Ayyaana Masqalaa gama duudhaa amantii, aadaafi hawaasummaatiin

Itoophiyaan hambaalee 15 ‘UNESCO’tti galmeessisuudhaan biyyoota Afrikaa keessaa sadarkaa jalqabaarratti argamti. Hambaalee biyyattii hambaa addunyaa ta’anii galmaa’an keessaa 11 kan qaqqabataman (tangible) yoo ta’an, afur hambaalee kiliyaa (hinqaqqabatamnedha).

Ayyaanni Damaraa Masqalaa (Mijjirii), Sirna Gadaa, Ayyaanni Cuuphaafi Ayyaanni Fiichee Cambalaallaa) hambaalee kiliyaa qabeenya addunyaa ta’anii galmaa’aniidha. Hambaaleen kunneen kan saba, amantiifi biyya tokkoo ta’uurra darbanii hambaa addunyaa waan ta’aniif duudhaa ayyaanota kunneenii eeguufi kunuunsuun dhaloota dhufutti dabarsuun gahee hunda keenyaati.

Ayyaanni Damaraa Masqalaa hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee ‘UNESCO’tti erga galmaa’ee waggoota 10 lakkoofsiseera. Ayyaanni kun Roobii darbe sirna ho’aadhaan kabajamee ooleera. Biiroon Aadaa, Artiifi Turizimii Magaalaa Finfinnee Wiixata darbe Ayyaana Masqalaa baranaa sababeeffachuun Simpooziyeemii marsaa 2ffaa mataduree “Ayyaanni Damaraa Masqalaa seenaa barootaafi ibsituu tokkummaa biyyaalessaafi sabdaneessummaa” jedhuun Galma Abbaa Taayitaa Hambaalee Itoophiyaatti adeemsiseera. Abbootiin Amantii, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee, jaarsoliin biyyaa, hayyoonni, artistootni, hoggantoonni mootummaafi keessummoonni gara garaa saganticharratti argamuun waraqaalee qo’annoo dhiyaatanirratti marii bal’inaan taasifameera.

Bataskaana Ortodoksii Itoophiyaatti, Ittigaafatamaan Qajeelcha Lallaba Wangeelaafi Ergama Duuka Bu’ummaa Doktar Abbaa Qaalatsidqi Mulugeetaa duudhaa Ayyaanni Damaraa Masqalaa gama amantiitiin qaburratti waraqaa qo’annoo dhiyeessaniin akka jedhanitti, Ayyaanni Damaraa Masqalaa haala duudhaa amantii, aadaafi hawaasummaasaa eegeen kabajama. Ayyaanichi mallattoo jaalalaa, nageenyaa, bilisummaa, tokkummaafi abdiiti. Ayyaanni Damaraa Masqalaa kun hambaa kiliyaa biyyaalessaafi addunyaa ta’ee ‘UNESCO’tti kan galmaa’e bara 2006 ta’uufi ergasii as ammoo caalaatti tuuristoota hawwachuun madda galii dinagdee biyyaa utubu ta’eera jedhu.

Ayyaanni Damaraa Masqalaa miidhaginaafi faaya keenya waan ta’eef ayyaana hundumtuu waliin kabajuudha. Ayyaanichi aadaa uffannaa keenyaa ibsuufi dizaayiniin uffannaa aadaa haala ammayyaa’aa ta’een akka qophaa’u taasisuu keessattis gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu eeranii, ummanni biyyattii ayyaanicha addabaabayii, naannawaafi manasaa biratti haala miidhagaafi hawwataa ta’een kabajaa jira. Ayyaanichi duudhaalee obbolummaa, jaalalaa, tokkummaafi waliin jireenyaa cimsuu keessattis gahee olaanaa kan qabu ta’uu himu.

Masqalli ayyaana jalqaba ji’a bara haaraa ykn waqtii birraan bari’utti kabajamu waan ta’eef hunduu abdii guddaadhaan eeggata; kabajas. Ayyaanni masqalaa ganni darbee birraan bari’uu ykn ifni dhufuu labsa. Namoonni wal lolan ayyaanichaan dura waan walitti araaramaniif duudhaa araaraafi nageenyaa cimsuu keessattis gahee guddaa qaba.

Simbirri Masqalaafi habaaboon hadaa (keelloo) waqtii birraa qofa waan argamaniif ayyaana kanaaf miidhagina addaa kennu. Simbirri masqalaa ji’a birraatti baallee haaraa magarsanii mul’atu. Habaaboon hadaa (keelloo)s waggaa keessatti yeroo tokko ykn waqtii birraa kana daraaree mul’ata. Simbirri Masqalaafi habaaboon hadaa waggaatti yeroo tokko (waqtii birraa) waan mul’ataniif ayyaana Masqalaa waliin hidhata kan qaban ta’uu eeru.

Saboonni, sablammoonniifi ummattoonni biyyattii Ayyaana Masqalaa akkuma waliin kabajan duudhaa ayyaanichaa eeguufi beeksisuurrattis waliin hojjechuu akka qaban yaadachiisanii, Ayyaanni Damaraa Masqalaa ‘UNESCO’tti erga galmaa’ee as qabeenya biyya keenyaa ta’uurra darbee kan addunyaa ta’eera. Kanaafuu duudhaa ayyaanichaa eegnee, kunuunsuufi beeksisuun dhaloota ittaanutti dabarsuun gahee hunda keenyaa ta’uu qaba. Ayyaanichi yeroo ammaa turistoota daran hawwachaa jiraachuufi maqaa gaarii biyyattii ijaaruufi addunyaatti beeksisuu keessatti gumaacha guddaa taasisaa jira. Ayyaanichi lammiilee Itoophiyaa biyyoota gara garaa jiraataniinis kabajamaa jiraachuu himu.

Damaraan mukoota walitti hirkisuudhaan dhaabbata. Mukoonni walitti ida’amanii dhaabbatan mallattoo tokkummaafi jabina keenyaati. Nutis walitti ida’amnee yoo dhaabbanne ni bareedna; humnas ni qabaanna.

Tokkummaan bu’uura nageenya keenyaati. Kanaafuu Damaraan Masqalaa mallattoo tokkummaa, humnaafi nageenya keenyaati. Hundi keenya keessa keenyatti nageenya ni hawwina. Nageenya hawwinu kana mirkaneessuuf gahee nurra eegamu akka dhuunfaatti, gareefi biyyaatti bahachuu qabna jedhu.

Hambaan tokko ‘UNESCO’tti erga galmaa’ee booda qabeenya saba tokkoo, amantii tokkoo, afaanii tokkoo, biyya tokkoo ta’uurra darbee qabeenya addunyaa waan ta’uuf daangaa hinqabu kan jedhan Doktar Abbaa Qaalatsidqi, kanaafuu Damaraa Masqalaa dabalatee hambaalee keenya biroo beekamtii addunyaa argataniifi qabeenya addunyaa ta’an waliin eeguu, kunuunsuu, beeksisuun dhaloota dhufutti dabarsuu qabna jedhu.

Barsiisaafi Gorsaan Inistiitiyuutii Leenjii Hoteelaafi Turizimii Obbo Maaruu Immanyuu barbaachisummaa hambaalee kiliyaa aadaa qabanirratti waraqaa qo’annoo dhiyeessaniin akka jedhanitti, akka ‘UNESCO’n ibsutti hambaa jechuun qabeenya abbootiifi akaakilee keenyarraa dhaalleedha. Hambaaleen kan qaqqabatamaniifi hinqaqqabatamne jechuun bakka lamatti qoodamu. Damaraan Masqalaa hambaalee kiliyaa (hinqaqqabatamne) keessaa isa tokko. Hambaalee hinqaqqabatamne Itoophiyaan hambaa addunyaa gootee galmeessifte keessaa Damaraan Masqalaa isa hangafaa ykn duraa ta’uus eeraniiru.

Damaraan Masqalaa hambaa kiliyaa ta’ee ‘UNESCO’tti erga galmaa’ee booda sadarkaa biyyaattis ta’e addunyaatti beekamtii akka argatu taasiseera. Ayyaanichi hambaa kiliyaa addunyaa ta’ee galmaa’uun duudhaasaa eggateefi kunuunfamee dhaloota dhufutti akka darbuuf haala mijataa uumeera. Ummanni biyyattiis hambaa kana waliin akka eeguufi kunuunsuufis carraa gaarii uuma. Akkasumas turistoota hawwachuun galii turizimiirraa argamu guddisuu keessattis gahee guddaa qaba jedhu.

Itoophiyaan hambaalee hinqaqqabatamne afur (Ayyaana Damaraa Masqalaa, Sirna Gadaa, Ayyaana Cuuphaafi Ayyaana Fiichee Cambalaallaa) ‘UNESCO’tti kan galmeesifte ta’uu himanii, ayyaanonni kunneen addabaabayiitti waan kabajamaniif turistoota hawwachuu, aadaa uffannaa keenya beeksisuu, tokkummaa, jaalalaafi wajjummaa keenya cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uu eeru.

Damaraan Masqalaa waggaa waggaan jalqaba baatii waggaa (Fulbaana) kabajama. Ayyaanicha haala duudhaasaa eegeen waliin kabajuun gama hawaasummaa, dinagdeefi dippiloomaasiitiin faayidaa guddaa qaba.

Kana malees namoota hojii uffata aadaa hojjechuu, tajaajila adda addaafi hoteelaafi geejibarratti bobba’aniifis carraa hojii yeroofi dhaabbii bal’aa uuma. Ayyaanichi turistoota hawwachuun guddina dinagdee biyyaa utuufi ogummaa hojii uffata aadaa fooyyessuu keessattis gahee guddaa kan qabu ta’uu eeru.

Ayyaanichi tokkummaa, gammachuufi nageenya hawaasaa mirkaneessuu keessattis gumaacha guddaa kan qabu ta’uu himanii, ayyaanichi duudhaasaa eegee dhalootaa dhalootatti akka darbu taasisuuf hojii hubannoo hawaasaa gabbisuu ittifufiinsaan kennamuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Barreessaa Olaanaa Gumii Dhaabbilee Amantii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Pastar Taamiraat Abagaaz akka jedhanitti, masqalli ayyaana araaraa boqonnaa haaraatti nu ceesisuudha. Ummanni Itoophiyaa hundi ayyaanicha kan kiyya jedhee fudhachuurratti hanqinni waan mul’atuuf hojiin hubannoo hawaasaa gabbisuu ittifufiinsaan kennamuu qaba.

Waggaa waggaadhaan ji’a Fulbaana keessa ayyaanota addabaabayiitti kabajaman lama (Ayyaana damaraa masqalaafi Ayyaana Irreechaa) kabajna. Ayyaanonni kunneen waltajjii duudhaan jaalalaa, tokkummaafi nageenya keenya itti calaqqisan ta’uu qabu jedhu.

Hogganaa ittaanaan Damee Turizimii Biiroo Aadaa, Artiifi Turizimii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Obbo Sarsta Firesibaat akka jedhanitti, Ayyaanni Damaraa Masqalaa ‘UNESCO’tti erga galmaa’ee as baay’inni turistoota biyya alaa dabalaa jira.

Ayyaanichi madda galii turizimiirra argamu guddisuurra darbee aadaafi duudhaa keenya ummata addunyaatti beeksisuu keessatti gahee guddaa qaba. Hambaalee qaqqabataman yoo isaan caban arginee suphuu ni dandeenya; hambaalee kiliyaa keenya garuu akkasitti suphuu waan hindandeenyeef eeguufi kunuunsuurratti xiyyeeffannee hojjechuu qabna jedhu.

Hirmaattonni waltajjichaa yaada kennaniin akka jedhanitti, Ayyaanni Damaraa Masqalaa duudhaa amantiis akka gad hinlakkifneef xiyyeeffannaan irratti hojjetamuu qaba. Bu’aa dinagdee ayyaanichaa qofa yaaduudhaan duudhaa qabiyyee amantii ayyaanichi of keessaa qabu dagatamuu hinqabu.

Abbaan Taayitaa Hambaa Itoophiyaas hambaalee qabeenya addunyaa ta’anii galmaa’an eeguufi kunuunsuu qofa osuu hintaane kanneen biroos qoratee galmeessisuufis kana caalaatti cimee hojjechuu akka qabu yaadachiisaniiru.

Nastaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Ayyaana Masqalaa gama duudhaa amantii, aadaafi hawaasummaatiin”

  1. Pingback: white-zerbert
  2. Pingback: free webcams

Comments are closed.