Hanqina bu’aa kubbaa miilaa Itoophiyaa furuuf leenjii saayinsaawaa barbaachisa

Finfinnee: Rakkoo hanqina bu’aa kubbaa miilaa Itoophiyaa furuuf malli leenjii saayinsaawaa dargaggoota irraa eegalee hojiirra ooluu akka qabu Gorsaan Teeknikii Biiroo Dargaggootaafi Ispoortii Finfinnee Obbo Hayiluu Baqqalaa ibsan.

Kubbaan miilaa ispoortii Itoophiyaa keessatti daran jaalatamu keessaa tokko ta’uun beekamaadha jedhanii, Itoophiyaan dhaabbata kubbaa miilaa Afrikaa ardittii hogganu hundeessuu keessaatti waan guddaa gumaachuus yaadachiisaniiru.

Kubbaan miilaa ispoortii Itoophiyaa keessatti jaarraa tokkoof bu’uura jaalatamaa qabaatus sadarkaa barbaadamuun kan hinguddanne ta’uus eeraniiru.

Sababiin kanaas akkaataan leenjii kubbaa miilaa Itoophiyaa keessatti itti kennamu hanqina qabaachuurraa kan madde ta’uus ibsanii, sirni leenjii mala saayinsii addunyaan irra geesseen hordofamuu akka qabus dubbataniru.

Akka ibsasaaniitti leenjiin kubbaa miilaa daa’imman umuriinsaanii waggaa jahaarraa eegalee kennamuu qaba. Adeemsi kun qajeelfama ‘FIFA’ keessa jiraachuufi biyyoota addunyaa hedduu keessattis hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Itoophiyaatti leenjiin kubbaa miilaa dargaggootaa umrii waggaa 13fi 15 irraa akka eegalamus himaniiru.

Kana sirreessuuf tokkoo tokkoon kilaba ispoortii qajeelfama mataasaa qopheessuu akka qabuufi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa sadarkaalee hundatti sirna leenjisummaa diriirsuu akka qabu ibsaniiru.

Biyyoonni biroos sirna leenjii kubbaa miilaa dargaggootaa kan qaban yoo ta’u, Itoophiyaanis akkasuma qabaachuu akka qabdu ibsaniiru. Leenjiin kubbaa miilaa dargaggootaa Itoophiyaa keessatti bara 1990 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.

Umriin leenjii xiqqaan waggaa 13 gadi ta’uun isaa garee umurii gadi aanaa irraa akka hinhojjenne agarsiisa.

Kanaaf qaamonni dhimmichi ilaallatu Ministeerri Aadaafi Ispoortii Federaalaafi Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa rakkoo kanaaf furmaata kaa’uu qabus jedhan.

Dajanee Bulchaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

3 Comments to “ Hanqina bu’aa kubbaa miilaa Itoophiyaa furuuf leenjii saayinsaawaa barbaachisa”

  1. Pingback: unky republic

Comments are closed.