Kunuunsa biqiltoota sagantaa ashaaraa magariisaatiin dhaabamaniif waamichi dhiyaate

Finfinnee: Sagantaan goolabbii ashaaraa magarisaa marsaa lammaffaa waggaa tokkoffaa Ministirri muummee Abiyyi Ahimad(PhD) tibbana godina Shawaa Bahaa, aanaa Loomeetti taasisan hordofee kunuunsi biqiloota dhaabataniif akka taasifamu Koreen Tekinikii Ashaaraa Magariisaa Biyyaalessaa waamicha dhiyeesse. Hanga ammaattis biqililtuun biliyoona 32fi kuma 500 dhaabamuus ibseera.

Qindeessaa ittaanaan korichaa ee Obbo Geetaachoo Gizaawu Wiixata darbe ibsa Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin, hawaasi sagantaa ashaaraa magariisaan biqiloota dhaabbataniif kunuunsa ittifufiinsa qabu akka taasisu waamicha dhiyeessaniiru. Biqiltuu dhaabuu qofti waan manii hintaaneef hanga bu’aan barbaadamu argamutti biqiloota dhaabaman kunuunsuun hoijii boqonnaa ittaanu ta’uu qaba.

Akka ibsa isaanitti, barana qofa sadarkaa biyyaatti sagantaan ashaaraa magariisaan biqiloota biliyoona torbaafi miliyoona shantu dhaabame. Biqiltuuwwan yeroo garaagaraa dhaabaman kana akka qaroo ijaatti kunuunsuun hundarraa eegama.

Irra jireessi biqiltuwwan kunneenii yaa’aa laggeenii hordofanii waan dhabataniif lolaan laggeen akka hin seenne taasisuun roobin lafa akka seenu taasisuun madaalli sirnakoo naannawaa eegisisuun kunuunsa biyyeeefi bishaanii akka mirkaneessan ibsaniiru.

Milkaa’inni ashaaraa magariisaa hangi bishaan lafa jalaafi lafa irraa dabaluun burqaaleen bishaanii goganis mirgisiisuun bu’uura diinagdee biyyaa qonnaaf gumaacha olaanaa taasisa. Hangi bishaanii dabaluun guutiinsa hidha abbayyaaf tumsuun cinatti aramaa booceefi kanneen qulqulleessuun qulqullina qaamman bishaaniif shoora olaanaa qabas jedhaniiru.

Rooba harkisuu dabalatee ashaaraan magariisaa shoora olaanaa qabaachuu himanii; walittifufiinsaan biqiltuwwan dhaabbataniif kunuunsa taasisuun lammiilee biyyattii hundaarraa eegama jedhaniiru. Mootumaanis, kanaaf ashaaraa magariissaatti xiyeeffaannoo ilaachuun hojiirra oolchaa jira jedhaniiru.

Dhaabbiin biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaan taasifamaa jiru bu’aa biyyaa qofaaf osoo hin taane sadarkaa gaafa Afriikaattuu dhiibbaa uumaa jira jedhanii; Waliigaltee sadarkaa idila addunyaatti Itoophiyaan mallatteessite hojiirra oolchuun keessatti keessumaa jijjiirama qilleensaa ittisuufi fakkeenyummaan Itoophiyaa olaanaa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan haga ammaattii Sumaalee, Eertiraa,Sudaan Kibbaafi Jibuutiif, biqiltuu qooduushee yaadachiisanii; Keeniyaan bara 2030tti biqiltuu biliyoona 15 dhaabuuf ifoomsuun bu’aa fakkeenyummaa Itoophiyaa ta’uu ibsaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

One Comment to “ Kunuunsa biqiltoota sagantaa ashaaraa magariisaatiin dhaabamaniif waamichi dhiyaate”

Comments are closed.