Oromiyaatti barattoota karoorfaman miliyoona 11.4 keessaa miliyoona 10.8 galmaa’aniiru

Finfinnee: Oromiyaatti bara barnootaa 2016tti barattoota miliyoona 11.4 galmeessuuf karoorfame keessaa hanga ammaatti barattoota miliyoona 10.8 galmeessuusaa Biiroon Barnoota Oromiyaa beeksise. Ijaarsa manneen barsiisotaa 4,052 eegalaman keessaa kanneen xumuraman jiraachuus ibseera.

Sadarkaa hogganaa ittaanaatti Gorsaan Biiroo Barnoota Oromiyaa Obbo Efreem Tasammaa Kibxata darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, naannichatti hanga Dilbata darbeetti barattootni barachuuf galmaa’an miliyoona 10.8tti hiiqan galmaa’uun adeemsi baruu barsiisuu haala ho’aan eegalamee adeemsifamaa jira. Kanneen hafan hammachuuf bulchiinsi biirichaa galmeessi hanga Fulbaana 16tti akka dheeratu murteesseera. Barana manneen barsiisota 4,000 ijaaruuf karoorfamanii, karooraa ol manneen barsiisota 4,353 ijaarsisaanii eegalaman sadarkaa garaagaraarra jiru.

Akka isaan jedhanitti, barattootni hafan guyyoota hafan keessatti ni galmaa’u jedhamee eegama. Imaammata barnootaa haaraan barumsi guutummaatti eegalameera. Hanqina kitaabilee barnootaa mul’atan furuuf tooftaa garaagaraatu hojiirra oolaa jira.

Kitaabilee barnoota sadarkaa 1ffaa miliyoona 27.1 maxxansuuf karoorfame keessaa miliyoonni 11 barataa harka ga’uu eeranii; dabalataanis manneen barnootaa dhuunfaa kitaabileen maxxansan akkuma jirutti ta’ee kanneen hafan hanga maxxanfamanitti sooftikoppii kitaabilee akaakuu barnoota hundaa manneen barnoota hunda dhaqqabuu hubachiisaniiru.

Kana malees, kitaabileen manneen barnootaa sadarkaa 2ffaa ministeera barnootaatiin alatti maxxanfamaa jiraachuu himanii; hangasitti sooftikooppiin kitaabilee kunneenii barataa biraan ga’uu cinatti wayita kitaabileen maxxanfaman biyya seenan battalatti raabsuuf qophiin xumuramuu dubbataniiru.

Hanqinni barsiisotaa jiraachuu baatus akaakuu barnoota Amaariffaa, Ingiliffaafi herreggaarratti hanqinni hanga tokko jiraachuu eeranii; kana furuuf ga’umsa barsiisotaa gabbisuuf wiirtuun leenjii barsiisotaa Adaamaarratti banamuu yaadachiisaniiru.

Baadiyyaa Oromiyaatti daa’imman osoo waa dubbisuufi barreessuu hin barin kutaa 1ffaa barumsa eegalan deeggaruuf jecha mootummaan karaa dura hinbaratamneen tajaajila lammummaatti fayyadamee baadiyyaa Oromiyaaf manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa idilee duraa kumaatamaan ijaaruu ibsaniiru. Gama barsiisotaan bara darbe barsiisota kuma 23 barana ammoo barsiisota kuma sagal leenjisuus kaasaniiru.

Barana qooda fudhattoota hedduun walta’uun barattoota miliyoona 7.5 ta’aniif soorata dhiyeessuuf sochiitti eegalamuus dubbataniiru.

Dandeettii dubbisuu, barreessuufi shallaggii daa’imman kutaa 1ffaa-4ffaatti jiranii dhugoomsuuf barsiisota sadarkaa kutaalee eeraman barsiisaniin duulli torban ja’aaf turu eegalamuu ibsanii; duulichi rakkoo dubbisuu, barreessuufi shallaggii herregaarratti mul’atu furuuf shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “ Oromiyaatti barattoota karoorfaman miliyoona 11.4 keessaa miliyoona 10.8 galmaa’aniiru”

Comments are closed.