Irreechi Oromoof ibsituu eenyummaa Itoophiyaaf ammoo qabeenya walooti

Finfinnee: Irreechi Oromoof ibsituu eenyummaa Itoophiyaaf ammoo qabeenya waloo ta’uunsaa hubatamuu akka qabu ibsame.

Mana Amantii Ortodoksii Itoophiyaatti Gaggeessaa Hojii Ittaanaan Mana Lubummaa Qeesis Balaay Mokonnan ibsa Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, matadureen kabaja ayyaana Irreechaa baranaa “Irreecha, Faajjii Tokkummaafi Obbolummaa” jedhamuunsaa duudha ganamaa Irreechaa kan madaaledha. Irreechi ayyaana galataa nagaa, tokkummaafi jaalala lallabu eenyummaa waloo amantiin walitti hinbuune ta’uun ala garaagarummaa tokko malee kan kabajamuudha.

Kabajamuuf isa biroo kabajuun qajeelfama amantii hundaa ta’uus eeranii, Ameerikaa dabalatee biyya kamittuu kallattiin aadaan uumaa tokkummaan galateeffachuu waan baramaafi amantiin walhindhiitne ta’uu kaasu.

Saba kamuu ta’anii dhalachuufi faalasamni eenyummaa kennaa uumaan nama badheese ta’uu ibsanii, kenna eenyummaa kana kabajuufi kunuunsuu uumaa gammachiisuudha jedhan. Ayyaanotni aadaas ta’e amantii ‘UNESCO’tti hambaa kiliyaa ta’anii galmaa’an maqaa Itoophiyaan akkuma ta’e faayidaa isaan maddisiisanis qabeenya waloo ta’uu ibsu.

Akka isaan jedhanitti, kabajni ayyaanota garagaraa maqaa Itoophiyaa addunyaarratti olkaasaa jira. Tokkummaan garaagarummaa keessa jirus ifee mul’ataa dhufeera. Adeemsa kabajaa kana keessatti obbolummaafi tokkummaan daran jabaataa jira; inni tokko isa kaan hubachuufis carraan bal’ataa jira.

Barreessaan Gumii Abbootii Gadaafi Abbaan Gadaa Tuulamaa Goobana Hoolaa gamasaaniin, Oromoon ummata saboota hundaan walittidhufeenya jabaa qabu wan ta’eef kabaja ayyaanichaaf matadureen, “Irreecha Faajjii Tokkummaafi Obbolummaa” duudhaafi hammattummaa sabichaa kan ibsu ta’uu eeraniiru.

Ummatichi dhahaafi amantii mataasaa, Waaqeffannaa jedhamu qabu ta’uu eeranii; irreechi garuu amantii osoo hintaane duudhaa galateeffannaa garaagarummaa tokko malee Oromoon saboota kaan wajjin irratti hirmaachaa jiran ta’uu himu.

Matadureen kun osoo ummatni biyyattii kabaja ayyaana Irreechaa jaalatee hinkabaju ta’ee tokkummaafi obbolummaa hinjedhamu ture jedhaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016

Recommended For You

6 Comments to “Irreechi Oromoof ibsituu eenyummaa Itoophiyaaf ammoo qabeenya walooti”

  1. Pingback: promos

Comments are closed.