“Kaayyoon miseensa garee ‘BRICS’ ta’uu Itoophiyaa inni olaanaan dinagdeeshee guddisuurratti xiyyeeffata” – Biraanuu Danuu (PhD)

Keessummaan Gaazexaa Bariisaa maxxansa kanaa Yunivarsitii Finfinneetti, Barsiisaafi Hayyuu Dinagdee kan ta’an Doktar Biraanuu Danuu yoo ta’an, gaafdeebii isaan waliin dhimmoota dinagdee Itoophiyaarratti xiyyeeffachuun taasifne akka armaan gadiitti dhiyaateera.

Bariisaa: Bakka dhalootaa, haala barnootaafi muuxannoo hojii keessanii gabaabaatti utuu nuuf ibsitanii?

Doktar Biraanuu: Barumsa koo digirii tokkoffaa Yunivarsitii Finfinneetti baradheen Ikkonomiksiidhaan eebbifame. Digirii koo lammaffaa ‘UK’, Liivarpuulitti baradheen Baankiingi Faayinaansiifi Ikkonomiksiidhaan xumure. Digirii saddaffaa ammoo ‘University of Bremen, Germany’ irraa Ikkonomiksiifi Saayinsii Hawaasaatiin fudhadheera.

Yeroo ammaa Yunivarsitii Finfinneetti Kolleejii Bizinasiifi Ikkonomiksiitti, Ikkonomiksiidhaan Gargaaraa Pirofeesaraa, Leenjisaa Olaanaa Gabaa Kaappitaalaa, Baankiingiifi Faayinaansii akkasumas Gorsaa Bulchiinsa Pirojektota deebi’anii ijaaruu walittibu’iinsa boodaafi to’ataa qorannoo barattoota eebbaaf qophaa’anii ta’een hojjechaa jira.

Bariisaa: Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uunshee guddina dinagdee biyyattiif faayidaa akkamii qabaata?

Doktar Biraanuu: Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uunshee biyyoota gurguddoo akka Biraazil, Raashiyaa, Indiyaa, Chaayinaa, Afrikaa Kibbaa (BRICS)’ wajjin hariiroo gaarii uummachuushee agarsiisa. Kun ammoo nageenya biyyattiifuu baay’ee ni gargaara. Hanga ammaatti dinagdee Itoophiyaa of jala galchanii to’atanii kan jiran biyyoota Ameerikaafi Awurooppaa turan. Waantota hundatti sagalee guddaa kan qabaniifi kan hojiirra oolus kan jaraati. Gareen ‘BRICS’ hundaa’uun humna gartokkee ture kana xiqqooshee laaffisuu ni danda’a.

Jarris adeemsa isaanii ilaalanii akka of sirreessan ni taasisa. Ameerikaafi Awurooppaan biyyoota Afrikaa akka barbaadan gochuu barbaadu. Gareen ‘BRICS’ hundaa’uunsaa humna Ameerkaafi Awurooppaa laaffisuudhaan iddoo ofii akka beekaniifi biyyoonni isaan waliin hojjechaa turan isaan dhiisanii deemaa jiraachuu beekanii akka of sirreessan taasisa.

Biyyoonni garee ‘BRICS’ hundeessan dinagdeedhaanis ta’e lakkoofsa ummataatiin akka laayyootti kan ilaalaman miti. Biyyoonni miseensa garee ‘BRICS’ ta’an kanneen akka Saa’ud Arabiyaafi Iraan ammoo biyyoota boba’aadhaan qabeenya guddaa horataniidha.

Gareen ‘BRICS’ gara fuulduraatti nootii maallaqaa ofiisaa ni qabaata. Itoophiyaan miseensa garichaa ta’uun carraa maallaqichatti fayyadamuu akka qabaattu taasisuun dinagdee biyyattii guddisuu keessatti gumaacha guddaa qaba.

Dinagdeen Itoophiyaa biyyoota akka Ameerikaafi ardii Awuroopppaatiin hidhamee waan tureef meeshaaleen biyyattiin alaa galchitu harki caalaan biyyoota Ameerikaafi Awurooppaarraati.

Itoophiyaan miseensa garichaa ta’uunshee hariiroo biyyoota Ameerikaafi Awurooppaa waliin qabdu kan laaffisu utuu hintaane iftoomina, walqixxummaafi faayidaa waliinii kabajanii waliin akka ittifufan kan taasisuudha. Itoophiyaan miseensa garee ‘BRICS’ ta’uunshee garicha waliinis ta’e biyyoota Ameerikaafi Awurooppaa wajjin hojjechuuf carraa bal’aa akka qabaattu taasiseera. Kaayyoon miseensa garichaa ta’uu Itoophiyaa inni olaanaan dinagdee biyyattii guddisuurratti kan xiyyeeffatuudha.

Kaayyoon Itoophiyaa inni guddaan faayidaa sabaafi biyyattii kabachiisuurratti hundaa’uun hunda waliin hojjechuudha malee gar tokko qofatti luucca’uu miti. Biyyoonni miseensa garichaa ta’an kanneen akka Chaayinaa warra Ameerkaafi Awurooppaa waliin gama dinagdee, daldalaafi teknolojiitiin dantaa baay’ee waan qabaniif wajjummaan hojjechaa jiru.

Itoophiyaanis garicha waliinis ta’e biyyoota Ameerikaafi Awurooppaa waliin karaa walqixxummaafi faayidaa biyyattii eegsisuun waliin ni hojjetti. Kun biyya keenyaaf carraa lama baneera. Biyyattiin omisha ishee biyyoota Chaayinaa, Raashiyaafi Saa’ud Arabiyaafi kanneen biroof akka dhiyeessitu taasisuun carraa gabaa bal’aa uumaafi. Hariiroo Itoophiyaan biyyoota Ameerikaafi Awurooppaa waliin qabdus utuu hin hir’atin cimee kan ittifufu ta’a.

Itoophiyaan biyyoota addunyaa guddachuuf carraa bal’aa qaban keessaa ishee tokko. Nuti warri waa’ee dinagdee baranne dhimmoota dinagdeerratti imaammata baafnee biyyoota hunda waliin hojjechuu qabna. Gareen ‘BRICS’ gara fuulduraatti guddachaafi babal’achaa deemuun addunyaarratti dhageettii cimaa horachuu waan danda’uuf waliin deemuufi socho’uun daran barbaachisaadha. Guddina dinagdee Itoophiyaa mirkaneessuuf omishaafi omishtummaa guddisuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu qaba.

Biyyoonni garee ‘BRICS’ hundeessan kanneen akka Chaayinaa dinagdeedhaanis ta’e teknolojiidhaan baay’ee deemaniiru. Itoophiyaan miseensa garichaa ta’uusheetiin carraa teknolojiiwwan jaraa argachuufi ittifayyadamuu bal’aa ni qabaatti. Hindi teknolojiidhaanis ta’e humna nama baratee qabaachuudhaan biyya guddoodha.

Chaayinaafi Hindi biyyoota baay’ina ummataa biliyoona tokko, tokkoo waliigalatti biiliyoona (lamaa) ol qabaniidha. Meeshaalee adda addaa biyyoota kanneenirraa bituu qofa utuu hintaane, omishaalee isaanitti gurgurruun galii keenya guddisuurrattis xiyyeeffannee hojjechuu qabna. Miseensa garichaa ta’uun Itoophiyaa wantoota baay’eedhaaf nu fayyada.

Bariisaa: Biyyoota miseensa ‘BRICS’ ta’uuf gaafatan keessaa Itoophiyaan ulaagaa akkamiin filatamte?

Doktar Biraanuu: Itoophiyaan teessoo Gamtaa Afrikaafi dippilomaatota biyyoota addunyaa gara garaati. Karaa dippilomaasiitiin yoo fudhannes biyya akka laayyootti ilaalamtu miti. Itoophiyaan biyyoota Afrikaa baay’ee dhaga’aman keessaa ishee tokko. Seenaadhaanis yoo ilaalle, Itoophiyaan humna kolonii loltee injifachuun warraaqsa biyyoonni Afrikaa adda addaa bilisa ba’uuf taasisaa turan deggaraa turte.

Itoophiyaan yeoo dhiyoo as biyyoota addunyaa guddina dinagdee si’ataa galmeessisaa jiran keessaa tokko ta’uu Baankiin Addunyaafi Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa yeroo gara garaa gabaasaa turaniiru. Tarkaanfii Itoophiyaan sagantaa ‘Ashaaraa Magariisaa’ milkeessuuf fudhataa jirtus hojii addunyaarratti qabxii guddaa kennisiisa.

Itoophiyaan jaarraa baay’eedhaaf biyya mootummaa mataashee dhaabdee rakkina itti dhufu keessaa ba’uudhaan biyya tokkummaashee eegdee turteedha. Sochii yeroo ammaa biyyattii dimokiraatessuuf taasifamaa jiruufi kanneen biroon walitti ida’amanii biyyattiin miseensa garee ‘BRICS’ taatee akka filatamtu taasisaniiru.

Itoophiyaan karaa seenaa, dippiloomaasiifi guddina dinagdeetiin biyyoota miseensa garichaa ta’uuf gaafatanirra ni wayyiti. Itoophiyaan qabeenya uumamaa guddaafi lafa qonnaa bal’aa isheerra darbee biyyoota biroo fayyadu waan qabduuf gara fuulduraatti kana caalaa guddachuuf carraa bal’aa qabdi.

Bariisaa: Guddina dinagdee Itoophiyaa caalaatti fooyyessuuf maalirratti xiyyeeffatamuu qaba?

Doktar Biraanuu: Guddina dinagdee Itoophiyaan galmeessisaa jirtu caalaatti si’eessuuf omisha qonnaa qofa utuu hintaane damee indastirii, tajaajila, tuurizimiifi kanneen biroo babal’isuurratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaadha; rakkoon nageenyaa bakka gara garaatti mul’atus mariin furamuu qaba. Rakkoon nageenyaa bu’uuraalee misoomaa kanaan dura hojjetaman barbadeessuufi hojiileen misoomaa haaraan akka hinhojjetamneef ammoo gufuu ta’uudhaan dinagdee biyyaarratti dhiibbaa guddaa geessisa waan ta’eef dafee furamuu qaba.

Waraanni bajata guddaafi humna dargaggoota biyya misoomsaniifi ijaaranii guddaa waan barbaaduuf nageenya buusuun hojii waan hundumaa dursuu qabuudha.

Kan nagaa barbaaduu wajjin nagaa buusuun, kan nageenya hin barbaanne ammoo nageenya ummataafi biyyattii akka hin booressineef mootummaan ittigaafatamummaasaa bahachuufi olaantummaa seeraa kabajchiisuu qaba. Omishaafi omishtummaa guddisuun dinagdee biyyattii caalaatti si’eessuuf humna namoota hojiirratti babba’anii leenjisanii qopheessuunis baay’ee barbaachisaadha.

Karaa gara biraa ammoo dargaggootaaf carraa hojii bal’aa uumuunis barbaachisaadha. Mootummaan dargaggoota waggaa waggaan yunivarsitiiwwan gara garaa irraa eebbifamanii ba’an hunda miindessuu waan hindandeenyeef hojii dhuunfaasaanii akka ummataniif maallaqaafi bakka hojii dhiyeessuufii qaba. Dargaggoota bal’inaan gara hojiitti galchuun nageenya buusuufis ta’e misoomaafi guddina dinagdee biyyaa si’eessuu keessatti gahee olaanaa qaba. Yeroo baay’ee walitti bu’iinsa keessa kan galu nama hojii hiikee jiruudha.

Guddina dinagdee biyyattii si’eessuuf tajaajilli mootummaadhaan kennamus fooyya’uu qaba. Mootummaan tajaajilasaa fooyyessuuf yaalii cimaa taasisaa jiraatus humni ibsaa yeroo gara garaa addaan ciccitaa jira. rakkoon kun Finfinnee keessattiyyuu yeroowwan adda addaa mul’achaa jira. Humni ibsaa addaan cituun ammoo hojiirratti dhiibbaa guddaa waan qabuuf rakkoon tajaajila ibsaarratti mul’atu dafee furamuu qaba. Humni ibsaa addaan ciccituun hanqina humna ibsaarraa utuu hintaane hojmaatnisaa rakkoo waan qabuuf kenniinsa tajaajila ibsaa kana fooyyessuun barbaachisaadha.

Keessumaa tajaajiloota fayyaa, ibsaa, bishaaniifi mana barnootaa daran fooyyessuun barbaachisaadha. Yaalii mootummaan tajaajilasaa fooyyessuuf taasisaa jiru cimee itti fufuu qaba. Hojjettoonni mootummaas ta’e dhuunfaa tajaajiloota adda addaa kennan naamuusa hojii qabaachuu, sa’aatii hojii kabajuufi tajaajila guutuu ummataaf kennuu qabu. Waajjiraaleen mootummaas ta’e dhuunfaa hojjettoonnisaanii naamusa hojii akka gabbifatan taasisuu qabu.

Dippiloomaasiin dinagdee Itoophiyaan biyyoota alaa hunda waliin qabdu nageenya, walqixxummaan fayyadamuufi kennanii fudhachuurratti hundaa’uun cimee ittifufuu qaba. Hariiroo biyyoota hundumaa waliin qabnu caalaatti cimsuufi nagaan waliin jiraachuun baay’ee barbaachisaadha. Hariiroo biyyoota addunyaa waliin qabnu cimsuun omishaalee biyyoota alaarraa galchinuufis ta’e omishaalee keenya biyyoota gara garaatti erguuf carraa bal’aa uumuun galii keenya guddisuu keessatti gahee guddaa qaba.

Bariisaa: Ittifayyadamni teknolojii guddina dinagdee keessatti gahee akkamii qaba? Sadarkaan ittifayyadama teknolojii biyya keenyaa kan biyyoota biroo waliin yoo madaalamu maal fakkaata?

Doktar Biraanuu: Yeroo ammaa dinagdee, misoomaafi teknolojii adda baafnee ilaaluun hindanda’amu. Waan hundumaa fuulduratti kan tarkaanfachiisu teknolojiidha. Teknoloojii yoo jennu akkaataa itti misoomaafi omisha keenya itti adeemsifnu ilaallata. Teknolojiin bakka adda addaa teenyee akka walquunnamnu taasiseera. Teknoloojii jechuun yaadaa haaraafi waan haaraa fayyadamuun akkamitti lafa xiqqoorraa omisha guddaa arachuu dandeenya jennee kan itti fayyadamnuudha.

Teknolojiin qabeenya uumamaa Rabbi nuuf kenne baay’ifnee utuu hinballeessin akkamitti waan xiqqoorraa waan guddaa arganna kan jedhuudha. Teknolojiin hojii qonnaa, indastirii, barnootaa, fayyaa, ibsaa, bishaanii, daandiifi kaffaltiiwwan adda addaa raawwachuu keessatti daran nu barbaachisa.

Teknolojii dijitaalawaa fayyadamuunis baay’ee barbaachisaadha. Teknolojiin kun faayiloota waraqaadhaan jiran dijitaalessuuf gargaara. Mootummaan Itoophiyaa teknolojii dijitaalawaa kana babal’isuuf karoora waggoota kudhanii baafatee hojjechaa jira. Biyyoota Afrikaa hunda caalaa ‘Intalajansii Artifiishaalaa’ hojiirra oolchuunis dura Itoophiyaatti jalqabame. Kun Itoophiyaan gama teknolojii dijitaalawaa babal’isuutiin yaalii cimaa taasisaa jiraachuushee agarsiisa. Yaaliin kun kanarra babal’atee itti fufee jennaan guddina dinagdee baay’ee cimaa nuuf fiduu danda’a.

Ittifayyadama teknolojii Itoophiyaa biyyoota addunyaa gara garaa waliin walbira qabnee yoo ilaallu, biyyoota tokko tokkorra wayyinus ammayyuu hojii baay’ee nu gaafata. Baay’ina ummata biyya keenyaa miliyoona 120 ta’u keessaa hangamtu intarneetii fayyadama, hammamtu bilbila mobaayilii fayyadama jennee yoo ilaallu, biyyoota tokko tokkorra fooyyofnus kan keenya baay’ee gad bu’aadha. Namoonni akkuma faayidaa teknolojii hubachaa dhufaniin baay’inaan gara teknolojicha fayyadamuutti dhufuu danda’u.

Ittifayyadamni bilbila mobaayilii akkuma babal’ataa deemu ittifayyadamni intarneetiis babal’ataa deema. Teknolojiin kun babal’achuun seeraafi qajeelfama mootummaan baase ummanni karaa bilbila mobaayilii argatee akka dubbisuufi hubatu taasisa. Teknolojiin kun mootummaan odeeffannoo barbaachisu dafee ummata biraan akka ga’uufis ni fayyada.

Teknolojii kana fudhachuurratti sammuun nama tokko tokkoo banaadha. Namni tokko tokko ammoo suuta suuta erga faayidaasaa hubatee booda fudhachuu danda’a. Teknolojiin namoota hunda fayyada waan ta’eef namoota teknolojii fudhachuurratti suuta jedhan karaa miidiyaafi mana barumsaa dafanii baratanii akka ittifayyadaman gochuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Dargaggoonni misoomaafi guddina biyyaa keenyaa mirkaneessuu keessatti gahee isaanirraa eegamu akka bahataniif maal gorsitu?

Doktar Biraanuu: Baay’ina ummata Itoophiyaa miliyoona 120 ta’u keessaa %65-70 kan ta’u umurii dargaggummaa keessatti argamu jechuun ni danda’ama. Kun biyyattiin humna dargaggootaa guddaa kan qabdu ta’uu agarsiisa. Itoophiyaan biyya dargaggootaa waan taateef dargaggoonnis biyya kooti jedhanii fudhachuu, biyyattii eeguu, misoomsuufi guddisuuf socho’uu qabu. Namoonni wantoota hintaaneen qalbii dargaggootaa karaa nagaarraa maqsan darbanii darbanii ni mul’atu. Dargaggoonni garuu qilleensa qilleensa’u faana socho’uu utuu hintaane kan isaan baasu, isaanis ta’e maatiifi biyya isaanii fayyadu adda baafatanii beekuu qabu.

Dargaggoonni gaaffiifi komii qaban karaa nagaan mootummaaf dhiyeessuu qabu. Karaa hintaaneen dargaggoota, maatii, ummataafi mootummaa burjaajessuun waan fidu tokko hinqabu. Kanaafuu dargaggoonni keenya waan isaan baasu adda baasanii beekuu qabu. Kan hunda keenya baasu karaa nagaan socho’uudha. Dargaggoonni gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeeffachuufi deebiisaa eeggachuu qabu. Hoggantoonni mootummaa sadarkaa sadarkaan jiranis gaaffii daraggootaa deebisuuf dammaqanii hojjechuu qabu.

Karaa gara biraa ammoo dargaggoonni gurmaa’anii hojjechuu qabu. Dargaggoonni gurmaa’anii bakka bu’aa filatanii karaa bakka bu’aasaanii sagaleessaanii dhageessifachuu danda’u. Dargaggoonni naannawaa isaanii eeguun karaa nagaafi seeraan kan kan socho’an yoo ta’e nageenyi ni bu’a. Nagaan buunaan dargaggoonni hojiilee adda addaarratti hirmaatanii hojjechuu, mootummaa, maatiifi hawaasarraas deggersa gara garaa argachuu danda’u. Kanaafuu dargaggoonni keessumaa nageenya biyyaa eegsisuurratti gahee guddaa isaanirraa eegamu bahachuu qabu.

Gurmaa’uufi barachuun dargaggootaaf baay’ee barbaachisaadha. Dargaggoonni keenya barumsaafis ta’e carraa hojii uumame hundumaatti fayyadamuufi hojii kamirrattiyyuu hirmaachuuf of qopheessuuu qabu. Dargaggoonni yeroosaanii araadawwan gara garaa (jimaa qama’uu, dhugaatii alkoolii dhuguufi qumaararratti) balleessuurraa of qusachuu qabu. Har’a yeroosaanii wantoota hintaanerratti qisaasessuun jireenya egereesaanii waan balleessuuf har’a yeroosaaniitti sirriitti fayyadamuu qabu.

Dargaggoota humna misoomaa ta’anitti fayyadamuun guddina dinagdee biyyaa si’eessuu keessatti gahee guddaa waan qabuuf mootummaan dargaggoota bal’inaan hojiitti galchuu, gaaffiisaanii deebisuufi deggarsa barbaachisu taasisuufiirratti xiyyeeffatee hojjechuu qaba.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif baay’ee isin galateeffanna.

Doktar Biraanuu: Isinis galatoomaa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You

4 Comments to “ “Kaayyoon miseensa garee ‘BRICS’ ta’uu Itoophiyaa inni olaanaan dinagdeeshee guddisuurratti xiyyeeffata” – Biraanuu Danuu (PhD)”

  1. Pingback: Funnel Authority
  2. Pingback: thailand tattoo

Comments are closed.