Finfinnee: Hawaasni ofeeggannoon dhibee busaafi koleeraa seensa gannaarratti taasisaa ture ba’umsarrattis cimsee ittifufuu akka qabu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.
Biirichatti, Daarektarri Ittisaafi To’annoo Dhukkuboota Daddarboo Obbo Darajjee Addunyaa, Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf dheengadda akka ibsanitti, hawaasni fayyummaasaa eeggachuuf ofeeggannoo dhukkuboota daddarboo waqtii seensa roobaatti taasisaa ture ba’umsa roobaattis ittifufsiisuun fayyummaasaa eeggachuu qaba.
Yeroowwan eeraman kunniin tatamsa’ina dhibee busaafi koleeraatiif mijatoo ta’uu himanii, keessumaa godinaaleen Iluu Abbaaboor, Jimmaa, Wallagga afran, Shawaa Bahaa, Arsii Lixaa, Gujiifi Gujii Lixaatti mul’atee turuu ibsaniiru.
Mootummaanis dhibee kana ittisuuf saaphana ittisa bookee busaa miliyoona 6.8 raabsuufi keemikaalli farra bookee busaa manneen kuma 200 oliirratti biifamuufi yaalii qorichaa gaggeeffamus naannicha keessaa guutuutti dhabamsiisuun waan hindanda’amneef ofeeggannoon hawaasaa cimee ittifufuu qaba jedhaniiru.
Birraan seenaa waan jiruuf bishaan bakka tokko ciisee walhormaata bookee busaaf haalli mijataan akka hinuumneef hawaasni kuufama bishaanii naannawaasaa jiru dhangalaasuun ofeeggannoo taasisuu akka qabu yaadachiisanii, saaphana ittisa bookee busaa raabsame daa’immaniifi dubartoota ulfaaf dursa kennuu fayyadamuu akka barbaachisu hubachisu. Namootarratti mallattooleen kanneen akka qaamni gubuu, fedhiin nyaataa hir’achuufi hollachiisuu yoo mul’ate mallattoo dhibee busaa waan ta’aniif hatattamaan mana yaalaatti geessuu akka barbaachisu gorsu.
Dhibeen koleeraas haaluma walfakkaattuun rooba hordofee hanqina qulqullina bishaaniifi nama dhuunfaatiin kan dhufu ta’uu kan himan Obbo Darajjeen, barana qofa godinoota sagaliifi magaalota shan keessatti bal’inaan mul’achuu ibsu. Ammas darbee darbee godina Baaleefi Arsii Lixaatti seenee mul’atus godinoota baay’ee keessatti akka to’atame ibsaniiru.
Dhibeen koleeraa bishaan faalamaan waan babal’atuuf hawaasni dhibee kanarraa baraaramuuf bishaan danfisee fayyadamuu, nyaata osoo hinqopheessin akkasumas fayyadama mana fincaanitiin booda harka dhiqachuufi boolla mana fincaanii fayyadamuun ofeeggannoo dhibee koleeraaf murteessaa ta’uu himaniiru. Hanqina qorichaaf Ministeerri Fayyaa xiyyeeffannoo akka laatus gaafataniiru.
Gammachuu Kadiriin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
8 Comments to “ Ofeeggannoon dhibee busaafi koleeraa cimee ittifufuu qaba”
Comments are closed.