Ummanni Oromoofi saboonni, sablammoonni ummattoonni Itoophiyaa milkaa’uu guutinsa bishaanii marsaa 4ffaa Pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaatiin baga gamaddan baga gammadne!
Hidhi Haromsaa Guddichaa tokkummaan uummata keenyaa kan itti mul’ate injifannoo Aduwaa 2ffaa Itoophiyaati. Dhiibbaa gara garaa keessaafi alaan irratti godhamaa ture dandamachuun ijaarsi pirojjektii kanaa sadarkaa bishaan marsaa 4ffaaf guutamuu irra gahuunsaa injifannoo olaanaa jaarraa kanaa biyyi keenya gonfatteedha.
Injifannoon argame kunis injifannoo hoggansa jijjiramaan dhufe yoo ta’u, hoggansi jijjiramaa amma biyya bulchaa jiru ijaarsa pirojjektichaa bakka du’ee kaasee lubbuu itti horuun sadarkaa kanaan gahuuf aarsaa guddaa kaffaleera. Uummanni naannoo Oromiyaas saboota, sablammootaafi uummattoota biyyattii waliin ta’uun bittaa boondiifi arjoomaan hanga har’aatti deggersa olaanaa ijaarsa pirojjektii kanaatiif taasiseen milkaa’inni har’aa kun argamuu danda’eera.
Biyyi keenya liqiifi deggersa biyya tokkoo malee Pirojjektii sadarkaa adunyaatti beekamu ijaaruu danda’uunshee gootummaa kalleessaa har’ammoo dirree misoomaatti irra deebi’uushee mul’isa. Lammiileen biyyattis hirmaannaafi gumaata guddaa ijaarsa pirojektii guddicha kanaaf godhaniin fedhiifi xiiqii misoomaaf qaban adunyaatti agarsiisaniru. Hirmaannaa ijaarsa kanaaf godhame keessaattis uummanni naannoo Oromiyaa gahee dachaa fudhachuun hoggansa kennuu irraa kaasee qabeenya, humnaafi beekumsa isaa osoo hin waakkatin milkaa’ina ijaarsa pirojektii kanaaf qooda guddaa gumaacheera.
Gaaffiin misoomaa uummanni keenya qabu akka furamuu akkasumas imalli gara badhaadhinaatti godhamu akka milkaa’uu ijaarsa pirojjektii Hidha Haaromsa Guddichaa xumuruun yeroo murteessa ta’erra geenyee jirra. Dhaloonni haaraanis injifannoo xiiqeffannaafi tokkummaa lammilee biyyatiitiin dhufe kana muuxannoo godhatee hiyyummaa seenaa gochuuf tokkummaan hojjechuu qabaata.
Kanaafuu Uummanni Naannoo keenyaafi saboonni, sablammoonni uummattoonni Itoophiyaa milkaahuu guutinsa bishaanii marsaa 4ffaatiin baga gamaddan jechaa, ummanni keenya akkuma kalleessaa deggersa ijaarsa pirojektiichaatiif godhu cimsee akka ittifufu waamicha dhiheessa.
Waajjirra pirojjektii Qindeessaa Hirmaannaa Uummaataa Hidha Haromsaa Guddicha Naannoo Oromiyaa! BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
7 Comments to “ Ibsa Waajjirra pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummaataa Hidha Haaromsaa Guddicha Naannoo Oromiyaarraa kenname”
Comments are closed.