Waloomni keenya miidhaginaafi humna keenya

Qaam’ee ja’a Wiixata darbe jala bultii bara haaraa 2016tti ‘Guyyaa Waloomaa’ ta’ee sadarkaa biyyaafi naannolee Itoophiyaatti sagantaalee gara garaatiin kabajameera. Guyyaan kun sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessummaa Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatiin Finfinnee, Giddugala Aadaa Oromootti kabajameera.

Hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, miseensonni mana marii bakka bu’oota ummataa, hayyoonni, artistoonni, kutaaleen hawaasaafi saboonniifi sablammoonni biroon sirna kabaja guyyichaarratti argamaniiru. Barreeffama ka’umsa marii mataduree, ‘Oromoofi Walooma’ jedhuun dhiyaaterratti hundaa’uunis  marii bal’aan taasifameera.

Hogganaan Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo haasaa baniinsa taasisaniin akka jedhanitti, biyyi keenya waloomaan ijaaramte. Rakkoolee siyaasa, dinagdeefi hawaasummaa keessatti nu mudatan waldanda’uudhaan bira dabarree as geenye.

Ummanni Oromoo sabootaafi sablammoota biroo waliin ta’uun ijaarsa Itoophiyaa keessatti gumaacha olaanaa taasiseera. Waloomniifi tokkummaan sabootaafi sablammootaa cimaan ijaarsa biyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Qaam’een 6 ‘Guyyaan Waloomaa’ jedhamee jala bultii bara haaraatti sadarkaa biyyaafi naannootti kabajamuun waadaa walooma keenya akka haaressuuf nu gargaara jedhu.

Bara haaraa kanatti waloomaafi tokkummaa keenya caalaatti cimsuuf sabdaneessummaafi afdaneessummaa,  badhaadhina waloo keenya cimsuufi ida’amuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaa Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluus akka jedhanitti, Qaam’ee ja’a Guyyaa Waloomaa jennee jala bultii bara haaraatti kabajuun walooma, tokkummaafi  obbolummaa  keenya haaressuufi cimsuuf nu gargaara.

Oromoon aadaa waloomasaa ittiin ijaarratuufi hariiroo namaafi uumama waliin nagaan waliin jiraatu qaba. Waloomni gamtoomina, humna, tokkummaa, jaalalaafi waldanda’uu uuma. Oromoon aadaafi duudhaa waliin jiraachuu, waliin hojjechuu, waliif dhukkubsachuu, walbira dhaabbachuu, waliif yaaduu, kaaniif qooduufi hammachuu gabbataa qabu dhalootaa dhalootatti dabarsee asiin gaheera jedhu.

Garagarummaan keenya gama sabummaan, amantiin, afaaniin, eenyummaafi  ilaalcha siyaasaatiin qabnu miidhagina, humnaafi qabeenya keenya ta’uu qaba. Walooma dhugaafi ittifufiinsa qabu mirkaneessaa deemuuf walqixxummaa, obbolummaafi waliin ida’amuun daran murteessaadha.

Waloomni keenya humna keenya. Walooma keenya cimsuun nageenya waaraa buusuufi guddina hawaas-dinagdee keenya caalaatti mirkaneessuuf  gargaara. Waljibbuun, waltuffachuun, maqaa walxureessuun, walqooduun faallaa waloomaafi tokkummaa keenyaa  waan ta’aniif isaan kanarraa of eggachuu qabna jedhu.

Sadarkaa maatii, sabaafi biyyaatti waloomnee  rakkoolee hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaa nu mudatan waliin furachaa deemuu qabna kan jedhan Obbo Abdulhaakiim, waljibbuu, maqaa walxureessuu, holola sobaa walirratti oofuu keessaa ba’uu kan dandeenyu ammoo yoo waloomaafi tokkummaa keenya caalaatti cimsaachaa deemne qofa ta’uu hubachuu qabna.

Saboonniifi sablammoonni Itoophiyaa dhiigaan, ollummaan, dinagdeefi hawaasummaan walitti hidhamee jira. walooma, tokkummaafi walitti hidhamiinsa ummata biyyattii kana holola siyaasaafi seenessa sobaatiin walirraa adda baasuun hindanda’amu. 

Kanaafuu aadaafi duudhaa keenya Oromummaafi Itoophiyummaa keenya bu’uura godhachuudhaan tokkummaa keenya caalaatti dagaagsaa deemuu qabna jechuun ergaa dabarsaniiru. 

Inistitiyuutii  Qorannoofi Qo’annoo Oromootti Qorataan afaanii Kaadhimamaa Doktaraa Baqqalaa Buukkoo barreeffama ka’umsa marii mataduree ‘Waloomaafi  Oromoo’ jedhurratti dhiyeessaniin akka jedhanitti, Ormoon aadaa waloomaa  ittiin ijaarratu  qaba.

Jechi walooma jedhu  jecha waloo, waliin, atooma, tokkoomaa, jedhurraa kan madde yoo ta’u, waliigaluu, waljaalachuu, gamtoomuu, , firoomuufi tokkoomuu jechuudha Waloomniifi falaasamni ida’amuu kaayyoo walfakkaataa qabu. Lamaansaaniiyyuu jaalala, obbolummaa, firummaa, badhaadhina, nageenya, gamtooma, waliin jireenya cimsuun jibbiinsa, diinummaa, hiyyummaa, kophummaa, waraana ammoo hiri’isuuf kan gargaaran ta’uu eeru.

Waldanda’uun, obsa qabaachuun, waljaalachuun, waldeggaruun, mari’achuun, dhiibbaawwan gama hawaasummaa, dinagdee, siyaasaafi amantaatiin dhufu ittisuun duudhaalee walooma cimsuuf kan gargaaraniidha. Walooma jabeessuuf sadarkaa nama dhuunfaa, gareefi sabaatti waliigaluun barbaachisaadha. Yeroo tokko tokko namni sammuusaa faana walitti bu’a. Garaan lama na ta’e, deemu moo dhiisu! yeroo jedhu ni dhaga’ama. Kun sadarkaa nama dhuunfaattillee garaagarummaan jiraachuu agarsiisa jedhu. 

Akka Obbo Baqqalaan jedhanitti, waloommi garee fedhii namoota dhuunfaa hunda hinhaammatu. Waloommi sabaa garuu walooma dhunfaafi garee of keessatti hammata.

Kanaafuu waloomni sabaa bu’uura waloo tokko qaba. Kunis Oromoof  Oromummaa, Sirna Gadaa, Afaan Oromoo, Amantii Oromoo, Aadaa Oromoofi kkf ta’uu malu.  Haata’u malee, diinonni Oromoo garaagarummaa siyaasaafi amantii fayyadamuun walooma Oromoo diigaa turaniiru. Yeroo dhiyoo as garuu siyaasaafi amantiitti fayyadamuun walooma Oromoo diiguun hafeera jedhu.

Waloomni sabaa wabii eenyummaa, aadaa, afaan, qabeenya, amantaafi daangaa ta’uu qaba. Amantiifi siyaasni nuti hordofnu  sabummaa, eenyumma, aadaafi afaan saba keenyaa kan dagachisu, qabeenya saba keenyaa kan saamsisu ta’uu hin qabu. Garaagarummaan gama amantii, siyaasaafi barnootaatiin  mul’achuu malan walii kabajuun, walliin hojjachuuf, waliigaluun yaadama falaasama Ida’amuu walooma cimsuuf gargaaru ta’uu dubbatu.

Oromoon aadaa ittiin walooma, atooma, hawaasummaa, diagdee, nageenyaafi siyaasasaa ittiin tikfatu qaba. Oromoon waloomni furtuu waa hundaati jedhee amana. Oromoon jiruuf  jireenyasaa keessatti aadaa gamtaa, walooma tokkoomaafi atoomasaa ittiin cimsatu afooshaa, daboo, jigii, guuza, qaboo, daadoo, waanfalaafi kkf qaba. Oromoon yoo waloomni  jiraate jiruufi jireenyi ni milkaa’a jedhee amana jedhu Obbo Baqqalaan.

Afoolli meeshaa jiruufi jireenya Oromooti. Oromoon afoolaan jaalala, jibba, fedhii, mormiisaafi kan kana fakkaatan ibsata. Oromoon jiruufi jireenyasaa keessatti sirbaan, geerarsaan, weedduun, eebbaan, mammaaksaafi sheekkoodhaan waloomasaa ibsaa ture; jiras.

Fakkeenyaaf Weellisaa Nuhoo Goobanaa- “Tokkummaa…tokkummaa! Yaa ilmaan Oromoo!” jechuun, Doktarri Kabajaa Artisti Alii Birraa-  “Rabbimoo moo namumaa kan seera Jallisee? Haati keenya takkaa, maaltu addaan nu baasee?” jechuun, Weellisaa Zarihuun Wadaajoo- “Nu waliin dhaadanna hoo! walmalee malqabna hoo…” jechuun, Weellisaa Andu’aalam Gosaa- “Walooma walooma …” jedhanii sirbuun waloomni, tokkummaan, gamtaaniifi atoomni ummata  Oromootiif humna akka ta’e ibsaniiru. Kanaaf Oromoo dur irraa kaasee waloomuun barbaachisaa akka ta’ee ibsaa akka ture sirboota kunneen irraa hubachuun ni danda’ama jedhu Obbo Baqqalaan.

Oromoon waloomni humna, tokkummaafi milkaa’ina ta’uu mammaaksaan yoo ibsu “Walooman, warrooman. Jirbiin walgargaartee, arba hiiti. Mixiin walqabattee laga ceeti. Goondaan waliigaltee, leenca manaa baafti. Waliigalan, alaa galan. Mariifi marabbaan jiraannaan manneen mixii cidha galcha. Walooman manneen mixii cidha galcha. Walmari’annaan limmoo qottoo goona. Warra walta’e, buddeena tokkotu ga’a”  faayidaa waloomni,  waliigalteefi mariin qabu ibsa.

Namicha tokkotu ijoollee sadii qaba ture. Namichi kun gaaf tokko  ijoolleesaa sadan waamee ulee tokko tokko fidaa jedheen. Isa booda ulee fidanii dhufan sana cabsaa jedheen. Ijooleen sadanuu ulee fidanii dhufan sana cabsanii itti agarsiisan. Namichi deebisee ulee sadii akka fidan itti hime. Gaafa ijoolleen ulee sadii fidanii dhufan uleewwan sadanuu walirra kaa’ee “cabsaa” yoo jedhuun cabsuu dadhaban. Isa booda namichi ijoolleesaa sadaniin akkas jedhe. “Tokkummaa yoo qabaattan diinni salphaatti isin miidhuu ykn isin cabsuu hindanda’u” jechuun ijoolleesaa gorse jedhama.

Sheekkoodhuma walfakkaatuun sangoota sadiifi waraabessa tokkotu ture. Sangoonni sunis gamtaadhaan jiraatu turan. Bifti sangoota sanaa gurraacha, diimaafi adiidha. Sangoonni sadan diinasaanii gamtaadhaan ofirraa eegaa turan.

Gaaf tokko waraabessi sangaa diimaafi isa gurraacha qofaatti waamee diinni sangaa isa adii fagootti argee dhufee waan isin miidhuuf isarraa adda bahaa jiraadhaa jedheen. Sangoonni lamaan sangaa adiirraa adda bahanii jiraachuu jalqaban. Yeroo kana waraabessichi sangaa adii qofaatti argatee nyaate.

Waraabessichi guyyaa yeroo biraa  sangaa isa gurraacha waamee sangaa diimaan ati waliin jiraattu fagootti waan mul’atuuf diinni sababasaatiin dhufee waan si miidhuuf irraa adda bahi jedhee sangoota sadan adda baasee qofa qofaatti isaan nyaate jedhama. Sheekkoo kanarraa yoo waloon ykn gamtaadhaan jiraanne diinni nu miidhuu akka hindandeenye yoo adda bane ykn walqoodne ammoo diinni salphaatti nu miidhuu akka danda’u baranna jedhu.

Oromoon afoolasaatti fayyadamuun waa’ee waloomaa, jaalalaa, gamtaa, tokkummaa, obbolummaafi firummaa dhaloota barsiisaa tureera; jiras. Walooma keessa garaagarummaan jiraatus garaagarummaa jiru waliif kabajuun waloomaafi atooma  ijaaruun ni danda’ama. Walooma (atooma)fi tokkummaa keenya afaaniin qofa osoo hinta’iin gochaan agarsiisuu qabna. Waloomni guddina hawaasdinagdee keessatti  faayidaa guddaa akka qabu hubatanii hubachiisuun barbaachisaadha. Walooma keenya caalaatti cimsuuf duudhaa keenya ganamaatti haa deebinu jedhu Obbo Baqqalaan.

Looreet Artisti Yifiruu Goobanaa akka jedhanitti, walooma jechuun Oromoof haaraa miti. Jiruufi jireenyisaa walooma wajjin walitti hidhata. Oromoon yoo omishu jigii ykn daboodhaan hojjeta. Oromoon ganamaa kaasee aadaafi duudhaa waloomaa gabbataa qaba. Oromoon hammataadha yoo jennu akkasumatti lafaa kaanee miti.

Oromoon mucaa ormaa gatamte fuudhee harma hoosisee akka ilmoosaatti guddisee yoo du’u, ammoo alagaadha jedhee utuu dhalasaarraa hinfageessin qabeenyasaa dhaalchisa. Waloomni ibsituu Oromoof aadaafi eenyummaa Oromooti. Kanaafuu saboonniifi sablammoonni biroonis fakkeenyummaa kana Oromoorraa utuu qooddatanii gaariidha jedhu.

Oromoon saba guddaa  lafa bal’aarra qubatee jiruufi sabootaafi sablammoota biyyattii gara garaa waliin fuudhaaf heerumaan, amantaafi ollummaan waliin jiraatuudha kan jedhan Looreet Yifruun, garaagarummaan yaadaa, sabummaa, afaanii, amantii, ilaalcha siyaasaa keenya  mallattoo miidhaginaa keenya ta’uu qaba.

Sabbanni Waaqayyoo halluuwwan torba qaba. Halluuwwan torban walfaana baay’ee bareedu. Kanaafuu saboonniifi sablammoonni Itooophiyaa akkuma Sabbata Waaqayyoo sana yoo waliin ta’an bareedu; humnas qabaatu. Waloomni nagaa, tokkummaafi jaalalaan akka waliin jiraanu taasisa. Waloomni aadaafi dhuudhaa keenya ganamaa waan ta’eef itti deebi’uu qabna jedhu.

Saba Qabeenaarraa kan dhufan Obbo Sayid Ahmad akka jedhanitti, aadaafi duudhaan Oromoofi saba Qabeenaa walfakkaata. Sabni Qabeenaa akkuma saba Oromoo Abbaa Gadaa qaba. Waloomni biyya kana waliin ijaaruu keessatti gahee guddaa qaba.

Walooma keenya caalaatti cimsuuf ammoo Afaan walii keenyaa barachuufi aadaa walii keenyaa walii kabajuun barbaachisaadha. Biyyi kun kiyya qofa, aadaan kiyya qofatu caala yoo jenne ammoo biyyattiin ni diigamti. Biyyattii ceessisuuf walooma keenya caalaatti cimsuun waliin hojjechuu qabna jedhu.

Sabni Qabeenaa utuma afaan mataasaa qabuu %75 kan ta’u Afaan Oromoo ni dubbata kan jedhan Obbo Sayid, sabni Qabeenaa saba Oromoo waliin fuudhaafi heerumaan, jiruufi jireenyaan walitti hidhameera. Oromoon sabaafi sablammoota biyyattii biroo aadaafi afaansaa barsiisuu qaba. Afaan kamuu barachuun nama fayyada. yaada jedhuun kabajameera.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You