Tajaajila Lammummaan hojiiwwan qarshii biliyoona 163.4 olii hojjetaman

Finfinnee: Oromiyaatti bara 2015 tajaajila lammummaan hojiiwwan qarshii biliyoona 163.4 ol hojjetamuu Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Tajaajilli lammummaa dandeettii raawwachuu ummata Oromoo kan yaadaniin ol ta’uufi duudhaa humneessoo ummatichaa sababa adda addaatiin adda citee ture irra deebiin gonfachuuf karra banuusaa hubachiisan.

Hoggansi jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa rakkoolee misooma naannicha ukkaamsanii qabaniifi furmaata isaanii ilaalchisee dhimmoota akka tarsiimoo, imaammataafi misooma waliigalaa irratti qorannoo yabbuu muuxannoowwan biyya keessaafi idiladunyaarratti sakatta’iinsa taasise gaggeessuun bu’aa qorannoo kanaa muuxannoo biyyoota addunyaa walitti makanii hojiitti hiikuun firii gaariin argamuu eegalamuusaa ibsaniiru.

Riippoortara Gaazexichaan

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016

Recommended For You

2 Comments to “Tajaajila Lammummaan hojiiwwan qarshii biliyoona 163.4 olii hojjetaman”

  1. Pingback: タイ不動産

Comments are closed.