Itoophiyaan yaa’ii waliigalaa dhaabbatichaa 78ffaarratti hojii dippilomaasii milkaa’aa hojjechaa jirti

 Yaa’ii Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaa Niiw Yoorkitti gaggeeffamaa jirurratti Itoophiyaan hojii dippilomaasii milkaa’aa hojjechaa akka jirtu Dhaabbataa Mootummoota Gamtoomaniitti ertamaan Itoophiyaa Ambaasaaddar Tesfaayee Yilmaa ibsaniiru.

Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaa mata duree “Nagaa, Badhaadhina, Jijjiiramaafi Ittifufiinsa” jedhuun gaggeeffamaa jira.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti ergamaan Itoophiyaa Ambaasaaddar Tasfaayee Yilmaa hirmaannaa Itoophiyaan yaa’ii kanarratti gochaa jirtu ilaalchisuun ibsa kennaniiru.

Ibsa isaaniin Ioophiyaan yaa’ii waliigalaa kana cinaatti biyyoota adda addaa waliin marii dhimmoota waloorratti xiyyeeffate geggeessiteetti.

IMinistira muummee Ittaanaafi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonnin hoggantoota mootummaa olaanoo biyyoota adda addaa waliin mari’achuu isaanii ibsaniiru.

Dhimmoota tumsa biyyoota waloo, naannoofi qooda fudhatoota hedduu irrattis hoggantoota olaanoo dhaabbilee idil-addunyaafi kanneen biroo waliin mari’ataniiru.

Haaluma kanaan biyyoonni imala jijjiiramaafi nagaa Itoophiyaan eegalte kallattii sirrii irra deemaa akka jiru hubannoo waloo irra gahaniiru jedhaniiru.

Gama biraatiin Itoophiyaan waltajjiiwwan marii biyyootaafi dhaabbilee adda addaatiin qophaa’an irrattis hirmaachuun ejjennoo ishee ibsiteetti.

Kanaanis Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii haaromfamuu akka qabu, Afrikaan mana maree nageenyaa keessatti teessoo dhaabbataa akka qabaattuuf sagalee ishee dhageessifteetti jedhaniiru.

Keessattuu, dhugaa Itoophiyaa akka gaariitti ibsuufi ejjennoo isheen Yaa’ii Waliigalaa keessatti qabdu sirritti calaqqisiisuu akka danda’ame hubachiisaniiru.

Mariin dhaabbilee idil-addunyaafi hooggantoota olaanoo dhaabbilee adda addaa waliin taasifame bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru.

Fedhiin dhaabbileen idiladdunyaa deeggarsa maallaqaafi dhaabbileen Itoophiyaa keessatti invasit gochuuf agarsiisan abdachiisaa ta’uu ibsaniiru.

Itoophiyaan Yaa’ii Waliigalaa irratti haasaa imaammataa kan taajjabbiifi ejjennoo dhimmoota biyyaalessaa, naannoofi idiladdunyaa irratti qabdu kan dhiheesitu ta’uu eeraniiru.

Yaa’iin Waliigalaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 78ffaan Niiw Yoorkitti gaggeeffamaa jiru hanga Fulbaana 15/2016tti kan turu ta’a.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016

Recommended For You

4 Comments to “ Itoophiyaan yaa’ii waliigalaa dhaabbatichaa 78ffaarratti hojii dippilomaasii milkaa’aa hojjechaa jirti”

  1. Pingback: ruay
  2. Pingback: look at this now
  3. Pingback: thewin888

Comments are closed.