiifi kalaqaarratti bobba’an asirratti bal’inaan hirmaachuu qabu.
Bariisaa: Jiraattonni Magaalaa Finfinneefi Bishooftuu namoota ayyaanicharratti hirmaatan akkamitti keessummeessuu qabu?
Obbo Geetaachoo: Irreecha Hora Finfinnee, iddoo Doloolloo Buddeenaa jedhamutti, kan Bishooftuu ammoo Hora Harsadiitti kabajama. Magaalonni lameen waggaa waggaan warra cidhaati. Tuuristoota biyya alaa dabalatee namoonni Ayyaana Irreechaarratti hirmaatan jala bultiirraa qabanii magaalota lamaanirratti walargu.
Jiraattonni Finfinnee Ayyaana Irreechaa akka eebba tokkootti fudhachuu qabu. Namoonni ayyaanicharratti hirmaatan hundi waan nyaataniifi dhugan dabalatee kanneen biroo qarshiidhaan bitatanii fayyadamu waan ta’eef kun magaalattiif madda galii guddaadha. Kanaafuu jiraattonni magaalattii keessummoota (hirmaattota ayyaanichaa) fuula ifaadhaan simachuu qabu. Kun ammoo hariiroo, obbolummaa, tokkummaafi waldanda’uu keenya cimsa.
Ayyaanicha sababeeffachuun wantoota gurguranirratti gatii dabaluun garuu keessummoota mufachiisuu waan danda’uuf gocha kanarraa of qusachuun barbaachisaadha. Irreechi ayyaana eebbaati. Namoonni ayyaanicharratti hirmaatanis waleebbisuufi jaalala walitti agarsiisuuf deemu waan ta’eef isaan mufachiisuurraa of qusachuun barbaachisaadha.
Namoonni ayyaanicharratti tajaajiloota adda addaa kennaniifi wantoota gara garaa dhiyeessan Irreechaa sababa godhatanii gatii duraaniirratti dumbulloo tokkollee dabaluurraa of qusachuu qabu.
Keessumaa jiraattonni Magaalaa Finfinneefi Bishooftuu balbalasaanii bananii keessummootasaanii “Baga Nagaan Dhuftan” jedhanii simachuu qabu. Yoo danda’ame ammoo nyaataafi bishaan dhiyeessuufiin obbolummaa keessummootasaanii waliin qaban cimsuu qabu.
Kun hariiroo keessumaa jiraattonni magalaa Finfinnee ummata Oromiyaa waliin qaban caalaatti akka cimu taasisa. Simannaa ho’aan duudhaa Oromoo bu’uura godhachuun Finfinneetti keessummootaaf taasifamu Magaalaa Bishooftuuttis caalaatti calaqqisee mul’achuu qaba. Yoo kana ta’e Uumaan, uumamniifi ummanni waldhaga’a.
Oromoon Ayyaana Irreechaa sabootaafi sablammoota gara garaa waliin kabajaa jira. Dhaloonni damee Kuush ayyaana kana Oromoo waliin kabajaa jira. Turistoonni biyyoota gara garaas ayyaanicharratti bal’inaan hirmaachaa waan jiraniif hirmaattota hunda akka aadaafii duudhaa Oromootti keessummeessuun barbaachisaadha.
Tuuristootaafi sabaafi sablammoota ayyaanicharratti hirmaachuuf dhufaniif dursa kennuu, jaalala itti agarsiisuun sirriitti keessummeessuun barbaachisaadha. Namoonni waa’ee ayyaanichaa sirriitti beekan warra hinbeekne hubachiisuu qabu.
Kun karaa nama dhuunfaafi Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin ta’uu danda’a. Turistoonni ayyaanicharratti hirmaatan waa’ee ayyaanichaa ‘Ajandaasaaniirratti’ qabatan galanii waan barreessaniif ykn warra kaanitti waan himaniif dogoggora tokko malee ibsuufiin barbaachisaadha.
Irreecha duudhaafi safuusaa eegnee kabajuudhaan madda nagaa, araaraa, obbolummaafi tokkummaa ta’uusaa mirkaneessuu qabna. Saboonniifi sablammoonni biyyattii ayyaanicha Oromoo waliin Ayyaana Irreechaa kabajaa jiru. Ayyaanicha waliin kabajuun obbolummaafi hariiroo Oromoon sabootaafi sablammootaa biroo waliin qabu caalaatti cimsa. Irreecha duudhaafi safuusaa eegnee kabajuun ammoo eenyummaafi Oromummaa keenya ibsa.
Akka Itoophiyaattis ta’e Afrikaatti ayyaanota addababa’ii ummanni miliyoona afurii ol waltajjii tokkorratti waliin kabaju Irreecha qofa. Irreechi ayyaana guddaa Oromoon Uumaasaa itti galateeffatu, kadhatuufi ittiwaleebbisuudha. Irreechi ayyaana guddaa duudhaalee amantiifi aadaa of keessaa qabuudha.
Bariisaa: Dhumarratti yaada hinkaane jettan ykn ergaa yoo qabaattan?
Obbo Geetaachoo: Hundumtuu Ayyaana Irreechaa miira jaalalaa, nagaa, gammachuufi obbolummaatiin kabajuu qaba. Duudhaalee ayyaanichaa eeguudhaan kabajuun hariiroo obbolummaafi tokkummaa keenyaa caalaatti cimsachuu qabna. Tuuristootaafi sabaafi sablammoota ayyaanicharratti nu waliin hirmaatanis jaalalaan simachuufi waliin kabajuu qabna. Gadaan quufaafi gabbina. Horaa bulaa! Deebanaa!
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
5 Comments to “ “Akkuma Afrikaattuu ayyaanni addababa’ii ummanni miliyoona afurii ol waltajjii tokkorratti waliin kabaju Irreecha qofa” -Obbo Geetaachoo Taaddasaa (Qorataa Sirna Gadaa)”
Comments are closed.