Obbolummaa ummata Oromoofi Gambeellaa cimsuuf hojjetamaa jira

  • Ayyaana Irreecha naannolee ollaatti bifa ho’aan kabajuuf qophii bal’aan taasifamaa jira

Finfinnee:  Obbolummaa ummata Oromoo, Gaambeellaafi Beenishaangul Gumuz cimsuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru Waajjirri Nageenyafi Misooma Waloo Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Beenishaangul Gumuziifi Gaambeellaa beeksise.

Ittigaafatamaan waajjirichaa Obbo Firoomsaa Salamoon ibsa addatti  Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, waajjirichi hariiroo obbolummaa ummattoota naannoolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuziifi Gaambeellaa keessa jiraatan cimsuuf kan hundaa’edha.

Waajjirichi hojiilee bu’aaqabeeyyii hedduu hojjechuusaafi hojjechaa jiraachuus eeranii, hariiroo ummattoota naannolee kanneenii cimsuuf hojiileen misoomaas wajjummaan adeemsifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojii misoomaa hojjetamaa jiran keessaa tokko hojii daandii ta’uu kan eeran Obbo  Firoomsaan, daandiin godinaalee Oromiyaa naannolee lamaan wajjjin walqunnamsiisan hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.

Hariiroon obbolummaa jalqabame bu’aa buusaa jiraachuus himanii, ummata Oromoo Beenishaangul Gumuziirraa bara 2011 buqqa’e qe’eesaatti deebisuun qaamuma walittidhufeenya cimaa jiru kanaati jedhan.

Gama aadaatiinis waajjirichisaanii saboonni aadaafi duudhaa walii gochuudhaan obbolummaan akka cimu taasisaa jira kan jedhan Obbo Firoomsaan, Oromoon naannolee Beenishaangul Gumuziifi Gaambeellaa keessaa jiraatu afaaniifi aadaasaa akka guddifatuuf xiyyeeffannaadhaan hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Ayyaana Irreechaa  baranaa naannoolee kunneenitti bifa ho’aa ta’een kabajuufis qophii bal’aan taasifamaa jira jedhaniiru.

Hojii hojjetamaa jiruun Naannoo Beenishaangul Gumuz qofatti manneen barnootaa 20 keessatti akkasumas Naannoo Gaambeellaatti manneen barnootaa hedduu keessatti Afaan Oromootiin barnootni kennamaa jiraachuu eeraniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

5 Comments to “Obbolummaa ummata Oromoofi Gambeellaa cimsuuf hojjetamaa jira”

  1. Pingback: Herbalife products

Comments are closed.