Finfinnee: Torban Turizimii Oromiyaa marsaa 3ffaan Fulbaana 13-15 bara 2016tti Finfinnee, Hoteela Iskaaylaayitiitti adeemsifameera. Biyyootni Ugaandaa, Yugaandaa, Keeniyaafi Chaayinaa saganticharratti argamaniiru. Biyyoota kunneen dabalatee waldaaleen gara garaa saganticharratti omishaaleefi tajaajilootasaanii agarsiisaaf dhiyeessaniiru.
Cufiinsa gareen industirii turizimii Ugandaafi Ruwaandaa akkasumas waldaaleen agarsiisawwan gara garaa sagantichaarratti dhiyeessaniif beekamtiifi badhaasni kan kennameef yoo ta’u, Shamarree Maahidar Fiqaaduu dorgommii miidhaginaa Miis Turizimii Oromiyaa bara 2016 mo’achuun filatamuun badhaafamteetti. Bareedduu Miis Tuurizimii Oromiyaa bara 2015 kan turte shamarree Hawwii Maatiyoos, gonfoo bareedinaa Miis Turizimii Oromiyaa bara 2016 kan injifatteef dabarsitee kenniteetti.
Pirezdaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa cufiinsa sagantichaarratti haasaa taasisaniin akka jedhanitti, mootummaan seektarri turizimii dilbii hintuqamne ta’uu hubatee dinagdee naannoofi biyya keessatti gumaacha barbaachisu akka taasisuuf inisheetivoota haaraa yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama barbaadamu fiduu danda’an bocuun hojjiitti galeera.
Komishiniin Turiizimii Oromiyaas ergama guddaa mootummaa naannichaatiin itti kenname fudhatee hojiitti erga galee waggoota muraasa ta’us, umrii hundeeffama waggaa sadii keessatti sadarkaa naannoofi biyyaatti hojiilee bu’a qabeessa gurguddoo raawwachuudhaan akka zoonii Afrikaa Bahaatti dadammaqiinsa guddaa uumuu danda’eera.
Agarsiisawwan sagantaa Torban Turiizimii Oromiyaarratti dhiyaataniin hojiilee abdii hedduu namatti horan argineerra kan jedhan Obbo Shimallis, gama birootiin carraa hojii seektarichi maddisiisu: tajaajila geejjibaa, dhiyeessii meeshaalee aadaa, madaqsa teknoolojii, tajaajila hoteelaafi iddoowwaan bashannanaafi kan kana fakkaatan irraa fayyadamaa ta’uuf hataattamaan raawwiitti galuu qabna jedhan. Sochii hanga ammaatti jiruun hoji manee baay’een kan nufahan ta’us, gama hundaan onneerraa hojjennaan wanti nuti jijjiiruu hindandeenye akka hinjirre kan mirkaneessuudhas jedhu.
Dhumarratti qopheessaa sagantichaa Komishinii Turiziimii Oromiyaa, deeggartoota seektarichaa, dhaabbilee hojiifi tajaajilaa akkasumas kalaqa gara garaa agarsiisaaf dhiyeessan akkasumas qaamolee milkaa’ina sagantichaa keessatti qooda fudhatan mara galateeffataniiru.
Godina Arsii Lixaa, Nagallee Arsii, Magaalaa Leephiisirraa kan dhufan Obbo Yusuuf Mahammad Leemmanirraa hojiilee kalaqaa adda addaa qabachuun saganticharratti argamaniiru. Ogummaa hojii harkaa kana guddifachuuf yeroo lama Hinditti leenji’anii deebi’uufi yeroo ammaa leemmanirraa faayaawwaniifi meeshaalee gara garaa mimmiidhagoo hojjechaa jirachuufi turistoonnillee bakka hojiisaaniittti isaan dawwachaa jiraachuu dubbatu.
Leemman hojiif isaan barbaachisu ofumaa dhaabanii itti fayyadamaa jiraachuu himanii, omishaaleen isaan leemmanirraa hojjechaa jiranis gabaa guddaa kan qabu ta’uufi agarsiisichis caalaatti walittihidhamiinsa gabaa isaaniif uumuun galiisaanii guddisuuf kan gargaaru ta’uus eeraniiru.
Gara fuulduraatti hojii kana caalaatti babal’isanii hojjechuu kan barbaadan ta’uufi yoo mootummaan maashiinota hojiif isaan gargaaru kan dhiyeessuuf omishaalee qulqullina qaban baay’inaan dhiyeessuuf kan hojjetan ta’uu eeru. Omishaalee biyya keessaatti fayyadamuun baasii waan xiqqeessuu hojii kanarratti namoota biroos leenjisuuf qophii ta’uu himaniiru.
Maanaajara Waldaa Daawwachiisaafi Imalaa Wancii (Wanchi Tour and Travel PLC) Hawwanii Isheetuu waldaalee Torban Turizimii Oromiyaarratti tajaajilasaanii beeksisuuf dhufan keessaa ishee tokko yoo taatu, ka’umsi maqaa waldichaa Haroo Wanciiti. Haroon kun Finfinneerraa kiilo meetira 130 fagaatee Magaalaa Amboofi Walisoo gidduutti argama. Haroon kun iddoowwan hawwata turizimii Oromiyaa misoomaa jiru keessaa isa tokko yoo ta’u, hojiin ijaarsa iddoo turizimii harichaa dhiyeenyatti kan xumuramu ta’uu eerti.
Waldichi tikeetii biyya keessaafi alaa qopheessuun hojii turizimiirratti hojjechaa jiraachuu eertee, dhaabbileen sadarkaa Oromiyaafi akka biyyaatti jiran dhimma hojii, leenjii, walga’iiwwan gara garaatiif biyya alaa deemuu yoo barbaadaniif waan barbaachisu hunda mijeessuufiin imaltoota tajaajilaa jira. Waldichi addatti qabeenya turizimii Oromiyaa beeksisuurratti xiyyeeffatee kan hojjetu ta’uus eerteetti.
Haalli nageenya biyyattii guutummaatti utuu mirkanaa’ee hojii turizimii Oromiyaas ta’e biyyattii kana caalaatti sochoosuudhaan galii damee kanarra argamu caalaatti guddisuun ni danda’ama kan jettu Hawwiin, turizimiin damee galii dolaaraan argamsiisuudha waan ta’eef rakkoo nageenya biyyattii guutummaatti furuun dhimma murteessaadha jetti.
Iddoowwan hawwata turizimii Oromiyaa adda baafamanii misoomaa jiran keessaa Haroo Wanciifi Haroon Dandii adda durummaan eeramu. Kanaan dura iddoowwan hawwata turizimii Oromiyaan qabdu adda baasuu, misoomsuufi beeksisuurratti bal’inaan hojjetamaa hinturre. Yeroo ammaa garuu mootummaan damee turizmii misoomsuufi guddisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Iddoowwan hawata turizimii Oromiyaa adda bahuu, misoomuufi beeksifamuu kan jalqaban erga Komiishiniin Turizimii Oromiyaa hundaa’ee booda ta’uuf gara hojii kanaatti akka dhufaniifis kaka’umsa kan nutti hore hojii komiishinichi hojjechaa jiruudha jetti.
Dameen hojii kun namoota baay’eef carraa hojii uumuufi dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf xiyyeeffannaan hojii kanaaf kenname cimee itti fufuu akka qabu kan eertu Hawwiin, ‘Visit Oromia’nis qabeenya turizimii naannichaa beeksisuurratti hojii ajaa’ibaa raawwachaa jiraachuu eerteetti.
Nastaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016
4 Comments to “ Mootummaan seektarri turizimii dilbii hintuqamne ta’uu hubatee xiyyeeffannoo guddaan irratti hojjechaa jira”
Comments are closed.