Bara 2016tti Hidha Abbayyaatti yuunitii shan dabalataan eegalchiisuuf hojjetamaa jira -Oromiyaarraa ijaarsa hidhichaatiif qarshii biliyoonni 4.9 ol gumaachameera

Finfinnee: Hidha Abbayyaatti abdii guddaadhaan eeggamaa ture guutiinsi bishaanii yeroo afraffaan guutamuun ni yaadatama.

Hogganaan Ijaarsa Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa Injiinar Kiflee Horroo qondaaltota olaanaa mootummaa bakka sanatti argamaniif ibsa kennaniin, ijaarsi Hidhichaa tarkaanfachaa akka jiru ibsaniiru.

Hidhichi kutaa bitaa, mirgaafi gidduu kan qabu yoo ta’u, kutaan bitaafi mirgaa hidhichaa sadarkaa 635 hanga 645 gidduutti akka ta’u injinaroonni himaniiru. Kutaa bitaafi mirgaa xumuruuf meetira sagal hanga kudhanii qofa akka barbaachisus beeksisaniiru.

Hidhichaa kutaa giddu galeessaa xumuruuf meetira 20 akka hafe dubbataniiru. Hidhichi kutaan giddu galeessaa waggaa tokko booda akka xumuramu beeksisaniiru. Hojiin hafe riqicha gama bitaafi mirga hidhichaa walqunnamsiisu ijaaruu akka ta’e eeraniiru. Ji’a afur booda gama mirgaafi bitaa hidhichaa sadarkaa 645 akka gahus beeksisaniiru.

Hidha kana irratti dhaabbileen elektiroo-makaanikaal hojjetamaa akka jiran kutaan injinariigii beeksiseera; Hidhichi yeroo ammaa yuunitii lama waliin oomishaa kan jiru yoo ta’u, bara 2016tti yuunitii shan dabalataan hojiitti galchuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Bara haaraatti Hidhicha walumaagalatti yuunitii torba ni qabaata jedhameera.

Oduudhuma walqabateen, milkaahuu guutinsa bishaanii marsaa 4ffaa Pirojektii Hidha Haaromsa Guddichaa ilaalchisee, pirezdantii ittaanaafi walittiqabaa mana maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ergaa gammachuu dabarsaniiru.

Dhiibbaa gara garaa keessaafi alaan irratti geggeefamaa ture dandamannee pirojektiin kun sadarkaa kanarra gahuunsaa injifannoo olaanaa Adwaa 2ffaa jaarraa kana biyyi keenya gonfatteedha jechuun ibsaniiru.

Pirojektii kanarraa ummannii biyya keenyaa bakka abdii kutatetti geggeessaan jijjiramaa bakka du’ee kaasee sadarkaa kanaan gahuunsaa injifannoo amma argame kanaaf abbaa kan ta’uus ibsaniiru.

Ummanni naannichaa simannaa waancaa hanga xumura 2015tti bittaa boondii, arjoomaafi 8100A dhaan qarshii biliyoona 1,859,406, 050 gumaachuus eeraniiru.

Pirojektiin hidha haaromsaa guddichaa umurii dheeraa akka qabaatu, biyyoon akka hinguutamnee, lageen guguddoo 11 Oromiyaa keessaa gara hidha haaromsaatti yaa’an akka hingogneef hojiin misooma sulula hidha haaromsaa bara 2015tti lafa hektaara 3,185,331 irratti ummanni 9,369,719 akka hirmaachuus ibsaniiru. Hirmaannaan ummataa kunis qarshiitti yeroo shallagamu biliyoona 8,885,142,119 ta’a jedhan.

Eega ijaarsi pirojektii kanaa jalqabamee ummanni naannoo Oromiyaa bittaa boondii, arjoomaafi 8100Adhaan waliigala qarshii 4,992,945,779 deggersa olaanaa gumaachuunis ibsameera.

Pirojektiin hidha haaromsaa guddichaa umurii dheeraa akka qabaatu naannoo Oromiyaatti hojiin misooma sulula hidha haaromsaa hanga ammaatti waliigala qarshii biliyoona 56,685,142,119 tilmaamamu hojjetameeras jedhan.

Ummanni naannichaa ijaarsa pirojektii kanaa xumuraan gahuuf akkuma kalleessaa hirmaannaasaa cimsee akka ittifufu waamicha dhiyeessaniiru.

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You

One Comment to “ Bara 2016tti Hidha Abbayyaatti yuunitii shan dabalataan eegalchiisuuf hojjetamaa jira -Oromiyaarraa ijaarsa hidhichaatiif qarshii biliyoonni 4.9 ol gumaachameera”

Comments are closed.