Oromiyaatti yaa’iinsi turistii biyya keessaafi alaa dabalaa jira

Biiroon Aaadaafi Turizimii Oromiyaa sektaroota isa jala jiran Komiishinii Turizimii Oromiyaa, Giddugala Aadaa Oromoofi Inistiitiyuutii Qorannoo Oromoo waliin ta’uun torban darbe raawwii hojii bara 2015fi kallattii hojii baranaarratti mari’ateera. Waltajjicharratti raawwiin hojii bara darbeefi kallattiin hojii baranaa dhiyaatee hirmaattotaan marii bal’aan irratti taasifameera.

Hogganaan Biiroo Aaadaafi Turizimii Oromiyaa Obbo Huseen Fayyisoo akka jedhanitti, biirichi bara 2015 gama aadaafi turizimiitiin  hojiilee gurguddoo raawwateera. Hojiilee gama kenna tajaajilaatiin raawwatamaniinis bu’aawwan gurguddoon galmaa’aniiru. Ciminootaafi hanqinoota bara darbee adda baasuudhaan ciminoota jiran ittifufsiisuufi hanqinoota ammoo guutaa deemuun kallattii hojii ijoo bara 2016 ta’uus eeraniiru.

Hojii Inistiitiyuutiin Qorannoo Oromoo bara darbe gama aadaafi seenaa Oromoo qorachuutiin taasisaa tureen bu’aawwan gurguddoon seenaa dabe sirreessuuf gargaaraniifi aadaa Oromoo guddisuuf gargaaran hedduun galmaa’uu kan himan Obbo Huseen, inistiitiyuutichi kitaabolee adda addaa qopheessuun hojii dhalootaaf darbu hojjechaa jira. Inistiitiyuutichi hojiilee gama hundaan raawwachaa jiru cimsee itti fufuu akka qabus yaadachiisaniiru.

Giddugalli Aadaa Oromoo bara darbe Baandii Biiftuu Oromiyaa fayyadamuudhaan  hariiroo ummanni Oromoo sabootaafi sablammoota biroo waliin qabu caalaatti cimsuuf hojii guddaa hojjechaa turuu himanii, Komiishiniin Turizimii Oromiyaas gama qabeenyawwan hawwata turizimii beeksisuutiin bara darbe hojiilee guguddoo raawwachaa turuu himaniiru.

Biiroon Aadaafi Turizimii Oromiyaa bara darbe sektaroota isa jala jiran waliin hojii milkaa’ina guddaa qabu raawwateera kan jedhan Obbo Huseen, baranas sektaroota isa jala jiran waliin qindoominaan hojjechuun bu’aa caalu galmeessisuuf kan hojjetu ta’uu himaniiru.

Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Damee Aadaa biirichaa Obbo Biraanuu Buuxee akka jedhanitti, hojiileen bara darbe aadaafi duudhaa Oromoo guddisuuf raawwatamaa turaniin bu’aalee guguddoon galmaa’aniiru. Gama iddoowwan hawwata turizimii adda baasuufi beeksisuutiinis hojiileen bu’a qabeessi guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyattii utuban hedduun raawwatamaniiru. Iddoowwan hawwata tirizimiif oolanis qo’annoodhaan adda ba’aniiru. Hojii mootummaan naannoo Oromiyaa iddoowwan hawwata turizimii misoomsuuf raawwataa tureenis milkaa’inoonni guguddoon galmaa’aniiru.

Iddoowwan hawwata turizimii adda ba’an hawaasa naannawaa hirmaachisuun misoomsuun kallattii hojii ijoo bara kanaa ta’uu himanii, hojiin qabeenyawwan hawwata turizimii beeksisuus caalaatti cimee kan ittifufu ta’a. Hojiin misooma ‘Holqa Soof Umar’ Godina Baaleetti qindoomina mootummaa federaalaafi naannichaatiin raawwatamaa jirru yeroo xumuramu dinagdee biyyaa utubuufi hawaasa naannichaa fayyadamaa taasisuu keessatti gumaacha olaanu kan qabu ta’uu himaniiru.

Hojiin ijaarsi Pirojektii Ikkoo Turizimii Haroo Wancii-Dandiis dhiyeenyatti xumuramee tajaajila turizimii kennuu ni jalqaba kan jedhan Obbo Biraanuun, hojiin iddoowwan hawwata turizimii misoomsuu carraa hojii bal’aa uumuun rakkoo hojidhabdummaa hir’isuufi dinagdee biyyaa utubuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf hojiin akkasii gara fuulduraatti cimee kan  itti fufu ta’uu himaniiru.

Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaatti Hogganaa Ittaanaafi Ittigaafatamaan Damee Turizimii Oromiyaa Obbo Hundee Kabbadaa akka jedhanitti, hojiilee biirichi gama aadaatiin raawwataa tureefi jiru damee turizimiitiif galtee guddaadha. Kanaafuu dameen aadaafi dameen turizimii hidhata cimaa qabu.

Bara darbe hojiilee iddoowwan hawwata turizimii sadarkaa godinaa, aanaafi bulchiinsa magaalaatti jiran adda baasuufi beeksisuuf hojiilee raawwatamaniin bu’aawwan gurguddoon galmaa’aniiru. iddoowwan hawwata turizimii kunneen qorachuu qofa osoo hintaane misoomsuufi beeksisuunis barbaachisaadha. Hojiilee bara darbe qabeenya turizimii keenya beeksisuuf  raawwatamaniin yaa’iinsi turistii biyya keessaafi alaa dabalaa jiraachuus eeraniiru.

Iddoowwan hawwata turizimii naannoo Oromiyaa keessa jiran misoomsuuf pirojektonni gurguddoon mootummaa naannichaafi mootummaa federaalaatiin hopjjetamaa jiran hedduu ta’uu himanii, pirojektoota mootummaa federaalaatiin hojjrtamaa jiran keessaa kan akka ijaarsa pirojektii Ikkoo Turizimii haroo Wancii-Dandii  eeruun ni danda’ama. Ijaarsi pirojektii kanaa yeroo dhiyootti xumuramee tajaajila kan oolu ta’a. Hojiileen iddoo hawwata turizmii misoomsuu mootummaa naannoofi federaalaatiin raawwatamaa jiran yeroo xumuraman damee turizimii naannichaarratti jijjiirama guddaa kan fidu ta’uus himaniiru.

Ayyaana Irreechaa dabalatee festivaalonni Oromiyaa keessatti adeemsifaman yaa’iinsa tuuristii akka dabalan gochuufi iddoowwan hawwata turizimii caalaatti beeksisuun hojii ijoo baranaa ta’uu eeranii, hojiillee misooma iddoowwan hawwata turizimii jalqabamanii jiran dafanii xumursiisuunis kallattii hojii ijoo baranaa keessaa isa biraa ta’uu himaniiru.

Dameen turizimii naannichaa madda galii ta’uun guddina dinagdee naannichaas ta’e biyyattii akka utubuu taasisuuf  sektaroota adda addaa wajjin hojjechaa jiraachuu kan himan Obbo Hundeen, turizimiin sochii namaatiin walqabata waan ta’eef rakkoo nageenyaa furuun dhimma xiyyeeffannaa olaanaa barbaaduudha.

Waggoota sadan darbanii as turizimiin naannichaas ta’e biyyattii sababa dhibee ‘Koviid-19’fi sababa rakkoo nageenyaa Itoophiyaa kibaatti  mudatee tureen qoramaa turuufi erga walwaraansi Kaaba Itoophiyaatti adeemsifamaa ture dhaabbatee as garuu sochiin turizimii naannichaa fooyya’aa jiraachuu himaniiru.

Nageenyi hundumaa dursa. Sochiin turizimii kan jiraatu yoo nageenyi jiraateedha waan ta’eef dhimma nageenya buusuurratti bal’inaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himanii, akka naannoo Oromiyaattis qaamoleen hidhatanii socho’an waan jiraniif nageenya buusuun dhimma xiyyeeffannaa guddaa barbaaduudha. Turistiin socho’uun dura haala nageenyaa waan ilaaluuf mootummaan hojii nageenya mirkaneessuuf taasisaa jiru cimsee itti fufuu akka qabu dhaamaniiru.

Ayyaanni Irreechaa turistii biyya keessaa dabaluu keessatti gahee olaanaa qabaachuu kan himan Obbo Hundeen,  turistoonni biyya alaas baay’inaan ayyaanicharratti akka hirmaatan taasisuuf hojii ayyaanicha beeksisuu ittifufiinsaa hojjetamuu qaba. Ayyaanichi yaa’iinsa turistii biyya alaa dabaluu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuus himaniiru.

Komiishinarri Ittaanaa Komiishinii Turizimii Oromiyaa  Obbo Daraaraa Katamaa akka jedhanitti, qabeenya turizimii naannichaa beeksisuufi misoomsuun hojiile ijoo komiishinichi raawwachaa jiruudha. Naannichi qabeenya turizimii guddaa qabaatus bu’aa barbaachisu irraa argachaa hinturre. Komiishinichi erga hundaa’ee as hojii qabeenyawwan turizimii naannichaa beeksisuufi misoomsuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojii gama kanaan raawwatamaa turaniin yaa’iinsi turistoota  biyya keessaafi biyya   alaa dabalaa dhufeera jedhu.

Bara darbe turisoota biyya keessaa miliyoona 9.5fi turistoonni biyya alaa kuma 237 naannoo Oromiyaa daawwataniiru kan jedhan Obbo Daraaraan, yaa’iinsa turistii biyya keessaarraa galiin qarshii biiliyoona 9.8 akkasumas yaa’iinsa turistii biyya alaarraa galiin qarshii miliyoona 485 kan argame ta’uu eeraniiru.

Hanqinni bu’uraalee misoomaa kanneen akka ibsaa, daandii akkasumas dhaabbilee tajaajila turizimii kanneen akka hoteelaafi rizoortii rakkoolee damee turizimiirratti mul’atan ta’uu himanii, rakkoon nageenyaas sochii turistootaa daangessuun galii turizimiirra argamuu waan xiqqeessuuf rakkoolee eeraman furuurratti xiyyeeffannaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Fulbaana 5 Bara 2015

Recommended For You

6 Comments to “Oromiyaatti yaa’iinsi turistii biyya keessaafi alaa dabalaa jira”

  1. Pingback: Diyala Bauc14
  2. Pingback: unieke reizen

Comments are closed.