Irreecha, Asxaa tokkummaafi obbolummaa

Ummanni Oromoo ummata guddaa falaasama sirna Gadaa bocachuun ittiin walbulchaa ture, ummata itita aadaa, safuufi duudhaa qabuudha. Guddummaan Oromoo baay’ina qabaachuu qofa osoo hintaane falaasama gabbataa sirna Gadaa jiruufi jireenya dhala namaa hunda, akkaataa uumaafi uumamaatiin ilaaluufi sirna dhugeeffannaa qabaachuusaati.

Jaarmiyaalee falaasama sirna Gadaa jalatti hammataman kanneen akka Guddifachaa, Moggaasaa, Gosa galchuu, Irreechaa, Meedhichaa, Michuu, Siinqee, Ateetee sirnichaaf utubaa jabaa ta’an ijaaruun kan ittifayyadamaa tureefi qaroominoota guguddoo hedduu addunyaaf kan gumaacheedha.

Jaarmiyaalee kanneen keessaa Irreechi aadaa, duudhaa, safuufi safeeffannaa Oromoon qabu ta’ee ayyaana guddaa Oromoon uumaasaa kan darbeef ittiin galateeffatuufi kan dhufuuf ammoo ittiin kadhatuudha. Ayyaanni kun galateeffannaa qofa osoo hintaane lafa Oromoon gamtaan walga’uun tokkummaasaa ittiin jabeeffatu, waltajjii duudhaafi safuudhaan guutameedha.

Kana malees, Oromoon saboota, sablammootaafi ummattoota wajjin jaalala, tokkummaa, obbolummaafi duudhaa waltumsaa olaanaa kan qabu yoo ta’u, Irreechis duudhaa hammatummaa kanaan kan guutameedha. Kanaafi, Irreechi faajjii tokkummaafi obbolummaa jedhamuun kan leellifamuuf.

Irreechi guyyaa galataa Oromoon Malkaa, Horaafi Tulluutti bahuun araara, dhiifama, hawwiifi milkii gaariifi badhaadhina akkasumas tokkummaasaa itti labsuudha. Irreechi sirna uumaa ittigalateeffatan ta’ee namaafi nama jidduuttis walooma, araara, dhiifamaafi obbolummaa jabeessuuf jaarmiyaa iddoo olaanaa qabuudha.

Irreechi guyyaa galata Waaqaati. Guyyaa Ummanni Oromoo Malkaa ykn Horaafi Tulluurratti bahuun araara, dhiifama, hawwiifi milkii gaarii, nageenyaafi badhaadhina, akkasumas tokkummaa itti labsuudha.

Irreechi Oromoo kun falaasama galateeffannaa Oromoon addunyaa kana keessatti ittiin humna Waaqaa ibsu, jireenya lafa kanaa raaju, dhoksaa ykn iccitii jiruufi jireenyaa dhalootaaf ykn labata ittaanuuf ittiin ibsuudha.

Irreechi Oromoo duudhaalee gabbataa, kan dhaloonni haaraafi addunyaan irraa baratan hedduu of keessaa qaba. Irreechi Duudhaa Nageenyaafi Araaraati.

Horri ykn bakki Irreechi Oromoo ittigaggeeffamu kamuu bakka nageenyaafi araaraati. Bakka garaafi qalbii qulqulluun, haaloo ykn gadoo tokko malee nageenyaafi araara itti labsaniidha. Nageenyiifi araarri duudhaa Irreechi qabu keessaa isa tokko waan ta’eef, guyyicha nagaatu labsama; nagaatu leellifama.

Irreecha irratti nagaatu barsiifama; nagaatu baratama. Nagaadhaan maatii, ollaafi ummata bal’aa waliin jiraachuu, nagaan uumaafi uumama wajjin jiraachuutu labsama.

Bakka araarri Waaqaafi lafaa, araarri uumaafi uumamaa itti labsamuufi itti kadhatamuudha. Irreechi Duudhaa dhiifamaallee of keessaa qaba. Ardaan ykn Malkaan Irreechaa iddoo duudhaa dhiifamaa isa olaanaadha.

Beekees ta’e osoo hinbeekiin, yaadees ta’ee osoo hin yaadiin kan waldhabe, walitti mufate yoo jiraate guyyaa Irreechaa dhiifama walii gochuun mallattoo Irreechaa isa hangafa. Irreechi duudhaa kadhannaa ykn galateeffannaatisi. Irreechi bakka itti boo’an otoo hintaanee bakka walabaaran, bakka jeequmsaa osoo hintaane, bakka garaa qulqulluun, haaloo ykn gadoo tokko malee Waaqa itti kadhatan ykn itti galateeffataniidha.

Irreechi bakka waan dhaban ykn waan rakkataniifi yaadda’an itti kadhatan, bakka waan itti milkaa’aniif Waaqa ittigalateeffatani. Bakka duudhaa tokkummaafi obbolummaati.

Tokkummaa Oromoofi obbolummaa sabaafi sablammoota biyya kanaa cimsuu keessatti Ayyaanni Irreechaa iddoo olaanaa qaba. Dabalataanis Jaarmiyaalee Sirna Gadaa keessaa tokko kan tahe Irreechi Oromoo duudhaalee eebbaa, jaalalaa, abdiifi hawwii gaarii akkasumas safuu kan ofkeessa qabuudha.

Irreechi bakka duudhaan obbolummaa sabaafi sablammoota biyya kanaafi addunyaa itti cimuudha. Duudhaan saboota, sablammootaafi ummattoota biroo hammachuus sirnuma kanarraa kan maddu waan ta’eef Irreecha turban har’aafi boruu (Fulbaana 26fi 27 bara 2016) lammiilee biyya keessaafi alaa bal’inaan hirmaachisu kana haala asxummaa tokkummaafi obbolummaasaa madaaluufi ibsuun haa kabajnu.

Irreechi Irreecha milkii haa ta’u!

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You