Ijoollummaadhaan barnoota amantii Islaamaa barachuudhaan yeroo ammaa abbaa amantii guddaa kan ta’an, Imaama Masjiidota gara garaafi qaadummaadhaan (abbaa seeraa Mana Murtii Shari’aa ta’uudhaan) iddoowwan adda addaatti tajaajila hawaasaa kennaa turan.
Harargee Bahaatti immoo barreessaafi miseensa mana marii dhimmoota Islaamummaa godinaa ta’anii erga tajaajilaa turanii booda bara 2014tti Pirezidaantii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa ta’uudhaan kan muudaman Sheek Jamaal Muusaa Ayyaana Mawuliidaa Roobii dhufu kabajamu sababeeffachuun keessummaa Bariisaa maxxansa kanaa taasifanneerra. Gaafdeebii dhimmota gara garaarratti isaan waliin taasifnes akka armaan gadiitti dhiheessineerra.
Bariisaa: Keessummaa keenya ta’uuf heeyyamamoo ta’uu keessaniif galatoomaa sheeka!
Sheek Jamaal: Isinis nu kabajjanii nu dubbisuu keessaniif galatoomaa!
Bariisaa: Hayyee mee dura walhaabarruutii, iddoo ittidhalattaniifi haala guddina keessanii osoo nuu ibsitanii?
Sheek Jamaal : Bareeda, ani Jamaal Muusaan jedhama. Bara 1963 Oromiyaa bahaa, Godina Harargee Lixaa, Aanaa Doobbaattin dhaladhe . Akkuma ijoollee baadiyyaa kamuu loon tiksaafi hojii qonnaa maatii gargaaraan guddadhe.
Bara sanatti barnoota idilee ammayyaa hordofuuf baadiyyaatti carraan tasuma hinargamu ture. Kanumarraa ka’uun abbaan koo yeroo sanatti hojjetaa mootummaa Hayilasillaasee waan tureef Qeesii barnoota Afaan Amaaraa nu bariisu sumuniidhaan nuu mindeessee barnoota ammayyaa qubee Amaariffaatiin eegalle jechuudha.
Bariisaa: Qeesichi isin barsiise kun eessaa dhufe? Isin qofaaf moo ijoolleen ganda keessanii biroos barataa turanii?
Sheek Jamaal: Gaaffii bareeda na gaafatte. Qeesichi magaalaadhaa dhufee nu barsiisa. Akkuma duratti sii kaasuuf yaale abbaan koo caasaa mootii Hayilasillaasee naannawichatti argamu waliin hojjata waan tureef Qeesii magaalaafi bataskaanaa barbaadanii fiduuf hedduu hinrakkatan turan. Qeesichis tola osoo hintaane, maallaqa argachaa nu barsiisaa waan tureef isaafillee dalagaadha. Barnoota sanaaf maallaqni kanfalamuuf sumunii yookiin santima 25 ta’uu qofa osoo hintaane, yeroo sanatti sumuniin waa heddu bituu akka dandeessu hubachuu qabda.
Qeesichichi kaka’umsaafi baasii abbaa kootiitiin mindeeffamus kan barsiisu ana qofa osoo hintaane ijoollee safara sanaa hunda ture. Yeroo sanatti namni ofiisaa yookiin ijoolleesaa qofaaf osoo hintaane, ijoollee ollaasaafi warrasaatiifis yaadaa ture.
Erga haala kanaan qubee barannee booda, jijjiiramni sirnaa dhufe. Sirni mootii Hayilasillaasee kufee Dargiin dhufe jechuudha. Dargiin immoo barnoota bu’uraa babal’isuu keessatti sochii guddaa gaggeessaa waan tureef carraan barnootaa hanga tokko babal’achuu danda’eera.
Anis yeroo umriin koo 13 ta’utti barnoota eegaluudhaan, kutaa tokkoffaa galee osoon waggaa hinguutin gara kutaa lammaffaatti darbe. Sababnisaas sana dura qubee Amaariffaa qeesicharraa akka gaariitti barachaa waan tureefi.
Booda yeroon kutaa 4ffaa ga’u weerarri Mootummaa Sumaaliyaa Sa’id Baarreen durfamu waan banameef maatiinkoo gara Carcaritti waan godaananiif anis barnoota addaan kutuuf dirqame.
Sababuma kanaan anis barnoota idileerra gara barnoota amantiitti xiyyeeffachaa dhufe. Weerara Sumaaliyaatiin walqabatee nageenyis waan boora’eef bara 1978 gara Sumaaliyaatti godaane.
Bariisaa: Maaliif gara Sumaaliyaatti godaanuu filattan?
Sheek Jamaal: Haalli yeroo sanaa daran ulfaataa ture. Keessumaa erga Sumaaliyaan Itoophiyaa weerartee booda mootummaan Dargiis dargaggoota humnaan qabee gara waraanaatti ergaa waan tureef, nu caalaa maatiin keenya hedduu cinqamu ture.
Haala sana jalaa miliquuf biyyi dhihoofi adeemuu dandeenyu Sumaaliyaa qofa ture. Kanaaf Quraana qara’uufis carraa dabalataa argachuu akka dandeenyu tilmaamnee gara Sumaaliyaatti imaluuf dirqamne jechuudha.
Bariisaa: Hangam turtanii deebitaniree? Barnoota akkamiis argattan?
Sheek Jamaal: Sumaaliyaarraa gara biyyatti hindeebine. Haalli achi tures daran ulfaataa ture. Kanaaf achi yeroo gabaabaaf turee achumaan gara Jibuutiittin imale.
Jibuutiitti ergan hanga tokko barnoota amantiis baradhee waggaa sadii booda gara Sawud Arabiyaattin imale. Abbaan koo sirni Dargii akka lubbuu kiyya hinbaafneef jecha biyyaa akkan baqadhu nataasise otoon Jibuutii jiruu boqate. Anis gadda cimaa keessa galee hamileen gara biyyaa ittiin galu dhabee Jibuutiirraa gara Sawudiitti qajeele.
Yeroon Sawudii dhaqetti naman beeku tokkollee hinarganne. Carraan barnoota itti argadhus waan hinturreef hojiidhuma argame hojjachuuf murteesse. Utumaan hojii humnaa dabalatee waan argadhe hojjechaa jiruu sirni Dargii kufe.
Sirni jibbinee biyyaa baaneef waan kufeef bara 1984 biyyatti galuu qofa osoo hintaane, waanin Sawudiitti dalagadhee dhufeen dukkaana yookiin suuqii banadhee hojii daldalaa eegale. Waggaa tokko booda bara 1885 haadha manaa fuudhee bultii ijaarradhee hojii barnoota amantii barsiisuu cinaatti ittuma fufe. Yeroo bultii ijaarannee dalagaas ho’ifannetti haalli hamaan hin yaadamne tokko uumamee ammas rakkoo hamaaf saaxilamne.
Bariisaa: Erga Dargiin kufee isinis biyyatti deebitanii bultii ijaarratanii dalagaas eegaltanii booda maaltu isin muudateree?
Sheek Jamaal: Gaaffii bareeda na gaafatte. Dargiin kufnaan nuti kana booda rakkoon tokkollee nu hinmuudatu jennee abdii guddaadhaan waan biyya ormaatti dalagannee arganne qabannee gara biyyatti galle. Hojii daldalaas eegallee bultiis godhanne. Garuu jarri waliin ta’ee sirna Dargii kuffise xiqqoo tutturraan walitti duuluu eegalee jireenya ummata naannawaa booreessuu jalqabe.
Waldhabdeen ABUTfi ABO jidduutti uumame jabaachaa dhufuurraan kan ka’e tasgabbiin biyyittii keessaa ni bade. Yeroo sanatti namootni aariidhaan garee ABO bosonatti hafe deeggaruuf bosonatti galanii waan turaniif, humni ABOs Harargeetti tumsa olaanaafi miseensota hedduus qabaachaa waan tureef mootummaan yeroo sana Itoophiyaa bulchaa ture ummata naannawaarratti rakkoowwan adda addaa dhaqqabsiisaa ture.
Sababuma kanaan murni ABUT namoota daldala keessa galle hunda ABO deeggartu jedhee qabeenya keenya saamuu eegallaan nutis abdii kutachuu jalqabne. Haala kanaan qabeenyi keenya jireenya baqaatiin biyya ormaatti horannee galle biyyuma keenyatti nu harkaa saamanii dalagaa nu dhorkinaan ammas maatii kootiinis sababuma rakkoo kanaatiin walhiiknee gara biraatti godaanuuf dirqame.
Sana booda guutummaatti gara barnoota Quraanaatti galee madrasaawwan gara garaatti ijoollee barsiisuufi masjiidota adda addaatti imaamummaadhaan tajaajiluutti seene.
Bariisaa: Bara 2014tti iddoo amma jirtan kanatti muudamuun dura eessatti, maalirratti tajaajiltanii dabartan?
Sheek Jamaal: As dhufuun dura godinaalee Harargee lamaanitti akaakuu hojii amantii adda addaatiin ummata Muslimaa tajaajilaa tureera. Akka fakkeenyaatti sii kaasuuf, magaalota akka Ciroo, Mi’eessoo, Harariifi Hirnaafaatti imaamsa Masjiidaa, qaadummaa (abbaa seeraa mana murtii Shari’aa), miseensaafi hoggansa koree dhimmoota Islaamummaa Godina Harargee Bahaa ta’ee tajaajileera. Bara 2014 ammoo Pirezidaantii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa ta’ee muudame.
Bariisaa: Ayyaanota heddutu fuula keenya dura jira. Isaan keessaa Hijiraa 1445ffaan (Moolidni) isa tokko. Ayyaanichi haala kamiin kabajamuu qaba jettu?
Sheek Jamaal: Ayyaanichi bifa nagaafi tasgabbii qabuun, waldanda’uutiin kabajamee nageenya biyyattiifis kanirratti kadhatamuufi tokkummaaf harka Waaqa jala qabatan akka ta’u hawwiin qaba.
Bariisaa: Ayyaanni Irreechaas ittuma aanee kabajama waan ta’eef asirrattis waa jedhaa kaa!
Sheek Jamaal: Irreechaa ayyaanota Oromoon qabu keessaa isa guddaadha. Ayyaanni guddaafi saba guddaa kun bifa duudhaasaa ganamaa eeggateefi nagaadhaan kabajamuu qaba.
Ayyaanichi akka hinkabajamneef sirnoota darbaniin dhorkamee ture. Jaarraa tokko booda garuu Oromoon har’a bifa barbaadeen ayyaanotasaa kanneen akka Irreechaafaa kabajuuf carraa argachuunsaa hedduu kan nama boonsuudha.
Kanaafuu aadaan Oromoo inni guddaan magaalaa guddittii keessatti kabajamu kun, haala kabaja ummata Oromoo madaaluun ta’uu qaba. Dhaamsi achirratti darbus kan ayyaanichaan walqabatu qofa ta’uutu irraa eegama.
Namootni ayyaanicha hinkabajnes usaniituma guyyicha mana ofiitti hafuudha malee ayyaanicha kabajuun hinbarbaachisu jedhanii waan aadaa Oromoo xiqqeessu hafarsuun barbaachisaa miti.
Quraanni, “Ilaalchaafi amantaa nama biraa hinarrabsin, yoo ati kan nama biraa arrabsitu kankeettu sijalaa arrabfama waan ta’eef, waan namni biraa ayyaaneffatu hinxiqqeessin, isa ati ayyaaneffattu sijalaa xiqqeessu waan ta’eef” jedha. Asirraa wanti hubatamuu qabu yoo jiraate waan namni tokko yookiin qaamni tokko itti fakkaatee dalagu busheessuun, xiqqeessuufi arrabsuun Waaqa birattis akka fudhatama hinqabneedha.
Kanaaf, abbaan fedhe mirga waan itti amane raawwachuuf qabutti fayyadamee raawwachuu akka danda’uuf seerris kan heeyyamu waan ta’eef, ayyaanotni fuula dura keenya jiran kan waliin jireenyiifi tokkummaan ummattoota biyyattii itti mirkanaa’u akka ta’aniif hunduu akka ga’eesaatti waan irraa eegamu bahachuu qaba jedheen yaada.
Bariisaa: akka Abbaa amantii tokkootti rakkooleen nageenyaa yeroo ammaa iddoowwan adda addaatti mul’atan akka furamaniif maaltu ta’uu qaba jettu?
Sheek Jamaal: Gaaffii murteessaafi barbaachisaa ta’e nagaafatte. Asirratti wanti beekamuu qabu tokko, erga rakkooleen kunniin uumamuu eegalanii kaasee abbootiin amantii hundi rakkoon kun akka furamuuf halkanii guyyaa mariiwwan gara garaafi qaamota biraa waliinis dubbachaa turreerra.
Abbootii amantii guguddoo kanneen akka Luba Balaay Mokononfaa dabalatee hogansa naannoo Oromiyaa waliin walga’ii yeroo 15 oli dhimmuma nagaa mirkaneessuu kanarratti adeemsifneerra. Jara biraayyis deebii gaarii argachaa jirra.
Yeroo ammaa immoo dhimmuma nageenya Oromiyaa kana mirkaneessuufi ummata naannichaa sodaa nageenyaa jalaa baasuurratti xiyyeeffannaa qaama dhimmi ilaallatu wajjin mari’achuuf karoofannee hojjechaa jirra.
Kanaaf karaa danda’amu hundaan rakkoon nageenya Oromiyaa furamee bara haaraa kanatti akka sagaleen qawwee naannichatti hindhagahamne gochuuf yeroo kamuu qaamota hunda waliin mari’achuuf abbootiin amantii naannichaa marti qophii ta’uu sii mirkaneessuun danda’a.
Garaagarteen siyaasaa saba guddaa kana gidduu jiru kamuu karaa mariifi nagaatiin furamee ummanni nagaasaatti deebi’uu qaba.
Waraana waggoota lamaaf Itoophiyaa kaabaatti adeemsifame xumura kan argate waraanaan walinjifachuun osoo hintaane, karaa marii nageenyaafi araaraa buusuutiini. Kanaafuu, qaamotni duula walirratti banan hangamuu turan xumurarratti dhimmicha kan xumuratan karaa araaraatiini.
Osoo rakkoon kanarra hinhammaanneefi badiin qabeenyaafi lubbuun namaa hinbadne garaa gartee siyaasaa bifa tasgabbii qabuufi marii karaa araaraa qofaan furuuf hunduu qophii ta’uu qaba.
Bariisaa: Ani gaaffii kiyya xumureeraa isin waan dabaltan ykn dhaamsa yoo qabaattan?
Sheek Jamaal: Dhaamsi kiyya inni guddaan dhimmuma nageenya Oromiyaafi Itoophiyaa mirkaneessuuti. Waan hunda caalaa waanti nageenyi haa dursu jennuuf nageenyi dursaa waan hundaa waan ta’eefi. Bakka nageenyi amansiisaan hinjirretti amantii ofii gaggeeffachuun, qotataniifi daldalanii jiraachuun waan yaadamuu miti. Kanaafuu, ani akka abbaa amantii tokkootti dhaamsiifi ergaan koo inni guddaan dhimma nageenya waaraa buusuuti.
Akka abbaa amantii tokkotti nageenya ummata amanticha hordoofuutiifis ta’e biyya keessa jiraatuutiif dirqamatu narra jira waan ta’eefi.
Hunda caalaa wanti na gaddisiisu ilmaan Oromoo aadaa rakkoo ittiin furaniin guddatanii har’a gamaa gamasii rakkoo nageenyaa uumanii ummata nagaan bahuufi galuu dhorkaa jiran kana.
Sababa qaamolee muraasa dhimma garaagartee siyaasaasaaniitiif duula walirratti bananiin waan ummanni rakkachuu hinqabneef kanarratti xiyyeeffannaan hojjetamuu qaban jedha.
Bara haaraa kanatti garaagarteen siyaasaa dhaabbilee gara garaa jidduu jiru hundi karaa nagaafi mariitiin xumuramee sagaleen rasaasaa tokkollee Oromiyaa keessatti akka hin dhagahamneef hunduu waadaa waliif galee hojii qabatamaanis mirkaneessuutu irraa eegama.
Bariisaa: Yeroo nuuf kennitaniif guddaa galatoomaa Sheeka keenna!
Sheek Jamaal: Isinis dhimma ummataarratti yaada keenya ummataaf dabarsuuf dhufuu keessaniif ulfaadhaa!
Bayyanaa Ibraahimiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 12 / 2016
5 Comments to “ “Ayaannonni torbaanota ittaananitti kabajaman biyyattiidhaaf madda abdii gaarii malee sodaa ta’uu hinqaban”- Sheek Jamaal Muusaa, Pirezidaantii Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Oromiyaa”
Comments are closed.