Humna jiru qindeessuun karoora xiiqii milkeessuu

Karoora guddina biyyaa milkeessuun baajata mootummaafi tumsa qaamolee muraasaatiin qofa kan hindandaa’amne ta’uu dursee kan adda baase Mootummaan Naannoo Oromiyaa humnoota waloo hundeessuun labsiin raggaasisee inisheetiiviiwwaniin tumsee hojiilee garaa garaa hojjechaa jira.

Labsiiwwan hundeessa humnoota Waloo Caffee Oromiyaatiin ragga’uun hojii irra oolaa jiran kunneenis misooma waloof Tajaajila lammummaa, Haqa Waloof Mana Murtii Aadaa, nageenya waloof Gaachana Sirnaafi rakkoo hawaasummaa waloof Buusaa Gonofaati.

Humnoota waloo kanaanis galmoonni gurguddoon akka biyyaafi naannoo keenyaatti qabaman saffisaan milkaa’aa kaayyoon faayidaa uummataa dhugoomsuus ittiin raawwatamuu danda’ee jira.

Hojiin Tajaajila lammummaa erga eegalamee as Manneen Barnoota Bu’ura Boruu kuma 11,012  ol ijaaramanii xumuramuun tajaajilaaf oolaniiru. Manneen harka qalleeyyii haaraa 87,500 ol ijaaramuun kuma hedduun ammoo suphamee harka qalleeyyiif dabarsuun kennameera. Biqiloonni tajaajila adda addaaf oolan Biliyoonni 18 olis dhaabamaniiru. Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa harka qalleeyyii miliyoona 1.5 oliin kan bitame yoo tau dhiigni yuuniitiin 134,476 arjoomameera. 

Buusaan Gonofaa Oromiyaa hundeeffamee waggoota lama keessatti miseensota miliyoona 15.3 ol horatee Oromoon duudhaa isaa ganamaatti akka deebi’u daandii ta’uu isaatiin cinatti sababoota uumamaafi namtolcheen lammilee rakkoof saaxilaman kumaatamaaf gaaddisa tauu danda’eera. Humni waloo tokkummaa Oromoo cimsee miira wal tumsaasaas gabbisee daangaa hanga daangaatti walbira dhaabbachuu dandauu keenya mirkaneesseera.

Humna walootiin nageenya waloo mirkanaa’e qabaachuun guddina siyaas dinagdeefi hawaasummaa biyya tokkoof murteessaa ta’uun hubatamee hojii hojjetameen ummanni Gaachana Sirnaan naannoo isaa eeggachaa hojiin misoomaafi ijaarsi sirna jabaa uummataaf tau uummataan eegalame cimee akka itti fufu ta’eera.

Haqni uummataa dabuun, kakaan sobaan baay’achuufi haqni uumaafi uumamaa dagatamaa dhufuun gufuu guddina duudhaafi aadaa Oromoo ta’uun hubatamee falli isaammoo Mana Murtii Aadaa akka ta’e kan hubate Nootummaan Naannoo Oromiyaa Haqa Waloof Mana Murtii Aadaa hundeesse.

Hundeeffamuun Mana Murtii aadaa haqa abbaa haqaaf deebisee dhara saaxilee kabaja eenyummaa ganamaa ulfeessee olkaaseera. Haqa mirkaneessuu cinatti uummanni keenya fagoo osoo hin imalin, baasiifi dadhabbii humnaan oliif osoo hinsaaxilamin aadaafi duudhaa isaatti deebi’ee qe’ee isaatti haqa isaa isa sirrii akka argatu ta’eera.

Tarkaanfileen kunneen qormaataawwan gara carraatti jijjiiruun milkaainootaa saffisiisee imala gara badhaadhinaattiifi namooma jaalala dhugaan tumsee duudhaa keenyaan guddina qabatamaa galmeessaa jira. Kana malees, ilaalama fuulduree milkeessee guddina akka biyyaafi naannoo keenyaatti karoorfame dhugoomsuun birmadummaa keenya dafqa keenyaan guutuu taasisaa kan jiru humna waloo keenyadha.

Mootummaan naannoo Oromiyaa humna walootiin Oromiyaa jabduu ijaaree Itoophiyaa sabdaneettii utubee gaanfa Afrikaa tasgabbeessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akkuma jiru uummanni keenya milkaa’ina argame bulfachaa, nageenya isaa tikfachuufi waloomina isaas cimsachuun karoora xiiqii bara 2016 hojii qabatamaatti jijjiiree hiyyummaa seenaa taasisuu keessatti gumaacha isaa akka taasisu waamicha dhiyeessina. BKO

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “Humna jiru qindeessuun karoora xiiqii milkeessuu”

  1. Pingback: my review here

Comments are closed.