Waggoota shan dura Itoophiyaa keessatti pirojektota eegalanii xumuruun daran rakkisaa ture. Bakkeewwan hedduutti dhagaan bu’uuraa pirojektiiwwaniif taa’uus dhadhaa abidda buute ta’ee hafeera. Inumaayyuu dhagaan bu’uuraa taa’e utuu walitti qabamee pirojektii guddaa raawwachiisa jedhamee itti qoosamaa tureera.
Kun erga mootummaan jijjiiramaa aangootti dhufee garuu bu’uurarraa jijjiirameera. Pirojektotni haaraafi gurguddoon eegalaman yeroo gabaabaa keessatti xumuramaa jiru. Inisheetiivii Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiyyi Ahimad (PhD) eegalsiisaniin pirojektota guguddoo fakkii biyyattii jijjiiraniif sadarkaa guddina biyyattii ol kaasan hojjetamaa jiru. Keessumaa Finfinneetti yeroo gabaabaa keessatti hojiileen hojjetaman kan abdii namatti horaniidha.
Magaalaan guddittii biyyaafi Oromiyaa, teessoon Gamtaa Afrikaa Finfinneen magaalaa fakkeenya Itoophiyaa ta’aa jirti. Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaas fakkeenyummaa magaalaa kanarraa muuxannoon akka horatamuuf waltajjii marsaa 14ffaa ‘Sila Itoophiyaa’ jedhuun qopheessu Wiixata darbe bakka aanga’oonni mootummaa naannoofi federaalaa, pirezdaantonni yunivarsiitii, abbootiin amantiifi keessummoonni waamichi taasifameef argamanitti Godambaa Saayinsiitti adeemsiseera. Akkasumas agarsiisni suuraa torban tokkoof turu Addababa’ii Masqalaatti banameera.
Waltajjii dhimma dinagdeerratti yaada ka’umsa marii kan dhiyeessan Ministir De’eetaan Ministeera Maallaqaa Iyyoob Takkaalliny (PhD) akka jedhanitti, waggoottan darban hojiileen pirojektii meegaa waliin walqabatee hojjetaman odeeffamuu baatanis wantoota gurguddaatu itti raawwatame.
Kanaanis jijjiiramni yaadaa bu’uurarraa dhufaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa siyaasni biyyittii fooyya’aa dhufaa jira. Waggoota sadan darban jechoonni akka dhiphummaafi oftuulummaa dhaga’amuu dhabuunsaanii bu’aa waan tasa dhufe osoo hintaane itti yaadamee wantoota adda nama baasan irratti osoo hintaane obbolummaafi tokkummaarratti waan hojjetameefi.
Gama dinagdeetiinis wantoonni yaadama ummataa jijjiiran haaraa hedduun dhufuu kaasanii, waa’ee guddina dinagdee yommuu yaadamu dhiphisanii waa’ee damee tokkoo qofa yaaduu osoo hintaane, keessumaa fooyya’iinsa dinagdee mandhaleerratti hojiin hojjetamu jijjiirama olaanaa kan qabu ta’uu himu. Kanaanis pirojektiiwwan yeroo gabaabaa keessatti eegalanii xumuruun danda’amuusaa eera.
“Pirojektotni yeroo gabaabaa keessatti xumuraman wantoota hedduu kan barsiisanidha. Inni jalqabaa waa’ee xumuranii jalqabuuti. Kanaan bu’aan hoggansa humna waliigalaa biyyattii ilaale itti mul’ateera. Pirojektonni kunneen gaafuma eegalaman akka xumuraman kanneen beekamaniidha jechuudha.
Kun aadaa haaraa hoggansa kana keessatti dhufeedha; kana dura waa’ee jalqabuu malee waa’een xumuruu yaadamaa hinturre. Kun waan akka biyyaatti qabnu akka ilaalluuf carraa bal’aa nuuf uumeera. Gaafa yaadan fagoofi ulfaataa kan fakkaatan garuu bira ga’uun akka danda’amu kan agarsiisaniidha” jedhu.
Inni biraan karoorawwan qabaman ittifufiinsa kan qaban ta’uunsaanii kan itti beekame ta’uu kan dubbatan ministir de’etichi, yeroo baay’ee biyyattiitti kan barame dhimmoonni tokko akka sinsinniitti ka’anii kan ho’an waan ta’aniif aadeeffatamanii kan dagatamaniifi hafan ta’uu himu. Pirojektiiwwan wayita ammaa akka biyyaattiitti keessumaa akka magaalaa Finfinneetti hojjetamaa jiran garuu ittifufummaa qabaachuun kan itti mul’ate ta’uu ibsu.
Finfinneetti pirojektonni kantiibaa magaalattiin durfamanii hojjetamaa jiran hedduun jiraachuu eeranii, pirojektota kanneenis Aadde Adaanacha ganamaafi galgala kan to’atan, kaabineen kan irratti mari’atuufi garee hojicha qabu sirriitti kan ilaalu yoo ta’an, hojichis sa’aatii 24:00 kan hojjetaman ta’uusaatiin milkaa’aa ta’uu himu. Kun waan haaraa nuti kanaan dura hinqabneefi waan tokko ittifufiinsaan ilaalaniifi hordofanii hojjechuu horatame ta’uu dubbatu.
Akka ibsa Doktar Iyyoobitti, pirojektonni yommuu eegalaman rakkooleefi mormiiwwan garagaraa mudachuu ni malu. Ta’us yommuu xumuraman maal akka ta’an yaaduudhaan waan odeeffamu akka nama hindhageenyee ta’anii yaada, ijaafi onnee xumura pirojektiirra taasisuun murteessaadha. Kunimmoo pirojektii tokkorrattis ta’e kaanirratti kan dhiifamuu qabu ta’uu hinqabu.
Kana malees pirojektota meegaa ijaarsasaanii qofa osoo hintaane yaadnisaaniillee meegaa ta’uu himanii, akka fakkeenyaatti pirojektota wiirtuu soora harkaqal’eeyyiifi soora barattootaa, haaressi manneen harkaqal’eeyyiifi hojiileen biroo harkaqal’eeyyiirratti xiyyeeffatanii magaalaa Finfinnee keessatti hojjetaman kaasu.
Pirojektiin maatii tokko keessatti hiika fidu hojjetamuun isaa bu’aa olaanaa waan qabuuf akka pirojektii meegaatti kan fudhatamu ta’uu dubbatu. Akkasumas pirojektiin hojjetamu nama bu’ureeffatee kan hojjetamu waan ta’eef hiiknisaa olaanaa ta’uu kaasu.
“Pirojektotni hojjetaman kan kaleessaa, har’aafi boriiti. Fakkeenyaaf pirojektiin ‘ADUWA Godambaa Adwaa’ seenaa kaleessaa keenya kan baasu, seenaa Itoophiyaanootaa guddisee kan baasedha. Pirojektota kanneen akka Inxooxxoo, paarkii tokkummaafi michummaa ammoo har’a keenya.
Pirojektiin kanneen akka Muziyeemii Saayinsii ammoo borii keenyadha. Akkasumas pirojektota hojjetaman karaa ummata hirmaachiseen kan hojjetaman waan ta’eef xumuruuf humna kan ta’aniidha” jedhu.
Akka waliigalaatti pirojektotni Finfinneetti hojjetaman magaalattii qofa osoo hintaane akka biyyaattuu waantonni hedduu kan irraa baratamu ta’uu kaasu.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebee gamasaaniin waltajjiin marii 14ffaa mata duree “Finfinnee fakkeenya Itoophiyaa” jedhuun sagantaan marii dhiyaateen, Itoophiyaan bifa daneettii ta’uushee kan itti mul’ateefi kanas, jaalalaafi walkabajuu miidhagina kan taasifatte Finfinneen magaalaa guddummaa bira dabartee fakkeenya Itoophiyaa taatee itti mul’atte ta’uu kaasu.
“Hirmaannaan siyaasaafi hawaasummaa cimaan hunda of keessatti qabate akka jiraatuuf, akkasumas fayyadamummaa dinagdee mirkaneessuuf gaheen waltajjiiwwan akkanaa olaanaa waan ta’eef ni deeggarra.
“Uumuufi saffisaan, qabeenya, beekumsaafi galtee qindeessinee ciminaan hojjachaa injifannoowwan jireenya dhala namaa jijjiiran hedduu gonfanneerra. Bu’aawwan kana dhaloota dhufu dabalatee kan ittifayyadaman waan ta’eef waa’ee Itoophiyaa hojjachuu keenyatti niboonna” jedhu.
Kan hir’ate guutuufi milkaa’inoota jiran fooyyessuuf waltajjiiwwan akkanaa daran waan barbaachisaniif, yaadoleefi ilaalchota hirmaattotaan kennamaniin caalaatti hojjechuuf qophii ta’uu ibsu.
Raawwachiisaan Hojii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa Obbo Geetinnat Taaddasaa gamasaaniin, waltajjiin ‘Sila Itoophiyaa” marsaawwan 13 darbanitti naannooleefi magaalota biyyattii addaddaa keessatti adeemsifamaa ture, waltajjii Itoophiyaanonni ijaarsa biyyaaf yaada itti waljijjiiran yoo ta’u, addaddummaa walitti dhiyeessuuf, injifannoo waliirratti waliigaluuf, qormaatawwan beekuufi riqicha ittiin ce’amurratti mari’achuuf akkasumas, kallattii fuulduraarratti mari’achaa deemuuf yaadamee kan qophaa’e ta’uu himu.
Saamraawiit Girmaatiin
BARIISAA SANBATAA Qaam’ee 4 Bara 2015
8 Comments to “ “Yeroon pirojektota itti eegalanii dafanii xumuruun itti mul’ate amma” -Iyyoob Takkaalliny (PhD)”
Comments are closed.