Gadii bu’uun hirmaannaa atileetootaa Oromiyaarraa maddanii xiyyeeffannaa cimaa barbaada

Finfinnee: Seenaa Atileetiksii Itoophiyaa keessatti, atileetoonni Oromiyaa keessaa maddan qabxii olaanaa galmeesisuufi miidhagina waltajjii fiigichaa ta’uunsaanii yaadannoo yeroo dhihooti. Kanaafis akka agarsisaatti, Abbabaa Biqilaa, Warquu Biqilaa, Maammoo Waldee, Daraartuu Tulluu, Geexee Waamii, Qananiisaa Baqqalaa, ijoollee Dibaabaa, Silashii Sihin, Maarqos Gannatii, Isheetuu Turaafi kanneen biroo hedduu kaasuun ni danda’ama.

Kun garuu wayita ammaa jijjiiramaa hirmaannnaan atileetoota Oromiyaarraa maddanii xiqqaachaa deemeera. Kanarratti jaalattoonnifi dinqisifattoonni ispoortii komii olaanaadha kan qaban. Nutis dhimma kanaaf kanneen atileetiksiin walqabatan biroorratti Pirezidaantii Atileetoota Itoophiyaafi Ittaana Walitti Qabaa Koree Tekinikii Federeeshinii Itoophiyaa Komaandar Maarqos Gannatii keessummaa keenya taasifannee turre.

Innis yaada Gaazexaa Bariisaaf kenneen akka jedhetti, dhimmicha federeshinichi hubatee yeroo ittaanuutti xiyyeeffannaadhaan kan irratti hojjetudha. Oromiyaa keessaa atileetiksii qofa miti ispoortii baay’eensaa badaa jira. Ijoolleen carraaqqii mataasaaniitiin dhufaa jiru malee godaa kaasee hojiin qixa sirriidhaan hojjetamee dhufaa jira jechuun hindanda’amu.

“Yeroo duraa kilaboonni gara 20 ta’an dhaabatanii turan. Yeroo murtaa’eefis sochiin taasisaa turan ni jira. Sanaa booda garuu inuma bade. Wayita ammaa kilaboonni sunneen nama lama, sadii qabataniitudha maqaadhaaf jirra kan jedhan. Kan immoo sirriitti ittideemee hojjetaa jirus ni jira. Kanarratti hojiin hojjetamuu qabu waan hin hojjetamneef caalaatti hojii kan barbaaduudha” jedha.

Silaa haala taa’umsa, qilleensa, nyaataafi wantoota mijatoo qabaachuutiin Oromiyaa keessaa atileetonni hedduu madduun akka irra ture kaasee, olompikiiwwan kana dura darban keessatti meedaalistoonni Itoophiyaa hedduun %95 ijoollee Oromiyaarraa kan maddan ta’uu ibsa. Sun bu’uura guddaa ta’uun osoo irra jiruu, har’a sana dagachuun, qaamni dhimmisaa ilaallatu kana jijjiiruu dhiisuudhaan wanti amma mul’atu mudachuu dubbata.

“Kanarratti iyyinee dadhabnee dhiisne. Namoota kanneeniif ittidhihoo ta’aaniifi iddoo guguddaarra jiran gallee haasofsiisnee sosochii guddaa hojjennee turre. Garuu nurratti gatuudhaan sadarkaa kana qaqqabeera. Akka fakkeenyaatti waanin sii kaasu tokko, shaampiyoonaa Itoophiyaa baranaarratti Oromiyaan hamma hirmaachuu dhabuutti qaqqabee ture. Kana jechuun hammam akka namatti dhaga’amu yaadi. Gaafa guyyaan lama sadii hafuudha dhufanii kan hirmaatan. Haala amma jiruun sadarkaa dhumaarra ga’eera jechuun ni danda’ama” jedha.

Akka ibsa Komaandar Maarqositti, isa kanaaf sababoota kaasan addaddaa qabatanis, kan barbaachisu isa darbetti gaabbanii isa dhufurratti yoo hojjetan malee daran yaaddessaadha. Atileetiksiin yeroo dheeraa waan barbaadu malee waan har’a hojjetame har’uma kan ittiin argatan waan hintaaneef ammumaa godaa kaasanii irratti yoo hojjetanii fidan malee sadarkaa barbaadamuun ga’uun hindanda’amu. Wantoota dura turantu sadarkaa kufaatii atileetiksii Oromiyaa har’aa fide.

Akka waliigalaatti atileetiksii biyyattii akkuma duraa sana tokkummaan atileetotaa deebi’ee ummannis waliin ta’ee arguun abdii nama hundaa ta’uu ibsee, keessumaa dhaloota booda dhufuuf waan gaarii ka’anii darbuu akka barbaachisu hima. Kanaaf garuu hunduu irratti hirmaachuufi waltajjii ykn dirree malu bal’isuunis dirqama ta’uu kaasa.

“Kaleessa waan qabnu, gidduutti waan dhabne, ammammoo deebi’uuf wanti abdii qabu waan jiruuf akka gabbatu taasisuuf tumsuu barbaachisa. Pirojektota maqumaaf jiran baay’ee qabatamaadhaan akka jiraatan gochuu gaafata. Mootummaanis maallaqaafi ogummaadhaan deggaree, federeshiniinis ittigaafatamasaa qixa sirriin ba’atee, abbootii qabeenyaafi ummannis nu cinaa dhaabannaan atileetiksii keenya bakka yaadneen ni geenya” jedha.

Saamraawiit Girmaatiin

BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015

Recommended For You

3 Comments to “ Gadii bu’uun hirmaannaa atileetootaa Oromiyaarraa maddanii xiyyeeffannaa cimaa barbaada”

  1. Pingback: EChome.sg

Comments are closed.