Uumaan uumamasaa wayita uume yeroo qabeenya hunda irra qaalii ta’e kennaa taasisee gumaachuun baraaf yeroo keessatti hojjetee akka bulu taasise. Oromoonis dhahaa tartiiba yeroo hunda qajeelfachuun waqtii dhufee darbu keessatti godhameefiin uumaa isaa yoo galateeffatu kan dhufuuf milkii qajeelfachuuf waloon kadhata.
Haala kanaan Ganni dabree Birraan yoo bariu Oromoon Uumaa isaa dukkana Gannaa waatiif maatii, alaaf manaan ofkalchee, kan inni facaases margisiisee kumaaf kitilaan ija itti naqeefii beelli quufaan akka moamu taasise gamtaan malkaatti ba’ee irreeffachuun galateeffata. Oromoof Irreechi waa hunda yoo ta’uu bara maree dabre ofkalee uumaasaa ‘Yaa mareewoo’ jechuun yoo galateeffatu kan maree dhufeefis Gabbisaayyoo Gabbisi Waaq jechuun uumaasaa kadhatee milkii qajeelfachuun walooma isaa jabeeffata.
Ganni dabree Birraa ifaaf miidhagina uumamaan faayametti ceenee uumaan diina keenya Hiddii Fardi irra ejjete taasisee gamtaan akka isa galateeffannuuf hunda keenya gargaaree jira. Uummanni Oromoo, sabaaf sablammoonni hundi baga Ayyaana Irreechaa bara 2016 nagaan geessan jechuun barbaada.
Ulfaataafi kabajamoo uummata Oromoo akkuma waggaa darbe Oromoota miliyoona hedduufi sabaaf sablammoota biyya keenyaa waliin dabaalamnee Uumaa galateeffannee kan bara kanaaf imaanaa itti laatannee turre galfata keenya nuuf simateera. Waktii Bona rakkisaa keessatti gaaddisa isaa waakkiifi qooddaa hinqabne nurra qabee; aduu gubaa akka abidda saafaa nurraa qabbaneesseera. Ganna dhiibuu dukkana gurraachaa keessattis rooba yandoo, obomboleettii hamaafi lafa lafattii citu hunda nu oolchee araara isaatiin booqaa Birraatti milkiifi injifannoon nu hulluuksee Ayyaana Irreecha malkaa Finfinnee fi Hora Arsadiin nu ga’e uumaan galata dachaa qaba.
Ummanni Oromoo waggoota kuma hedduu duraa jalqabee sirna bulchiinsa Dimokiratawaa Gadaa ijaarachuun seera Uumaaf uumamaafi deemsa duudhaaf amantaa ittiin uumaa isaa wajjin wal argus kan tolfate saba guddaa Gaafa Afrikaati. Gadaa tolfateenis qajeelfama jiruuf jireenyaa galma gaaddisa Odaatti mareef marabbaan qajeelfachuudhaan kan bulaa tureefi uummata qaroomina gama hundaan angafummaa qabudha.
Beekumsa jireenya guyyuu hunda itichee naqata muuxannoo jireenyaa duudhaa, safuufi aadaa isaatiin faayamee bakka kaleessa salphina keessummeesse handhuura Oromiyaa Finfinnetti kabaja horachuun Ayyaana Irreechaa kabajachuu cimsee itti fufeera. Irreecha Hora Arsadees Kaabaa Kibbaa fi Bahaa Lixaa timmisee ulfoofi ulfina isaan faayamee kabajachaa jira. Kun injifannoo guddaadha.
Aarsaa qaqqaaliifi wareegamni gootonni Oromoo kaffalaa turanis sanyii jiraatu ta’ee deebi’ee marguun balbala injifannoo Oromoo deebi’ee cufamuu akka hin dandeenyetti bansiisee abbaa injifannoo ta’uu isaa raggaasiseera. Dhugaa qabannee dhugaaf hojjennee injifannoo arganne uummata keenyaa wajjin ta’uun galma barbaadameen ni geenya. Kana ammoo Uumaan Ganna dukkana maree dabarsee Birraa ifaafi Abdiin guute maree nuuf fidee galataaf gamtaan nu simatu nu gargaara. Nutis ni hojjenna ni milkoofnas.
Daandiin milkaa’ina keenyaa guddichi duudhaa ganamaa uummata keenyaatti deebi’uudha.
Duudhaan saba keenya ganamaa ammoo injifannoofi milkiin guutuudha. Ummanni keenyas qabsoofi wareegama guddaa kaffalee cunqursaafi dhiibbaa akka sabaatti isa irra ture ofirraa fonqolchuun Irreecha hora Finfinnee qe’ee keenyatti sirnaafi duudhaa isaa eegnee kabajuu eegaluun keenya muummee injifannoo isa olaanaadha. Kana malees, barii jijjiiramaatii eegaluudhaan bakkaawwan arda jilaa ulfoo Oromoo qorachuu, daangeessuufi misoomsuu, galmaawwan aadaafi seenaa eenyummaa Oromoo mulisan ijaaruu, haqa dabe bakkatti deebisuufis Mana Murtii Aadaa hundeessuu, seenaa dabe qajeelchuufi dhaloonni duudhaa, safuufi eenyummaa Oromoo beekee akka guddatuuf sirna barnootaa keessatti hammachiisuufi hojiiwwan garaagaraa duudhaa, safuufi eenyummaa Oromoo ulfeessanii ol-qaban xiyyeeffannoon hojjechaa jirra.
Jalqabbii keenya kana qorannoon cimsinee sirneessuun guddummaa keenya gocha qabatamaan mulifna.
Ulfoon Oromoo hundi ulfina isa madaalu Addunyaa irratti argatee ardaawwan jilaa qoo’annoofi qorannoo akkasumas jiddugala Turiizimii uummata Addunyaa isa guddicha akka ta’uuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira.
Haayyonni, Abbootiin Gadaafi Ummanni Oromoo hundi qajeeltoo duudhaa ganamaan sirnoome ijaaraa jirru keessatti qooda olaanaa bahachaa jirataniin galata jennus daandiin qabanne dheeraa, galmi keenyas fagoo waan taeef tumsi oromummaa ammas isin irraa eegama.
Irreecha baranas wayiita kabajannu hangafaa quxusuun malkaatti yaanee, ulfoo ulfina Oromoo godhannee, nageenya irreechaa duudhaa sirnichaan kabajaa uumamaan uumaa keenya galateeffachuuf miliyoonota hedduun baanee sirnicha miidhaksuun cinatti Ummata Addunyaas akka raajeffachiifnu waamichan isiniif dabarsa. Birraan kan quufaaf gabbinaa, Irreechi kan milkii, jaalalaafi nageenya nuuf haa ta’u!
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 26 Bara 2016
5 Comments to “ “Irreechi Oromoo danqaawwan hedduu darbee ulfoofi ulfina Oromoo addunyaatti mul’ise” – Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO”
Comments are closed.