Finfinnee: Rakkoo bulchiinsa gaarii maqsuuf sochii eegalameen bara 2015 hojjettoota rakkoo naamusaa qaban kuma 21 irratti tarkaanfii seeraa fudhachuu Biiroon Pablik Sarvisiifi Misooma Qabeenya Namaa Oromiyaa beeksise.
Hoogganaa Ittaanaan biirichaa Obbo Daamxoo Gammachuu Wiixata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, bara darbe manneen hojii mootummaa keessatti tajaajila si’ataa kennuun itti quufiinsa maamilaa mirkaneessuuf rifoormii bal’aatu hojjetame. Hojjettoota ittigaafatamummaasaanii qixa sirriin hinbaane kuma 21 irratti ammoo tarkaanfiin addabbii mindaa irraa eegalee hanga hojiirraa gaggeessuu fudhatameera.
Tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatame kun kan bara 2014 kuma 24 waliin yoo walbira qabamu hanga tokko fooyya’iinsi jiraachuu himanii; karaa dubbii fixaa tajaajjilli kennamaa tures daran fooyya’uu ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun mootummaanis hoggantoota hedduurratti tarkaanfii fudhachuusaa eeraniiru.
Biirichi qorannoo taasiseen hojjettoonni rakkoo bulchiinsa gaarii uumuun komii ummataaf sababa ta’an dandeettii raawwachiisummaa gahaa dhabuu;
teknoloojiin deeggaramuu dhabuu, dhibaa’ummaafi amala badaa calaqqisiisuun kan walqabatu ta’uu eeranii; rakkoon dandeettii raawwachiisummaan walqabatu daran xiqqaa yommuu ta’u, rakkoo ilaalchaa/ dhibaa’ummaafi amala badaan olaanaa ta’uu yaadachiisaniiru.
Hojjettoota hanqina dandeettii raawwachuu qaban leenjiin ga’oomsaa turuu eeranii; hojjettoota dhibaa’ummaan itti yaadanii yeroofi qabeenya ummataa qisaasessaniifi hojii salphaa ulfaachisuun matta’aa fudhachuuf abbaa dhimmaa deddeebisuun rakkoo uumaa turanirratti tarkaanfiilee garagaraa fudhachuu dubbataniiru.
Akka isaan jedhanitti, tajaajiloota akka fayyaa, geejibaa, bishaan dhugaatii, lafaafi mana qopheessaarratti jijjiiramni guddaa taasifamus ammayyuu komii bal’aatu jira. Dhiyeessii daawwaafi daballii tajaajila geejjibaa madda komii hojii dabalataa gaafatudha.
Rakkoon bulchiisa gaarii magaalaa baadiyyaatti wayita ilaalamu magaalatti kan hammaatu ta’uu eeranii; haa ta’u malee, magaalotni akka Adaamaa, Bishooftuu, Baatuu, Roobeefi Shaashamannee rifoormii guddaa keessa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila si’ataa kennuu keessatti godinaaleen Harargee Bahaafi Baalee akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Godinaalee rakkoo nageenyaa qaban keessattis qaawwaan bulchiinsa gaarii jiraachuu dubbatanii; ta’us bara kana rifoormii bakka hundaatti diriirsuun rakkoo gurmaa’insaa, dandeettii raawwachuufi dhibaa’ummaan walqabatu hundeerraa furuuf sochiin kan taasifamu ta’uu jala sararaniiru.
Hojjetaanis ta’e hoggansi sadarkaan jiru ba’aa ummataa salphisuuf miira aantummaafi tajaajiltummaan hojjechuu qaba kan jedhan Obbo Daamxoon; faallaa kanaa gocha ogummaafi itti ergama hin madaalle calaqqisiisuun garuu sirna itti gaafatamummaatti kan nama geessu ta’uun hubatamuu qaba jedhaniiru.
Waaqshuum Fiqaaduutiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016
2 Comments to “ Oromiyaatti hojjettoota rakkoo naamusaa uuman kuma 21 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatame”
Comments are closed.