Wajjummaa obbbolummaafi hariiroo cimsuu keessatti gahee ispoortii

Finfinnee: Biiroon Dargaggootaafi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Akkaadaamii Itiyoo Naashinaaliifi Kaampii Samarii Shaggar wajjin ta’uun hojiilee tola ooltummaa adda addaa dorgommiiwwan ispoortii maatiiwwan ispoortii hirmaachise tibbana Magaalaa Hawaasaatti adeemsiseera.

Hojii hariiroo ummataa duudhaa tokkummaafi wajjummaa magaalota lamaanii cimsuuf adeemsifame kanarratti maatiiwwan ispoortii dabalatee dorgomtoonni Kaampii Samarii hirmaataniiru.

Turtii maatiiwwan ispoortii danuu hirmaachisuun geggeeffame kanaan hojiileen tola ooltummaa kanneen akka dhaabbii biqiltuu, imala lafoo akkasumas sagantaaleen wajjummaafi obbolummaa cimsan taphni kubbaa miilaa, maaddii qooduufaan adeemsifamaniiru.

Waltajjicharratti ergaawwan tokkummaafi nagaa cimsan kan darban yoo ta’u, maatiiwwan ispoortii Magaalaa Hawaasaa milkaa’ina sagantichaatiif gumaachan galateffamaniiru.

Maatiiwwan ispoortii qophicharratti hirmaatanis duudhaaleen akkanaa hariiroo ummataa jabeessan cimanii ittifufuu akka qaban eeranii, obbolummaa cimsuudhaan tokkummaa ispoortumma finiinsuun barbaachisaadha jechuusaanii odeeffannoon Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Bulchiinsa Magaalaa Finfinneerraa argame ni ibsa.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Wajjummaa obbbolummaafi hariiroo cimsuu keessatti gahee ispoortii”

  1. Pingback: sex tre em
  2. Pingback: 1911 Pistol

Comments are closed.