Finfinnee: Hanqina humna elektirikii Itoophiyaa furuu keessatti shoorri pirojektii madda anniisaa elektirikii Koyishaa olaanaa ta’uun ibsame.
Gareen gaazexeessitoota biyyattii Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaan durfamu ijaarsi pirojektii madda anniisaa elektirikii meeggaa waattii kuma tokkoofi 800 maddisiisuu danda’uu sadarkaa gaariirra jiraachuu tibbana daaw’ateera.
Ministir de’eetaan tajaajilichaa Aadde Salaamaawit Kaasaa akka jedhanitti, pirojektiin madda anniisaa elektirikii Koyishaa pirojektota jijjiirama biyyattiitti dhufeen lubbuu horatan keessaa isa tokko. Pirojektiin kun Laga Oomoorratti kan ijaaramaa jiru wayita ta’u ummata naannichaa hammatee fayyadamoo taasisaa jira.
Paarkiin Cabaraafi Curcuraas pirojekticha madheeffateera. Sababa pirojektii kanaatiin daandiin kiiloo meetira 50 lagicharratti ijaarame ummata addaan citee ture walqunnamsiisuun dinagdeefi hawaasummaa cimsaa jira.
Pirojektichi hanqina anniisaa elektirikii furuu bira darbee sochii investimantii dagaagsuun guddina biyyaaf shoora guddaa taphata.
Riippoortara Gaazexichaan
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 19 Bara 2016
9 Comments to “Hanqina humna elektirikii Itoophiyaa furuuf shoorri Pirojektii Koyishaa olaanaadha”
Comments are closed.