Finfinnee: Qo’annoon Baankiin Addunyaa taasise akka mul’isutti, Oromiyaatti dubartoonni hanga bara 2015tti hojii invastimantiirratti hirmaatan %13.1 ta’uu mul’isa.
Kun hirmaannaan dubartoota hojii invastimantiirratti hangam gadibu’aa ta’uu agarsiisa. Rakkoo gama kanaan jiru furuuf Biiroon Invastimantiifi Industirii Oromiyaafi Baankiin Addunyaa Wiixata darbe Finfinneetti qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin mari’ateera.
Invastaroonni dubartoota maricharratti argaman akka jedhanitti, hanqinni faayinaansii, dhiyeessii galteewwanii, bu’uuraalee misoomaa, qarshii liqii, lafa invastimantii yeroon kennamuu dhabuun, birokraasiin, malaammaltummaan, dhiirotaafi dubartoota walqixa keessummeessuu dhabuufi walitti hidhamiinsi gabaa rakkoolee guguddoo hojii invastimantiirratti isaan mudachaa jiru.
Baankiin Misoomaas damee tajaajilaarratti liqii kan hinkennine ta’uu himanii, mootummaan naannichaa invastaroota dubartootaaf xiyyeeffannaa addaa akka kennu gaafataniiru.
Baankii Addunyaatti Gorsaan Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa Obbo Wandimmuu Tasfaayee akka jedhanitti, lakkoofsa ummata Itoophiyaa miliyoona 120 ta’u keessaa %50 ol dubartoota yoo ta’an, lakkoofsi dubartoota invastarootaa garuu daran xiqqaadha.
Hirmaannaan invastaroota dubartoota Oromiyaa bara 2011 %4 irra ture sochii hirmaannaasaanii guddisuuf taasifameen bara 2015tti gara %13.1tti guddateera. Hirmaannaa invastaroota dubartootaa guddisuuf qaamoleen mootummaa, miti mootummaafi dubartoonni qindoominaan waliin hojjechuu akka qabanis eeraniiru.
Hanqinni faayinaansii rokkoolee ijoo hojii invastimantiin walqabatanii ka’an keessaa adda durummaan akka eeramu himanii, baankonni liqiidhaan walqabatu furuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qabanis gorsichi ni dubbatu.
Aadde Sa’aadaa Yaasin Invastara dubartoota Oromiyaa keessaa tokko yoo ta’an, Magaalaa Roobeetti invastimantii tajaajilaa (hoteelaafi geejjibaarratti) hirmaatanii hojjechaa jiru. Daldala gabaa keessaarraa ka’uun gara invastimantiitti ce’uufi yeroo ammaa konkolaattota ummataa afur akkasumas hoteela abbaa darbii sadii ammoo ijaarsisaa jiraachuufi sadarkaa kanarra ga’uuf bu’aa ba’ii hedduu keessa darbuu dubbatu.
Hojiin invastimantii tattaaffiifi tasgabbii cimaa barbaada kan jedhan Aadde Sa’aadaan, namni kamuu yoo xiiqiifi kutannoon hojjete sadarkaa xiqqaarraa ka’ee sadarkaa guddaarra ga’uu ni danda’a. Hojiin invasimantii har’uma ka’anii kan jalqabaniifi kan itti milkaa’an miti jedhu.
Bu’aa ba’iin waggoota shan dura hojii invastimantiirratti ture hammaataadha. Waggoota shanii as haalonni fooyya’oon jiraatanis hojichi ammayyuu caalaatti fooyya’uu qaba.
Gara fuulduraatti damee hojii invastimatii caalaatti babal’isuufi guddisuuf kutannoofi kaka’umsa cimaan kan hojjetan ta’uu himanii, haqinni simintoofi bishaanii hojii ijaarsaa isaan Ginniiritti hojjechaa jiranirratti dhiibbaa guddaa uumaa jiraachuu dubbatu.
Hojiraawwachiiftuu Olaantuu Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa kan ta’an Aadde Sannaayit Mabree akka jedhanitti, hirmaannaan dubartootaa hojii invastimantiirrattis ta’e hojiilee biroorratti baay’inasaanii wajjin kan walsimu waan hintaaneef xiyyeeffannaa guddaan irratti hojjetamuu qaba.
Baankiin akkuma barbaade qarshii liqeessuu waan hindandeenyeef Biiroo Invastimantiifi Industirii Oromiyaa waliin ta’uun rakkinicha furuuf kan hojjetan ta’uus eeraniiru.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Hagayya 27 Bara 2015
5 Comments to “ Hirmaannaan dubartoota Oromiyaa hojii invastimantiirratti maaliif xiqqaate?”
Comments are closed.