Finfinnee: Bara bajataa 2016 Shaggaritti carraa hojii namoota kuma 180f uumuuf karoorfachuu Waajjirri Carraa Hojii Uumuufi Ogummaa Magaalichaa beeksise.
Hogganaan waajjirichaa Obbo Wandoosan Taammiruu ibsa addatti Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, carraa hojii danuu uumuuf Shaggar magaalaa carraa guddaa qabduudha.
Magaalaan Shaggar bakka argama industiriiwwan guguddoofi albuudota garagaraa waan taateef kanatti fayyadamuun carraa hojii baay’ee uumuuf karoora hiixataa qopheessuun hojiitti kan galame akka ta’u ibsaniiru.
Karoora kana galmaan gahuuf waajjirichi akaakuuwwan inisheetivii kanneen akka inisheetivii industirii godoo, horsiisa beeladaa, omisha dammaa, horsiisa booyyee, albuudaafi horsiisa qurxummiitti fayyadamaa jira.
Akka baroota darbanii osoo hintaane amma magaalattiin poteenshaala duguugdee ittifayyadamaa jirti kan jedhan Obbo Wandoosan pirojeektonni bara bajataa kana gara hojiitti galan keessatti qofa carraa hojii kuma 100 uumuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Hojii albuudaarrattis hojii dhabdootaaf carraa hojii uumuuf magaalattiin potenshaala guddaa qabdi jedhanii, kanaafis waajjirichi qooda fudhattootasaa waliin ta’uun qabeenya albuudaa kanaan dura abboottii qabeenyaa maxxanaa tokko tokkoon qabame harka baasuun hojii dhabdoota irratti gurmeessaa jirra jechuun ibsaniiru.
Shaggar magaalaa ummatni Oromoo keessatti qabeenya horatu ni taasisna kan jedhan ittigaafatamtichi, magaalittiin hundeeffamtee ji’a sadii keessatti hojii dhabdoota kuma 117f carraa hojii uumuu danda’uushiis eeraniiru.
Raawwii bara bajataa 2015 faana walbira qabanii oggaa ibsanis, qabatee bara baajatichaatti waajjirichi liqii miliyoona 418fi sheeddii 1,400 intarpiraayizootaaf dhiyeessera. Intarpiraayizotni kunniin qarshii miliyoona 55 akka qusatanis taasifameera jedhan.
Seektaricha keessatti baayomeetirikitti fayyadamuun ragaa qabachuun malaammaltummaafi alseerummaa mul’achuu malu hambisuuf hojjetamaa jiraachuus himanii, baayomeetiriin namni tokko maqaa tokkoofi ashaaraa tokkoon iddoo lamaafi isaa olitti akka hingurmoofne kan dhorkuudha jedhan.
Hoji dhabdummaan rakkoo nageenyaafi rakkoo sirnaati kan jedhan Obbo Wandoosan, dhugaa kana yaada keessa galchuun hoji dhabdummaa hir’isuuf hojii waggaa 15 waggaa shan keessatti hojjechuuf kalaqaafi teknolojiitti fayyadamuun kutannoon hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Raawwii bara 2015n akka Oromiyaatti magaalichi 1ffaa bahuun irra deddeebiin magaalota Oromiyaa birootiif muxannoo qoodaa jiras jedhaniiru.
Taammiruu Raggaasaatiin
BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015
4 Comments to “ Bara Bajataa 2016 Magaalaa Shaggaritti carraa hojii namoota kuma 180f uumuuf karoorfame”
Comments are closed.